OromiaALutaContinua2011FDGHagayyaa 29/2013 Ajjeechaa gara jabeenyaa mootummaan TPLF fi EPRDF Gotichaa Oromoo Injineer Tasfahuun Camadaa irraatti raawwate ilaalchisuun, miseensotiin Qeerroo Bilisummaa godina Dhihaa Oromiyaa bakkoota adda addaa irraa magaala Jimmaa keessatti walitti dhufuun yaadannoo gootota Oromoo wareegamanii erga taasisaniin booda  Ibsa itti aanu kana dabarsatanii jiru:-
Ibsaa Gaddaa
Nuti Qeerroon bilisummaa (dargaggoonnii Oromoo) Ajjeechaa diinummaa kan sanyii irraatti hundaa’ee Gooticha Oromoo Injiineer Tasfahuun Camadaa fi yeroo irraa gara yerootti ilmaan Oromoo irraatti fudhatamaa jiruu jabeessinee balaleffaanna. Qabsoo saba kamii keessaattuu qabsaa’aan yoo du’ee qabsoon daranuu jabaatee itti fufa malee takkaa duubatti deebi’ee hin beekuu, kanaafuu nutis Qeerroon dargaggoonnii Oromoo qabsoo goototni Oromoo wareegamaa Lubbuu itti kanfaluun xurree isaan baasanii asiin ga’an jabeessuun qabsoo keenyaa jabeessinee kan itti fufnu ta’uu diinaa fi firattis jabeessinee hubachiisuu barbadna.
Gochaa suukkaaneessa kan diinummaa abbaan irree Wayyaanee uummataa Oromoo irraa qabu ifatti ibsuu dhiyeenya kanaa ajjeechaa Gootichaa Oromoo Injiineer Tasfaahuun Camadaa irraatti fudhatamee ilaachisuun dargaggoonni Oromoo bakkoota adda addaa irraa walitti dhufan walga’ii isaa hagayyaa 29/2013 ta’een qaamaa hawaasaa armaan gadiif dhaamsaa itti aanu kana daabarsee jira.
1. Miseensotaa Qeerroo dargaggotaa Oromoo biyyaa keessaa fi biyya ambaa jirtan hundaf,
2. Sabboontotaa ilmaan Oromoo; Oromoo ta’uu keessaan beektanii fi Oromummaa hin wakkannee hundaaf,
3. Qonnaan bultootaa Oromoo golee Oromiyaa keessaa jirtan hundaaf
4. Barsiistotaa Oromoo sadarkaa garaagaraa irraa jirtaan hundaaf ,
5. Baratootaa Oromoo biyyaa keessaa fi biyyaa Ambaa jirtaan hundaaf,
6. Hojjetootaa Oromoo sadarkaa garaagaraa irraa jirtanii fi Oromoo ta’uu keessaa beektan hundaaf.
7. Miseensotaa Maadhee ABO biyyaa keessaa fi biyyaa Ambaa jirtaan hundaaf,
8. Humnotaa Poolisaa ilmaan Oromoo, Oromiyaa godina garagaraa keessaa jirtan hundaaf,
9, Dhaabotaa Siyaasaa maqaa uummataa Oromoon biyyaa keessaa fi biyya alatti hundeeffaamuun qabsoo bilisummaa Oromoof gumachaa gochaa jirtan hundaaf,
10. Beektotaa fi hayyootaa Oromoo biyyaa keessaa fi biyyaa ambaa jirtaan hundaaf,
11. Artistoota Oromoo biyyaa keessaa fi biyyaa ambaa jirtan hundaaf,
12. Waldaalee walgargaarsaa Oromoo biyyaa Ambaa jirtaan hundaaf, Dhaamsa itti aanuu dabarsina.