Muddee 30,2013
Guyyaan WBO Amajjii 1 fi Barri Haaraan 2014 Golee Oromiyaa bakkeewwan garaa garaa keessatti Uummata Oromoon haala hoaan kabajamaa jira. Guyyaan WBO Amajjii 1, Magaala Finfinnee keessattii fi Yuunivarsiitii Finfinnee keessatti haala hoaan ayyaaneffatamee jira. Miseensotni Qeerroo, Sabboontotni Oromoo Yuunivarsiitii Finfinnee keessaa maadhee maadheen walitti dhufuun alaabaa ABO qabachuun, dungoo diimaa magariisa diimaa ibsuun ayyaaneffatanii jiran. Yuuniavrsiitii Finfinnee damee kiiloo 6, 4 fi 5 Keessaa qindeessitootni maadhees addatti walitti dhufuun ayyaanessanii jiran. Miseensotni Qeerroo fi sabboontotni Oromoo Yuunivarsiitii kana keessaa hojiiwwan darban gabaasaan dhiyeessuun kan gamaggaman yoommuu tahu hanqinootaa fi jabinawwan jiran adda baasuun marii balaa taasisanii jiran. WBO cinaa dhaabbachuufis gumaata maallaqaa qarshii 1280 gumaatanii jiran. Shira mootummaan wayyaanee habashummaa dagaagsuuf Wallisaa Teediroos Kaasahuun ( Teddy Afro ) Qabachuun sirna nafxanyaa leellisuuf jiran kanneen baasii dandaan Biiraa Baddallee fi Meettaa dura dhaabbachuu fi mormuu isaaniis addeessanii jiran.
Haaluma wal fakkaatuun Guyyaan WBO jiraattoota magaala Finfinnee bakkeewwan garaa garaa keessatti ayyaaneffatamee jira. Kutaa magaalaa Gullallee keessatti sabboontotni Oromoo walitti dhufuun Guyyaa WBO kabajanii jiran. Haaluma wal fakkaatuun Guyyaan WBO Amajjii 1, maadhee ABO waraana mootummaa wayyaanee keessatti argamaniin maadhee Haadhoo ABDII BORII jalaa walitti dhufuun alaabaa ABO qabachuun irbuu haaromsuun WBO cinaa akka dhaabbatan mirkaneessanii jiran.
Godina Harargee bahaa Yuunivarsiitii Haramaayaa, Dirree Dawaa, Magaala Dirree Dawaa, Harar, Awwadaay, Dhangaggoo fi Godina Harargee lixaa magaala Ciroo fi Yuunivarsiitii Haramaayaa Damee Ciroo keessatti qophiilee garaa garaadhaan ayyaaneffatamuu argama.