Tuesday, January 2, 2018

Amajjii 1,2018 Dhaamsa Bara Haaraa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Obsoof Cichooma Qabsoo Abboota Keenya Qabsaa’ota Haqaarraa Dhaaluu Qabna!

Qabsaa’ota haqaaf gameeyyii ABO irraa maal dhaallee? Maal dhaaluu qabna? 

Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Finfinnee Oromiyaa
Moxobii irratti Jaallan qabso haqaa faana hanga har’acichitanii jirtan keessattuu Waraannii Bilisummaa Oromoo irreef gaachana keenya taatanii hanga har’aa diina daangaarraa waqaraa jirtan, akkasuma kabajamaa uummatako uummata Oromoof deggartoonnisaa marti  baga bara haaraa Kanaan isin gahe! Jaallan isin biraa baroota darbe wareegaman Waaqni Uumaan Jannataan haa qananiisu!
Har’a qabsoorra jirra. Jaarrolee danuu darban sanas abboonni keenya qabsoorra turan. Qabsoon keenya ammas ittuma jira. Akka baraa gara baraatti qabsoon kun dhalaa dhalatti hindabarreef balbala ykn moonaa qabsaa’otaa cufachuun yeeyyii qabsaa’aa fakkaatu ol galchuu dhorkuun cimina abboota keenya qabsaa’ota haqaati nurraas kanumatu eegama. Qabsoon Waraanni Bilisummaa Oromoo ykn WBO’n taasisu qabsoo hololaa miti. Qabsoo Waraannii Bilisummaa Oromoo taasisaa jiru, uummata inni keessa jirutu arga. Qabsoo wacanii gurra wayyaaneetti iyyuu saatii kamuu godhee hinbeeku. Faana dhokfatee diina uummatasaa rukutuu dhaabees dhaabuu yaadees hinbeeku. Irbuu dakkuu godhee cicciree hingaggatne. Irbuu onnee isaa keessa ruuqqatee bakka socho’u maratti kudhaammatee sochiif waraana riphe lolaa gahaa taasisaa yoona gahe. Addi Bilisummaa Oromoos dhagaa itti darbatamuuf dhagaa halagaan itti gangalchaa yoona gaheef bakka laatee hinbeeku. Qabsoo isaaf kaayyoo isaa qofaan ba’ee gala. Hanga har’aattis naatoof jaalala uummatasaaf qabu agarsiisuuf duubatti jedhaa hinjiru.
Har’a ardaan Oromoof Oromoon WBO’n qaama akkamii akka ta’eef raageessuurra jira. Kunis hojii qabatamaa  bu’aa mul’ataa uummatasaaf gochuurraa madde. Akka nama dhuunfaatti namoonni komatan akka jiran argaa oolla. Komiin waanuma jiru. Garuu; waan dagachuu hinqabne Oromoon WBO dhalchee isa komatu hinguddifanne. Biyyi Oromiyaa kan Oromoo mara. Kanaaf yeroo hedduu dirqama ABOf WBO akkasuma ilmaansaa Qeerroo  qofatti laatnee hanga teenyu qaama keenya ta’uu erga itti amannee kunuunfachuun waan dansa.
“Warqiin quba ofiirraa qaban sibiila fakkaata” jedha Oromoon. Har’a mogolee qabna. Mogoleen keenya waraana keenya. Har’a humna qabna. Humni keenya Waraana keenya. Har’a egeree qabna, egereen keenya Qeerroo Bilisummaa Oromooti waan ta’eef waan dandeenyuuf hamma qabnuun ABO kunuunfachuun bara haaraa kanatti Oromoo irraa akkaan barbaachisa. Nuuf jecha nama bishaan  dhabee, cirracha haadhee gammoojjii keessaa corroqa dhugu, nuuf jecha nama dantaa dhuunfaasaa gatee of wareegee dirree qabsoo jiruuf kabajaa laachuun mataansaa jabina ta’aaf. Kanarra dabarree gaafa dhagaa halagaa faana itti darbannu seenaaf seeraan gaafatamuuf akka jirru hubachuunis barbaachisaadha.
Har’a halagaan qabsoo Oromoo haxaa’ee balleessuuf ganamaa galgala hirriba dhabaa oola. Moonaa qabsaa’otaatti guyyaa guyyaan diinni qaama ergee akka diiganiif dirqama laataafii oola. Haa ta’uutii qabsoon Oromoo hayyootaaf qareeyyii keenya hangafa qabsaa’otaan durfamee waan gaggeeffamaa jiruuf jabaatee yoona gahe. Ittuu danbalee adeemsa isaa fuulduratti furguggisuurra jira. Qabsoon keenya diina keenyarratti. Yoomiyyuu qabsoon goonu kan halagaa naasisu, kan halagaa dhaabbii dhorkatu akka ta’utti jabaannee qabsoo gochuun barbaachisaadha. Qaama Oromoof qabsoorra jiru dhiisii qaama uummata keenyaaf habukaattoo ta’a jettee yaaddutti dhagaa guuruun bara kana keessa haa dhaabbattuun Hawwii keenya. Qabsoon goonuu tokkoof tokko Bilisummaa uummataati. Bilisummaan uummata uummaticha guutummaa makatee gaafa sochii gadjabeesse murkanaa’a. Kanaaf karaa uummata kana nii bilisoomsa jedhee yaaduun namuu sochii FXG akka taasisu hawwii keenya.
Yeroo kamuu Obsa, Abdii, Dhiifama, Jaalala, Kabaja waliif qabaachuun bara kana keessa akka mirkanaa’u abdii qabna. Obsaaf Cichooma Qabsoo Abboota Keenya Qabsaa’ota Haqaarraa Dhaaluu Qabna! Gaafa abaaraman, gaafa karaa shiraan diinni uummata isaaniin walitti diru obsaan waan uummata gargaaru qofa dalaguurratti bobbaa’aan. Gaafa jibbamanis nii obsan. Obsa hedduu keessa taranii bara uummanni isaaniin faarsuuf isaan jajatu isaan kunuunfatu gahaniiru hedduun abboota keenya qabsaa’ota kaleessaa.
 Isaan soddamman heera uumaa kudhan obsuu, kudhan dhoksuu, kudhan gorsuu,  jedhu sanaan yoona gahan. Ammas qabsoorra jiru. Obsuu, walii dhoksuu, wal gorsuun isaaniis akkanumaan dabalaa dhufe. Isaanirraa qabsoo qofa miti amalaa dhaaluu qabna. Akkasuma safuuf safeeffata abboota keenyaas akka irraa dhaaluu qabnu hubachuun gaariidha. Qabsoo keessatti amalaa gaarii walii qabaachuuf wal mararsiifannoo yoo qabaanne uummanni nu mararsiifata. Yoo wal kabajne halagaan  nu sodaata. Isa kanaaf waan mara bara haaraa kanatti keessattuu amaloota gadheef fokkatoo akka jijjiirrannu mamii hinqabnu.
Ija fagootti argus haa horannu. Ijji fagootti argu hinjaamu, hinmiidhamu. Kanaaf shira diinaa halaalatti agarree shira shiraan sakaaluu haa shaakallu. Ija fagootti argus qabsaa’ota gameeyyii qabsaa’ota kaayyoo ABO qabatanii hanga har’aa gahan irraa dhaaluu qabna. Gurra fagootti dhaga’us akka irraa dhaallu abdii qabna. Baroota darban gootummaa irraa dhaalle. Baroota as deemaa jiran kana Amala, Obsa, Cichooma, Agartuu fagoo, Dhageessuu fagoo, waldanda’uu, Jaalala sabaa irraa haadhaallu.
Barri Bara Bilisummaa nuuf haa ta’u
Injifannoon Uummata Oromoof
Gadaan Gadaa Xumura Garbummaati!
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Finfinnee Oromiyaa