Yes We Can!!Amajjii 29,2015 gabaasa Qeerroo Adaamaa, Sochii mootummaan Wayyaanee maqaa filannootin ummata keenya burjaajessu dura dhaabbachuuf ,akkasumas filannoon biyya keenyaa ol’aantummaa paartii biyya bulchu qofaan kan adeemsifamu waan taheef ummatni Oromoo filannoo irraa akka of daangessee QBO faana sochii isaa akka taasisuuf ibsoota ejjennoo fi dhaaddannoowwan garagaraa kaleessa galgala magaala Adaamaa,bishooftuu,duukam fi fantaalle mataa haraa keessatti manneen barnootaa fi waajjiraalee jiran hunda irratti raabsamee jira. dhaaddannoowwan kunis
  1. Filannoon kijibaa mirga saba keenyaa hin dhugoomsu,akkasumas gabrummaadhaa nu hin baasu
  2. Filannoon mirga malee dirqamaa miti ,kanaaf kaardii filannoo dirqamaan kennuun haa dhaabbatu
  3. Barattoonno oromoo sababa gaaffii mirgaa gaafataniif qofa hidhamuu fi ajjeefamuun akkasumas mana barumsaa irraa ari’amuun haa dhaabbatu
  4. Qote bulaa oromoo sababa investimentiin qe’ee isaa irraa buqqisuun haa dhaabbatu
  5. Hoogganoota OPDO ergama wayyaanee galmaan gahuuf ummata keenya irratti hojjetan ni balaaleffaffa. fkn 1Abbaa duulaa Gammadaa (minaasee w/goorgis) 2,Kumaa Dammaqsaa (Taayyee Taklahayimaanot) 3,Muktaar Kadiir ,4,Abdul Aziiz Mohaammad fi kkf fa’a
  6. Ummata oromoo saboota ollaan walitti buusuf daangaa oromiyaa ciruun saba biraaf kennuun haa dhaabbatu
  7. Ilmaan oromoo oromummaa isaanin yakkamuun akka bineensaa adamsamanii jireenya isaanii irraa hidhaatti guuruun haa dhaabbatu
  8. Seerri ummata Oromoof  hin hojjenne ummata Oromoo irrattis hojjechuu hin qabu.
  9. HUB-Nuti sabni Oromoo mirgaa fi biyya diinaan nurraa mulqame filannoo sobaatin otoo hin taane qabsoodhan deeffanna- dhalli Oromoo shira mootummaan Wayyaanee uumata Oromoo irratti hojjechaa jiru hubachuun kaardii filannoo dirqamaan nutti laatamu dura haa dhaabbannu -maaster pilaanin finfinnee dhaabbatee otoo hin taane sochii barattoota oromoo dhaamsuf tooftaa bahe ta’uu hubachuun falmii keenya itti haa fufnu
    INJIFANNOON UMMATA OROMOOF
    Sochii taasifame kana erga agartee tikoonni wayyaanee daran yaaddoo keessa galuun dabballoota ishee magaala keessa facaasun waraqaa faca’e guuraa jiru ,dabalataanis haalichi mataa bowwoo itti tahee waan qabanii fi dhiisan dhabuun rifannoota keessa seenanii jiru  Qeerroo naannichaa irraa