Oromo oromiaAdoolessa 27,2015Godina Qeellam Wallaggaa Magaalaa Dambii Doollootti Ilmaan Oromoo Oromummaan yakkamanii hidhamanii turan hamma yoomitti hidhamnii ta’u gadhiifamuu qabu sababbaa jedhuun diddaa gaaffii mirgaa uummannii fi Qeerroon kaasaniin hidhamtooti ilmaan Oromoo mana hidhaa keessatti badii tokko malee hidhamanii turan cabsanii bahuuf yaalii gootaniittu sababaa jedhuun Oromoota 10 yeroo rasaasa Wayyaaneen rukutamu namni sadii ammo lubbuun wareegamuu Qeerroon gabaase.
Ilmaan Oromoo badii tokko malee Oromummaa qofaan yakkamuun yeroo garaagaraatti mana hidhaa Magaalaa Dambii Doolloo keessatti ukkanfamuun dararamaa kanneen turan hamma yoomitti Oromummaan yakkamnee badii tokko malee hidhamna, murtiin seeraa fi mirgi keenya sarbamee mirgi namummaa nurraa mulqamee nuuf kabajamuu qaba, mootummaan Wayyaanee seeraan ala nu hidhee jiruu nu gadhiisuu qaba jechuun gaaffii mirgaa dhiyeeffachuun  FDG gaggeessan sagalee mirgi keenya kabajamuu qaba, Oromummaan dhaloota malee yakka miti, Oromummaan yakkamuu fi hidhamuun nurraa dhaabbachuu qaba jechuun sagaalee mormii guddaa mooraa mana hidhaa keessatti dhageesisuun mana hidhaa Wayyaanee diiguun bahuuf FDG kaachisuun walqabatee Mootummaan Wayyaanee humna waraanaa isaa kora bittinneessa jedhamuun kan beekamu irratti bobbasuun dhukaasaa irratti bane namoota 3 yeroo ajjeessu 10 ammoo madeessuun madden Qeerroo bIlisummaa Oromoo magaalaa Dambii Doolloo gabaasan. Ilmaan Oromoo rasaasa wayyaaneen Mana hidhaa Dambii Doolloo keessatti madeeffaman :
  1. Malkamuu Boggalee
  2. Lataa Yaadasaa
  3. Birhaanuu Fireewu kanneen keessatti argaman yeroo ta’u guutuu maqaa Qeerroon hordofee ni gabaasa