Bitootessa 29,2015 Gabaasa Qeerroo Naqamte.
Maqaa dorgommii Ispoortii jedhuun dargaggoota Istaadiyoomii Wallaggaa keessatti walitti qabuun kan afaan faajjessaa jirtu Wayyaaneen,karaa dabballoota isaanii filmaataaf jecha barattoota Yuuniversitii Wallaggaa akka isaan mormii kamiinuu ka’u keessatti hin hirmaatne olola adda addaa gaggeessaa turan. Dargaggoonnis haala kana kan hubatan magaalaan Naqamtee keessa naannawanii mormii fi diddaa isaanii dhageessisaa oolanii jiru.
Kana irratti dabalees mooraalee Yuuniversitii fi naannoo Istadiyoomii keessa naannawuun dhadatnoo fi walleelee warraaqsaa akka dhageessisaa turan odeessi jiru beeksisa. Dadhatnoolee Qeerroon dhageessisaa turan keessas:-
  • Oromiyaan ni bilisoomti!
  • Mootummaan Wayyaanee gabroomfataa dha,
  • Abbaay Tshayyee farrummaa uumata Oromoof qabuun seeratti dhihaachuu qaba.
  • Walabbummaa fi bilisummaan Oromoof haqa.
  • Maaster planiin Finfinnee daddaffiin akka dhaabbatu fi kkf irra turan
Mormii dhageessifamee fi muldhifame kunis akka media adda addaa irratti hin dabarreef jecha manneen interneetii fi network jiru akka cufaa oolan gabaasi Qeerroo Naqamtee nu gahe addeessa.
IMG_20150327_124532