IMG_20160808_095115IMG_20160808_095808IMG_20160808_095902IMG_20160808_100007IMG_20160808_100105Screenshot_2016-08-08-15-28-21Hagayya 07/08/2016 Sirni geggeessaa awwaalcha barataa Amaanu’eel Girmaa kan guyyaa gaafa hagayya 06/08/2016 Magaalaa naqamtee naannoo boordiitti kan wareegamee alaabaa adda bilisummaa oromoodhaan faayyamee geggeessaan Isaa raawwatee jira.
Sirna geggeessaa isaa irrattis dhaadannoolee dinqisiisoo fi wallewwaan warraaksaa dhageessifamaa oolanii jiru.
Uummanni magaalaa naqamtees sirna geggeessaa barataa Amaanu’eel girmaa irrattis diddaa mootummaa wayyaaneef qaban guutummaattis sagalee isaanii dhageessiffachaa  akka oolan beekamee jira.
Gara fuula duraattis tokkummaan kaanee mootummaa wayyaanee hundeen buqisnee guutummaa oromiyaa keessaa baasuus qabna jechuun geggeessaa barataa Amaanu’el xumuranii oolanii jiru.
Mootummaan wayyaanees Sirna geggeessaa awwaalchaa barataa Amaanu’eel dhorkuuf yemmuu yaalutti qeerroon magaalaa naqamtee garuu sodaa tokko malee dhaadannoo dhageesisaa geggeessaa barataa kanaa akkanni raawwatamu godhanii oolanii jiru.
Mootummaan wayyaanees akkuma amala isaa uummata karaa nagaan Sirna awwaalchaaf ba’an irratti dhukaasa banuun uummata nagaa goolaa akka oole maddeen keenya ifa godhu.