stBitootessa 26,  2016Saamicha Albuudaa Wayyaanee Uummata Keenya Naannoo godina Wallaggaa Lixaa Aanaa Najjoo Bulchiinsa Magaalaa Warra Jirruu  Irratti Taasisaa Jirtu namoonni qomoon isaanii Tigiree ta,an yeroo ammaa kana albuuda warqee lafa keessaa saamuutti argamu.
Haaluma kanaan guyyaa gaafa Wiixataa irraa kaasuunis naannoo albuudaan ba,aa jiru kanatti walitti bu,iinsi uummataaf namoota albuudaa kana baasaa jiran gidduutti uumamuun dhaga’amee jira.
Sababa kanaan, mootummaan gabroonfataan gita bittaa TPLFn durfamu kun uummata nagaa naannoo sanaa irraatti dhukaasa banuun uummata goolaa jiraachuu fi hidhaa jiraachuun beekamee jira.Walitti bu’iinsa kana irratti tarkaanfii ummanni naannoo sanaa fudhateenis konkolaattonni  heedduun maashiniin isaan ittiin warqee baasaa jiranis guutummaatti caccabanii hojiin ala ta’aniirum.
Fincila kanaan walqabatees, Barsiisonni fi Barattoonni akkasumas uummani naannoo sanaa heeduun isaanii gara mana adabaatti kanneen guuraman hedduu yeroo ta’an isaan keessaa muraasi maqaan nuqaqqabe:
1.Firaa’ol Nabiyyuu  Barataa
2.Ifaa Takilee Barataa
3.Marsimoy Nabiyyuu Barataa
4.Takilee Caalii Qotisaan bulaa
5.Daagim Dasaaleny Barataa
6.Bengeree Adisuu Qotisaan bulaa
7.Imaanaa Asfaw  Ogeessa maashina suphaa  kanneen maqaan isaanii tarreeffame kun kanneen mana adabaa Najjoo keessatti dararaan humnaa olii irra ga,aa jiruudha. kanneen yeroo ammaa kana iddoo isaan itti hidhamanii hin beekamne  immoo:
1.Sanbataa Tamasgeen Luba Waldaa MakaanaYesuus
2.Waannaa Tarreessaa B/saa
3.Eebbisaa Kooluu B/saa
4.Daanyee Asfaw  Barataa .
5.Baacaa Dafaa Qotisaan bulaa dha namoonni kun humna tikaan ukkkaamfamanii achi buuteen isaanii dhabamuu odeessi WarraJirruu irraa nuqaqqabe beeksiseeraam