diddaa9Onkololessaa gaafa 20,bara 2014,Goototni Barattootni Oromoo koolleejjii barasiisota Jimmaa maqaa walga’ii tarsiimoo ”Haaromsaa Itoophiyaa” jedhuun olola mootummaan Wayyaanee sochii warraqsaa FDG dura dhaabbachuuf gaggeessuu balaaleffachuun sagalee diddaa dhageesisuun walga’ii Wayyaanotaa dhiitani ka’an.
Mootummaan abbaa Irree Wayyaanee maqaa walga’ii siyaasaa fi afaan faajjii baatee waliin rakkachaa jiru kana akkuma barattootni koolleejjilee barsiisota Oromiyaa gara mooraa barnootatti deebi’anii Koolleejjiiwwaan barsiisota kanneen akka Kolleejjii barsiisota Jimmaa, Kolleejjii barsiisota Naqemtee, kolleejjii barsiisota Mattuu, kolleejjii barsiisota Shambuu, kolleejjii barsiisota Asallaa fi kolleejjii barsiisota Baalee Roobeeetti walitti qabuun dirqamaan itoophiyummaa fi olola siyaasaa abbaa irree fudhachiisuuf torbee tokkoof teesisaa kan jiru goototni barattootni Oromoo Gaaffii kabajamuu mirga abbaa biyyummaa uummata Oromoo irratti kaachisuun wayyaanee dura dhaabbachaa jiru.
Addatti goototni barattootni Oromoo Koolleejjii barsiisota Jimmaa walga’ii Wayyaanee torbee tokkoof taa’aa jiran irratti guyyaa tokko guyyaan isaan tole jedhanii ergamtoota wayyaanee dhaaggeeffatan hin jiru, gaaffii mirga Oromoo fi Oromiyaa gadi jabeessanii irratti kaasuun isin uummata keenya ajjeessa  fi ajjeesisaa jirtu uummata keenyaa bakka bu’uu hin dandeessa biyya mootummaa hin jirre keessatti waa’ee mootummaa kaasuun keessan nuuf ifaa miti  biyyaa isin Itoophiyaa jettaan kana keessa mootummaa nama ajjeesuu malee mootummaan uummataaf dhaabbatuu fi uummata bakka bu’uu danda’uu keessatti ijaaramee hin beeku, seenaan biyya kana illee akkasitti barreeffamuu qaba jechuun ergamtoota Wayyaanee waan qabanii gadhiisaan wallaalchisuun  guyyaa har’aa sagalee mormii guddaa dhageesisuun walga’ii isiin gaggeessaa jirtaan hanga gaaffiin keenya deebii argatutti hin teenyu jechuun walga’ii wayyaanee dhiitanii ka’an.
Haaluma kanaan Ergamtootni Wayyaanee waan qabanii gadhiisan wallaaluun akkuma baratan humna poolisii waammachuun mooraan Koolleejjii barsiisota Jimmaa humna poolisaan eegamaa jira. Diddaa barattoota Oromoo Kolleejjii barsiisota jimmaa kana ilaalchisuun warabbii sagalee ni qabna waan ta’eef obsan nu eegadha, guyyaa boruuttis diddaan kun jaabatee kan itti fufu ta’uu beekamaa dha.