Sunday, December 24, 2017

Dhumaatiin Calanqoo Lammaffaa isa Dhumaa Tahuu Qaba!


Seenaan deebisee of agarsiisa akkuma jedhan hammenyi dhumaati Calanqoo Jaaraa tokko dura tahe har’a ija keenya dura itti yaroo lammattaa deebi’ee yaroo tahu gadda guddaa wajjin  argaa jirra. Dhumaatiin Annoolee , Calanqoo fi Haroo Arsedee deebi’ee deddeebi’ee akka uummata keenya irratti hin raawwatamne falli isaa waan tokko qofa. Fincila Xumura Garbummaa itti jabeessinee hida garboofatttuu Habashaa of keessaa yaroo dhumaaf yoo buqfinee gatne qofa.
Humni TPLF  falmaaa of keessaa injifatee, of qaree bifa haaraan  as bahe kun humna faashitii sanyii ilmaan Oromoo lafa irraa duguggee balleessuuf of booda hin jenne dha. Qabsoo fincilaa xummurra garbummaa laafisuun akka gareen TPLF kun basaasaa fi dabballee ishee deebiftee uummata Oromoo keessatti ijaarratuu gargaaruu taha.” Nagaan baradhaa”, “tasgabiin qabsaawwaa “, warri jedhuu warra TPLF akka yaroo argatee of ijaartu gargaaruuf ololaa jiran akka tahe adda baafnee hubachuu qabna. Kana booda TPLF deebitee uummata keenya keessa galuuf akka ayyaanna argatuu gochuu hin qabnu.
TPLF uummata keenya ajjeessuu fi dararuu yaroo itti dhaabbatu hin jiru. Harkaa keninee dhumuu immoo of irratti faccisaa du’uu nuuf wayya? Yoo of irratti lollee irraa dandamanee sanyiin keenya ni hafa. Yoo harka laatne garuu sanyii keenyatu duguugamee bada. Diinni kun nuuf gaddee lubbuu xinnaa fi guddaa keenyaa mararsiifachuuf amala namuma hin qabu. Yookan ammala bineesaa qaba yookaa immoo ilmaan Oromoo akka ilmaan bineesatti ilaala. Silaa namni nama irraa dhalate namaaf gada. Daa’ima, dubartii, jaarsaa fi jartii ajjeessanii mirga guddaa argannee jedhee qaanii tokko malee  kan of faarsu TPLF qofa. Kan galuuf yoo jiraate akkuma ibdi Universitii Adigraati keessa jiru ibdi Universitii Walagaa keessaas jiraachuu yoo agartu duwwaa dha.  Uummatni nagaan wal ajjeessuun karaa miti.  Haa tahu malee uummatni keenya ibida ibidaan of irraa ittisuuf dirqisiisamaa akka jiru waan wal nama gaafachiisu miti.
Of tullumman TPLF isa hiriyyaa qabu akka hin taane argaa jirra. Ijaarsota maqaaf illee ishee wajjin EPRDF keessa jiran akka hiriyatti ilaaltee ulifinaa namuma hin kenituuf. Waan barbaadu hundaa doorsisaa fi sodaachisuudhaan  gara barbaadetti ofaa  turte, ofaas jirti, gara fuula duraas ofuuf tilmaama qabdi. Kan ajaja TPLF hin fudhanne jiraachuuf haqa hin qabu. Ijaarsi TPLF ijaarsa xanacha hawwasa (cancer of the society) waan taheef  utuu hunda keenya hin balleessine wal taanee balleessuun yaroon isaa amma.
OPDO fi ijaarsoonni OPDO wajjin EPRDF keessa jiran TPLF dhiisan utuu uummata isaanii wajjiin dhaabbatanii ofuma isaaniif iyyuu nagaan jiraachuuf ayyaana argatu. Yoo har’a uummata isaanii irraa galgalanii TPLF wajjiin hariroo kan  galan  tahe  harkaan funyoo moramtti of hidhuudha taha. Kan isaan baasuu uummata isaanii wajjin dhaabbatanii gaaffii uummatni kaasaa jiruuf deebii kennuun filmaataa isaanii isa duraa tahuu qaba. Har’a illee qabsoo uummataa akkasi belbelaa jiru kana keessa namoota ergamtoota TPLF amanamoota tahuu isaa agrsiisuuf jala fiigaa jiran yaroo agarru baayyee gaddina. Maal?  Dhumaatiin uummata isaanii isaan hin mararuu? Cinqiin uummatni isaanii keessa jiru isaan hin gadisiisuu? Warri kun amma yoom itti garaa isaanii qofaaf jiraatu? Uummatni warra kana TPLF irra adda baasee ilaalaa?  Warri kun uummata keessa bahan gananii utuu ija isaanii durati uummatni isaanii dhumaa jiruu dhiigaa ilmaan Oromoon daldaluun adabbii isaanii kan TPLF irra dachaa akka tahuu godha.
Qabsoo Fincila Xumura Garbuummaa daran itti mudduuf gargaarsi Qeerroo Bilisummaa  Oromoof godhamu dacha dachan biyyaa keessaa fi alaa jabeessuu qabna. Deemsi qabsoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo baredaa tahee utuu jiruu akka ijaarsatti OPDOn uummata keenya wajjin taha jennee akka hin gowwomnee fi hin daganne baayyee nama yaadeessa. Akka ijaarsatti OPDON qaama EPRDF. EPRDF immoo qaama TPLF waan taheef uummata caalaa isaan walitti siiqu. Utuu yaadan adda tahanii illee akka salphaatti walitti deebi’uu danda’u. Qeerroon Bilisummaa Oromoo qaama OPDO tahuu hin danda’u.  Iccittii ijaarsa isaa qabatee OPDO ofitti ammachuu ni danda’a.
Biyya keessatti Qeerroon Bilisummaa Oromoo wareega qaalii baasuudhaan uummata Oromoo walii galla sochoosee qabsoo  bilisummaaf qopheessee jira.  Kun ijifannaa isa dura ti.Dammaqinsi fi sochiin uummata humna ittisaa yoo hin qabanne, diinni meeshaa waraana guddaa qabuu akka barbaadee itti roorisuu fi gaga’ama guddaa irraan gahuu danda’a. Gagaga’ama argamuu irraa kan ka’e uummatni rifatee akka gara boodaa hin deebine tilmaamni jiraachuu qaba. Diinni meeshaa qaba. Nuyi  immoo gamtaa qabna. Gamtaan keenyaa meeshaa diinaa gadi miti. Lakkobsi saba keenya kan humna tahu yoo gamtaan dhaabanne dha. Haalli kun sadarkaa nama bonsu irra gahee jira.Yoo Oromoon Amboo irratti wareegame Oromoo  Balee jirutu dirmata. Yoo Oromoo Harare irratti dhumu Oromoo Walaga jirutu Dirmata . Yoo Oromoon Boranati gaaga’amu Oromoo Waloo jirutu dirmata. Galatoomaa Qeerroo kan uummata keenya wal hubachiftanii. Akka humna isaa illee hubatuu tokkummaan dhaabbate waan gootaniif. Haalla kana seenaa uummata Oromoo baroota  dhiyyoo keessatti yaroo duraaf argaa jirra. Haalli kun diina uummata keenyaa illee kan roomisiisuu dha.
Karaa biraa hojii gudaan Qeerroo Bilisummaa Oromoo eegachaa jiru, humna federalaa fi waraana ittisa biyyaa warra jedhamu kana keessa gara gadii Oromootaa fi Sabootaa biraa jedhamee yaadama. Isaan kun meeshaa qaban qabatanii gara uummta isaanii akka goran bal’isaan irratti hojjetamee akka uummata keenya dhumaatii hamaa jalaa olshuu danda’a gochuu qabna. Kana malees meeshaa ajjechaa isa tahe waraana diina keessatti jeequmsa guddaa uummuun TPLF akka dogongortu godha.
Yaroo kana keessa namni dhalootan Oromoo taane garaagarummaa siyaasaa fi ijaarsaa ,ilaalcha kaayyoo adda addaa qabnu boruuf bulchannee dhumaatii uummata keenya irratti agaamaa jiru dura dhaabbachuuf irree tokkoon ka’uu qabna. Erga sabni keenya sayniin isaa lafa irraa duguggamee badee booda siyaasaas tahe deemsi qabsoo irratti wal morkachaa fi wal dorgomaa jirru hiikaa hin qabu. Gareen humni TPLF of qaree injifannaan as bahe kun of tullumaan kan bokoke saynii ilma namaa hunda lafa irraa fixxee olaantummaa Tigrayi hojiin mul’isuuf kutaatee  akka ka’e kan agarsiisu mallattoo hedduu argaa jirra. Humni kun ijaarsota maqaaf mootummaa EPRDF keessaa jiraatanii illee ajaja TPLF yoo hin fudhannee haxxaa’ee balleessuu irraa booda hin jedhu.
Garee TPLF kanaaf ayyaana deebisee aangoo dhuunfachuu yoo kananmee dhumaatii amma har’aatti dhaga’amee fi argamee hin beekne uummata keenya irrttis tahe kan isa dura dhaabbatu hundaa irratti akka raawwatu mamii qabaachuu hin qabnu. Badiin garee TPLF kun argamssisuuf deemu uummata Impaayera Itiyoophiyaa keessa jiruu hundaaf akka tahe hubatamee walii galteen dura dhaabbachuu irratti hojjetamuu qaba. Badiin kun uummata Tigrayi ittiis akka  dhufaa jiruu hubatanii humana farraa nageenyaa fi mirga ilma nama tahe kana doomsuuf uummata Impaayera Itiyoopaa wajjin hariiroo galuun barbaachisaa dha. TPLF maqaa Uummata Tigayiin haa daldaltu malee Uummata Tigrayiif faayidaa guddaa qofaatti fideef hin jiru. Mootummaan kam iyyuu ni darba. Kan bara baraan jiraatu uummata. Kana hubatee uummatni Tigrayi hiree isaa uummata Impaayeera Itiyoophiyaa keessa jiru wajjin murteefachuuf filachuu qaba.
Oromonni qaabeenya, beekumsaa ,humnaa keenya arjoomuu irraa dabaree  bakka  jirutti aarsaa nuu irraa barbaadamu baasuudhaan uummata keenya salphinaa fi badii jalaa akka hafu gochuun dirqama tokko tokko keenyaa ti. Booda gaabinee quba nyaachuun gatii hin qabu. Uummatni keenyaa nutti iyyachaa jira. Guyyaa guyyaan dhiigni isaa dhangala’aa jiruu fi lafee isaa caccabaa jiru ija keennya duraa haa mul’atu. Dirmannaa hatattamaa haa goonuuf. “Erga  waraabessi darbee sareen duttii “ akka hin taane.  Walii gala Dhumaatiin Calanqoo Lamaffaa akka isa dhumaa  tahuuf hundee kolonii Habashaa Oromiyaa keessaa buqqisuu dha. Kunis kan tahuu danda’u yoo Fincilaa Xumuraa Garbummaa itti yoo muddine dha.
Gadaan Gadaa Bilisumaa Ti!
                                    Injifannoo Uummata Oromoof!

Friday, December 22, 2017

Ibsa Ejjennoo Jiraattota Godina Mattakkal

Mudde 21,2017
Akkuma beekamu Uummanni Oromoo Godinaalee Beenishaangul Gumuz adda addaa keessa jiraatan waggootii 26 oliif hacuuccaafi shira mootummaan Wayyaanee xaxaa turteen, Uummata Gumuz, Bartaa, Shinaashaa fi kanneen biro waggoota dheeraaf wal kabajuu fi wal danda’uun jiraate yeroo adda addaa walitti buusaa tureera. Kunis uummata Oromoo naannichaa harka qullaa jireenyasaa jirachuuf oliif gadhi jedhu saba isa kaan hidhachiisuun duguuggaa sanyii kana hin jedhamne raawwachaa tureera.
Yeroo ammaas bifa qindaa’aa ta’een mootummaan Wayyaanee karoora walitti bu’insaa fi dhuminsa guddaa fiduu danda’u qinddeessaa turaniiru. Kunis akkuma uummata Oromoo naannoo sumaalee buqqisuun uummata Amaaraa naannichaas shira wal fakkaatuun buqqisuufi qabeenya Uumamaa naannichaa jechuunis Albuuda garaa garaa, lafa Qonnaa, Warqee, akkasmas Hidhaa Guddichaa Abbayyaan wal qabatee galii fi qabeenya karaa turiizimii jechuunis Hoteelotaa fi warshoolee adda addaa dhaabuun  Guurrachuuf qophii xumuree jira.
Mootummaan Wayyaanee karoora kana galmaan gahachuuf jecha Aangawoota TPLF muraasaa fi jala deemtotaa fi dheebuu aangoof jecha saba isaanii kan guguran kanneen akka Dr. Amsaaluufaa qabachuun waan Uummata Shinaashaa, Gumuziifi saboota naannichaa biroof Oogan fakkeessuun oliif gadi fiigaa jiru.  Kanaafis, shirri isaan Uummata Amaaraa naannichaa fi Saboota Naanichaa biroo gidduutti xaxan Dhumaatii fi Buqqa’insa saba qulqulluu Amaaraa yeroo darbe ta’e raga dha.  Haa ta’uyyuu malee Shirri isaan Uummata Oromoo naannichaa fi Saboota naannichaa biroo gidduutti xaxan jaalalaa fi Aantummaa Saboonni naannichaa Uummata Oromoo naannichaaf qabaniin fashalaa’eera.
Haaluma wal-fakkaatuun karoorri kuni godinaalee fi kutaawwan naanichaa hedduutti iiti fufee hojii jalqabee jira. Kunis:
  1. Aanaa Yaasoo
Aanaan kuni iddoo uummanni Oromoo  baay’inaan itti jiraatudha. Yeroo ammaa dhalattoonni Oromoo sagalii ol ta’an Oromummaa isaaniitiin qofa qabanii mana hidhaatti darbamaa jiru, himatamaniis mana murtiitti deddeebi’aa jiru. Isaan keessaa Barsiisaa Alemtesfaa Wayyesa Ayyanan isaan tokko.
Obbo Alemtesfaan barsiisaa mana barumsaa sadarkaa 2ffaa aanaa yaasoo fi Abbaan isaanii Obbo Wayyeessaa Ayyaanaa akkasu shiraa fi walitti bu’insa mootummaan wayyaanee bara 1986 uumteen loluma kanaa lubbuun isaanii darbiteetti.
  1. Magaalaa Asoosaa
Yeroo ammaa mootummaan wayyaanee lukkeeleeshee waraanaa leenjisuu fi Meeshaa hidhachiisuun basaasummaatti bobbaastee jirti. Kunis bifa hin shakkamneen Dubartii hoteela keessaa hojjettu, Namoota suuqii socho’aa hojjetan, Faddaalaa, Hojjetaa suuqii fi k.k.f. fakkeessuun Uummata oromoo naannichaa irratti bobbaaftee jirti. Kunis adda durummaan Dr. Amsaaluu (pirezidaantii Yuunivarsiitii Asoosaa) tiin kan hoogganamuufi gaggeeffamu ta’uun bira gahameera.
Ergamni hojii kanaas dhalattoota Oromoo magaalichaa Seenaa beekan, Hubannoo cimaa qaban, Waajiroolee keessa jiranii fi hojii dhuunfaa adda addaa hojjechaa jiran adamsanii basaasuun himata shororkeessumaan himachiisanii hidhaatti darbachiisuu akkasumas saba naannichaa wajjin walitti buusuun qe’ee fi qabeenya isaanii dhiisanii akka godaanan gochuudha.
  1. Godina matakkal
Lakkoofsi uummata Oromoo godina Matakkal 50% gaha jedhamee yaadama. Akkasumas qabeenyi Uummata Oromoo godinichaas guddaa akka ta’e ni himama.  Kanaafis jecha Mootummaan wayyaanee xiyyeeffannaafi karoora addaa baasuudhaan, Dhalattoota Oromoo naanichaa lafa jiranii adamsitee mana hidhaatti naqxee jirti. Dabalataanis qeerroo godinichaa Yuuniversiitiilee adda addaa keessa jiran hordofuun akka isaan qe’ee dhaloota isaaniitti hin deebine oduu sobaan “mootummaan isin hidhuuf isin barbaadaa jira” jedhuun sodaachisaa jirti. Kana malees barreeffamoota ejjennoo uummata Oromoo naannichaa hin calaqqisne bittinsuun ittiin dhalattoota Oromoo gaag’aa jirti.
Dhalattoota Oromoo Godinichaa Kudha tokko ta’anis himata irratti banuun yeroo ammaa mana hidhaa Qiliinxoo keessatti hiraaraa jirti. Ragaa namaa qabna jechuun uummata naannichaa dirqamaan gara mana murtiitti fiddus namoonni ragaaf dhufan Aantummaa fi Kabaja Uummata oromoof qaban ifatti mul’isaniiru. Yeroo ammaas namoota ragaaf waamamanii hafanii fi raga isaan barbaada kennuu didan dirqamsiisaa jiraachuun bira gahameera.
Akkasumas namoonni naannoo matakkalirraa ragaaf qophaa’an irraa shakkii waan qabaniif Namoota dhalootaan tigiree ta’an waa’ee uummata Oromoo naanichaas ta’e waa’ee hidhamtootaa homaa kan hin beekne Poolisoota Federaalaa kanneen kanneen akka Teklebirehaan G/Sillaasee faa maallaqaan bitachuun qophaa’aa jiraachuun bira gahameera.
Mootummaan naannoo Oromiyaa (Dh.D.U.O) hariiroo Obbolummaa Uummata Oromoo Naannoo Beenishaangul Gumuzii fi Uummata Oromoo naannichaa cimsina jechuun ololaa jira. Obbolummaa yoo ta’e ammayyuu Uummanii naannichaa uummata Oromoo cinaa dhaabbachaa jira. Yeroo ammaa Uummanni Oromoo naannichaa Olola utuu hin taane qaama shira kana dhaabsisu, Mirgoota bu’uuraa Uummata Oromoo naannichaa kanneen akka Afaaniin barachuu kabachiisu, dhalattoota Oromoo naannichaa Sobaa fi Cubbuun qabamanii mana hidhaa keessatti dararamaa jiran akka gadhiifan godhuu fi qaama qabsoo uummata Oromoo naannichaa cimsu barbaada.
Kanaafuu, Nuti dhalattoonni Oromoo naannichaa qaama kamiyyuu Sossobbaafi Ololaan qabsoo fi tokkummaa keenya dura goruu barbaadan ni balaaleffanna; Akkasumas Hidhamtoonni keenya Nuuf haa hiikaman;  hacuuccaa fi shirri nurratti raawwataa jiru haa dhaabbatu; Uummanni Gumuz, Shinaashaa, Bartaa fi kanneen biroo obboloota keenya; Mirgaa fi qabeenya saba biraa kamuu itti hin buunu,