FB_IMG_1461829492709Barsiisaa Girmaa Tujubaa jedhamu Godina W/Lixaa Najjootti dhalatan. Digirii isaanii jalqabaa Yunbarsiitii Gondor irraa “Marketing management” dhaan xumuran sana boodas Mana barumsaa Qophaa’inaa Naqamteetti barsiisaa ta’anii ramadamuun hojii barsiisummaa itti fufan, B/saa Girmaa Qaxalee aadaa hojii cimaa akkuma Oromoota bara durii sanaa kan qabu waan ta’eef Yeroo isaa Barsiisummaadhaan M/B Qophaa’inaa Naqamteetti dabarsu irraa kan hafu akkanumaan balleessuu waaan hin barbaannef , dabalataan Yunbarsiitii Riiftivaalii dame Naqamteetti ramadamuun Dukkana doofummaa uummata keenyatti baay’ate sana lammiiwwan isaa lubbuu isaa caalsisee mararfatu sanarraa kaasee waaroo qoroominaafi ifa barnootaa argamsiisuufiif kutannoodhaan utuu hin nuffiin barsiisuu itti fufan Nama baay’ee sabboonaa M/b saa lamaanittuu sabboonummaa isaaniin dorgomaa hin qabne turan gaafa guyyaa 26/03/2016 wayyaaneen galgala naannoo sa’a 1 fi 2 gidduu utuu isaan Barsiisaa turanii galanii Yuunvarsiitii Riifti vaalii fuulduratti konkolaataadhaan irra baasuun ajjeesan. Waan nama gaddisiisu takkaa dhahanii erga kuffiisanii booda si’a lama irra deebisuun ajjeesan.
torbanuma sana keessa M/B qophaa’inaa Naqamtee keessa seenuun koottuu jedhanii isa waaman Innis dhimmi diinota warra dhiiga Oromoo dhangalaase bira na fidu hin jiru jechuun, didee biraa deeme, jarris torban kana yoo ati ati jairaattehoo jedhanii, deeman.ajjeefamuun isaas sanaa booda B/saa Girmaa Tujubaa gosa barnootaa “General Bussiness” Kutaa 11ffaafi 12ffaa barsiisu. Sabboonummaa isaaniifi Amala isaa gaarii, inni
qabu irraan kan ka’e Barattootaafi oromoota hedduu biratti jaallatama guddaa kan argatedha.
FXG baranaa keessattis adda durummaadhaan barattoota Gorsa qalbii namaa ijaaran ciccimoo, gorsaa tureera. barattoota Mana hidhaa turaniifi agaaziin caccabsitee qormaanni jala darbe utuu hin rakkisiin qabxii gaarii kaa’aafi turan, Barnoonni bilisummaa booda ilaalcha jedhu qabatanii Barattoota Oromoo gargaaraa turan.
sodaa tokko malee Daree keessatti basaastonni lammii keessan dabarsitanii diinaaf hin laatiinaa, Abdiin uummataa barataa akka ta’e barataan falmachuu akka qabu, Ifaaf ifatti gorsaa ture, gochaa diinummaa agaazonni wayyaanee, barana Oromoorratti raawwatte barattoota fuulduratti Daree keessatti dubbachuun gochaa diinaa balaaleffatee, barattootasaatti diinummaa diinaa karaa garaagaraan bifa yoomuu sammuu barattootaa
keessaa baduu hin dandeenyeen himaa ture, Fakkeenyaafis wantoota shanan oromoon ajaa’ibu akka armaan gadii kanatti Barattoota Koo Oromoon waa shan ajaa’iba
1. Biqiltuu guddachaa jiru ol adeemaa karaatti hin muru
2,yeroo adamoo adamsu bineensa qe’ee namaatti baqate hin ajjeesu, abbaan qe’ees dabarsee hin laatu
3, Haadhaafi Ilmoo walirratti hin ajjeesu
4, Bineensa hormaataaf quunnamtii gochaa jiru hin ajjeesu, warra wal horu ajjeesuuf “genocide” sanyii duguuggaadha,
5, Bineensa rimaa (garaatti baattu) hin ajjeesu. Kun waa shanan oromoon ajaa’ibu dha
Barana garuu warra agaaziin Ilmaan Oromoo irratti gochaan raawwatame faallaa waan kana hundaati. Oromoon dhala namaaf dhiisiiti bineensaafu hamma kanaa kabaja kan laatudha garuu barana ija isaa duratti dhalli isaa hamma bineensaayyu kabaja dhabani. Qabsaa’aa BBB gochaan akkanaa oromoorra akka dhaabbatuuf falmadhaa,
Kan lammiisaa garbummaa jalaa baafatu lammii baratedha Oromoon siniin qaba adaraa hin laafiinaa jechaa ture basaastuu taatanii immoo obbolaan keessan dabarsitanii hin laatiinaa, waan harra sin nyaattanii bultan boor udaan ta’a waan ajaa’aa kanaaf jettanii adaraa saba keessan diinaaf hin laatiinaa lammii keessan waliin dhaabadhaatii farra diinaa ta’aa malee akka Goobanaa lammii keessan gantanii farra Oromoo hin ta’iinaa. jechaa ture, gorsi isaa waan kana qofa miti waggaa lamaan Isa waliin jirru kanatti kaninni nu gorsaa ture hunda , barreessee hin fixu barattoonni hundi utuu akka qaroo ija isaaniitti ilaalanii diinni keenya wayyaaneen Hayyuu keenya kana karaatti dhaamsite.
Reeffi isaas gara biyya dhalootasaa Najjootti ergameera.Barattootni Kutaa 12ffaas guyyaa harraa Suuraa isaa irratti Hayyuu karaatti dhaame jecha jedhu barreeffatanii dungoo ibsuun Mana barumsaa irraa ka’anii hanga Mana Haadha warraa isaatti boo’aa deemaniiru.Waan nama gaddisiisu B/saa Girmaa Tujubaa misirroo eega bultii ijaarratee waggaa tokko kan hin guunnedha.Kana malees nama dandeettii guddaa qabudha, M/B Qoph. Naqamtee waaree duraaf booda shiiftii lamaan utuu barsiisuu yeroo isaa irraa hafe immoo Yun.Riifti vaalii barsiisa .
guyyaa konkolaataan rukkutanii Isa ajjeesan sana uummannifi barattoonni yaa’anii konkolaataa raayyaa ittisa biyyaa B/saa Girmaa rukkutte sana kan caccabse yoo ta’u, turtii xiqqoo booda waraanni agaazii dhufuun uummata hiraarsuun qawwee dhudhukaasaa ,nama tumaa turan, B/saan Girmaa gara Hospitaalaa geeffamus gommaan konkolaataa si’a lama sammuu isaarra waan ba’eef hafuu hin dandeenye, waan baay’ee nama
gaddisiisu takkaa gommaa irra baasuun lammaffaa gommaa irra deebisanii gommaan konkolaatichaa akkuma qaama Barsiisaa Girmaa dhahetti irratti dhiisanii badan Konkolaatittis uummatatu dhiibee qaama isaarraa buuse.