Barreessaa dhugaa baasa!(Hariiroo Jorgootiin, Qeerroo Bilisummaa Oromoo-Oromiyaa!!)
OPDO’n DARRAA keessattan hundaaye jettee maaliif Uummata Sobaa turtee?
Boojuu waraana Darguu kan wayyaaneen walitti qabdee AADEET Tigraay keessatti hundeessite, Dhaabbanni OPDO kan hundeeffame KAABA SHAWWAA DARRAA keessattidha jechuun, Waggoota 24 oliif kan biyya sobaa turte itti fakkaattee OPDO’n of sobaa tute.
Haata’uutii isaan waan uummata sobne sehanii haa qabaxxaran malee isaanis namnis eessatti akka isaan hundaayaniifi maaliif akka hundaayan ni beeka. Waan gabaan odeessu gowwaan galee niitii dhoksa akkkuma jedhan waan hin jirre fakkeessuuf yaaluun mataa isaanii sobaa turaniiru.
Boojuun Tigirootaa kun tigirticha Taayyee Tekle Haymaanot kan Kumaa Dammaksaa ofiin jechuun of moggaase kanaan hogganamaa akkuma Oromiyaa seeneen qabsaayaa Oromoo of fakkeessuuf diraamaa gara garaa taasisaa turullee irraa hin milkoofne.
Keessaafuu, hammi beekaa Oromoo eenyummaa isaanii waan sirriitti beekuuf iyyaalota tokko tokko qarshiin mooksanii ufitti qabuun miseensota horachuuf yaalaniiru.
Garuu erga uumamte irraa kaatee namni beekaan tokko illee keessa seenuu dhabuu irraan kan ka’e kan qaaniin itti dhagahame OPDO’n iyyaalotuma walitti qabde kunneeniif Digiriifi Maastireetii badhaasaa koolleejjii ‘Civil service’ kaayyooma kanaaf hundeeffame irraa rabsaa kennuufiin gaawonii uffachiiftee suuraa kaasaa turte.Maal Baasuuf Dhama Raasuu