cropped-qeerroo-edit.jpg

  Ayyaanni Caamsaa 20 Uummata Oromoo Hin Ilaallatu

Akkuma beekamu baatiiwwan 6n darban irraa kaasnee haala sochii Qeerroo fi uummata Oromoo Oromiyaa keessatti taasisaa jiruu fi ture yoo ilaallu yeroo itti uummanni Oromoo gabrummaan naga’a jedhee ifaan karaa nagaadhaan harka isaa qullaa mootummaa shoroorkeessaa tahe hunduu dura dhaabbatee falmii isaa gaggeessaa har’a gahuun uummataa beekkaammaa fi  mootummoota addunyaa illee kan dammaqsee dha.  Seenaa keessattis bakka olaanaa tahee kan qabatee hafu FDG-FXG bara kana (2015/2016) taha.
Guyyoota 8-9 hafan fuula kana dura jechuunis Caamsaa 20 mootummaan Wayyaanee miidiyaalee kijibaa fi ololaa of harkaa qabuun akkasuma akka OPDO/ADWUIttis dabalata deggertoota isaaniin yaada uummataa burjaajessuu fi ilaalcha uummataa jijjiiruu kan jedhu kan of keessaa qabu ragaduuf waamicha taasifachaa jiru. Utubaan Wayyaanee fi dhagaa golee taatee kan Wayyaanee irraa balaa dhufu eegdu maqaa Oromoo dhahattee Oromoo kan hin taane dhaaba OPDO ofiin jettuun gargaaramuudhaan ammallee sirna gabrummaa dheeressuudhaaf mootummaan Wayyaanee ayyaana caamsaa 20f of qopheessaa caasaa isaas qopheessaa jiraatun kan hubatamaa jiruudha.