Thursday, May 5, 2016

Godina Addaa Naannawaa Finfinnee Bulchiinsa Magaalaa Sulultaa Keessaa Kaabinoota Wayyaanee Dabalatee Namoonni 25 FXG Duubaan Jirtu Jedhamuun Hidhaman.

Caamsaa 4/2016 Godina Addaa Nannawaa Finfinnee bulchiinsaa magaalaa Sulultaatti mootummaan abbaa irree wayyaanee sochii warraaqsaa FXG uummataa Oromoo keessaa harka qabduu jechuun “malaamaltummaas dalagdani” jirtuu jechuun kabbinootni bulchiinsaa magaalaa Sulultaa kan keessaatti argamaan namootni 25 poolisii Federaalan qabamuun mana hidhaatti darbaman. Warraaqsaa biyyoolessaa Oromiyaa marsaa 5ffaaf gaggeeffamaa jiru keessatti Uummatni Oromoo jiraattootni Magaalaa sulultaa fi qonnaan bultootni nannawaa Magaalaa Sulultaa lafti isaanii irra fudhatamee diddaa cimaa gochuun lafa isaanii deebisanii qabachuu fi lafa qotee bulaa bulchiinsa magaalatti jala qalfamees uummanni warraaqsaa cimaa godhee itti yaa’ee kan waliif qoodee ta’uu gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.
Ilmaan Oromoo sabboontoota ta’aan kanneen lafti uummataa seeraa alaa saamamuun sirrii miti jedhan har’a malaamaltummaan himatamanii namootni ilmaan Oromoo 25 fi kan kaabinootni Bulchiinsaa magaalaa sulultaa illee keessatti argamaan hidhatti darbamani jiru.
Kaabinootni Bulchiinsaa Magaalaa Sulultaa gaafa uummatni bahee fincila gochuun lafa waliif hiraa ture utuu argitanii beekaa dhiisatanii akka uummatni hirmaatu gootan jedhamuun doorsifama kan turan yoo ta’uu yeroo amma kana mootummaa wayyaanee gooftolii isaaniin qabamani
hidhatti darbamani jiru.
Kana malees mootummaan wayyaanee ilmaan Oromoo sabboonummaa qaban kanneen dhaaba ergamtuu wayyaanee OPDO keessatti argamaan malaamaltummaan sobee himatee hidhatti naqaa jiraachuu odeeffannoon Oromiyaa bakkoota garaagaraa irraa nu qaqqabaa jiru ifa godhe jira.
Kanaafuu ilmaan Oromoo sabboontota taatan kanneen hojii ogummaa keessaniin sadarkaa garaagaraa irraa hojjechaa jirtaan dammaqinsaan duulaa Oromummaa diinni banaa jiruu dura akka dhaabattanii uummataa keessan waliin falmattanii fi akkeeka farrummaa diinaa irraa of eeggannoo akka gootaan dhaamsa isiniif dabarsina.

No comments:

Post a Comment