Sunday, May 10, 2015

Press Release: From Yemen Oromo Refugees committee of the Oromo Community of Minnesota

oromomnAccording to the UNHCR over a quarter of a million Ethiopian refugees are languishing in the war-torn country of Yemen. A large majority of these are of Oromo origin as they are the most politically persecuted group in Ethiopia. Aid agencies operating in Yemen describe the humanitarian crisis there as approaching critical level.
According to recent reports from international media indicated that “the situation on the ground is chaotic and bleak. Refugees are fleeing in thousands, as the U.N. reports that nearly 650 civilians have been killed in hundreds of airstrike in the past month.” Oromos and some of other Ethiopian refugees are the ones who left behind because they have nowhere to go.
Oromo communities in Minnesota, concerned about safety and security of Oromo refugees in Yemen, have organized forum to discuss ways of bringing relief to these refugees. The forum is open to all. The forum is held at South High School, 3131 19th Avenue South Minneapolis, 55407. The date for the forum is Saturday, May 16, 2015 between 3:00 pm to 5:00 pm.

Saturday, May 9, 2015

Onesimos Nasib’s pioneering contributions to Oromo writing; revisiting Dr. Mekuria Bulcha’s 1995 paper to understand the current assault on Afan Oromo by Ethiopia’s TPLF regime

“The total ban placed on Oromo and the other non-Semitic languages from the mid-40’s to 1974 by Haile Selassie’s government obscured the works of these pioneers to the extent that it was believed even by intellectuals and university students, including many Oromos, that Afaan Oromoo was not only a non-literate language but also non-transcribable.” –(emphases by Gadaa.com)
– Dr. Mekuria Bulcha, Nordic Journal of African Studies 4(1): 36-59 (1995)
"Jalqaba Barsiisa Afaan Oromoo" (by <em>Obbo</em> Abbaa Caalaa Lataa) is a collection of Oromo poems, folktales, proverbs and traditional love songs written by <em>Abbaa</em> Onesimos Nasib and also Aad. Aster Ganno, another pioneer of Afan Oromo literature.
“Jalqaba Barsiisa Afaan Oromoo” (by Obbo Abbaa Caalaa Lataa) is a collection of Oromo poems, folktales, proverbs and traditional love songs written by Abbaa Onesimos Nasib and also Aad. Aster Ganno, another pioneer of Afan Oromo literature.
The above quote was taken from Dr. Mekuria Bulcha’s 1995 paper entitled “Onesimos Nasib’s pioneering contributions to Oromo writing” and published in the Nordic Journal of African Studies in 1995. Some two decades since the publication of that paper, and 24 years since the lifting of Ethiopia’s official ban on the usage of Afan Oromo in public spheres, Ethiopia’s TPLF regime has continued to suppress Afan Oromo from being used in the Federal sphere. Before 1974, the methods used to suppress Afan Oromo’s use were frivolous; for instance, to ban Afan Oromo from radio broadcasting, the propaganda used was that the “radio set will break if Afan Oromo is heard on it.” Similar to that frivolous reason, TPLF and its agents in Oromia are suppressing Afan Oromo from being a Federal Working Language using the reason, “Afan Oromo is not developed enough to be used as a Federal Working Language.” Read here (VOA) and listen here(SBS) how TPLF’s agents in Oromia are publicly propagating their bosses’ nationally-biased view of Afan Oromo as well as their misunderstanding of bilingualism under the cover of “election campaign.” (Bilingualism requires the government to provide services and duties in two languages, but the individual does not need to know both of these languages; the individual only needs to know one of them.)
Contrary to what the TPLF regime is actively propagating these days, Afan Oromo is well developed to be used as a Federal Working Language. For that matter, why would even the State of Oromia use Afan Oromo if it’s not developed enough?
The 1995 paper by Dr. Mekuria Bulcha, “Onesimos Nasib’s pioneering contributions to Oromo writing,” has been added to the Oromo Studies Collection at Gadaa.com to point the century-old rise of Afan Oromo despite all the frivolous obstacles thrown at it by Ethiopia’s regimes as well as to celebrate the national contributions of AbbaaGammachiis. In addition to his pioneering works to the development of Afan Oromo, do you know that Abbaa Gammachiis was also indirectly responsible for inspiring Prof. Asmarom Legesse to study about the Oromo culture generations later through his Eritrean connection (watch the interview with Prof. Asmarom Legesse here)?
Another recent work on the contributions of Abbaa Gammachiis to Afan Oromo is the book by Obbo Abbaa Caalaa Lataa – title: “Jalqaba Barsiisa Afaan Oromoo” (the book is a collection of Oromo poems, folktales, proverbs and traditional love songs written by Abbaa Onesimos Nasib and also Aad. Aster Ganno, another pioneer of Afan Oromo literature). “Jalqaba Barsiisa Afaan Oromoo” is available at the Gadaa.com Bookstore (through Amazon.com) or at Borofa.com.

Friday, May 8, 2015

“Sodaachisoo moo Hubachiisoodha”

Walbeekaa Lammii Irraa
QEERROO Magaalaa Jimmaa irraa
Filmaata WayyaaneeHundumtuu qophooftanii Filachuufis kaachufis? Kaardii keessan qopheeffattanii? Ani qophaa’era kaardii koos qopheeffadheen jira kaardii filanoo osoo hin taane kaardii Hospitaalaa. Mootummaa Abbaa irree kan kuffisu dhiibbaa ummataa osoo hin taane dhiibbaa dhiigati. Anis kanaafin kaardii filannoo dhiisee kaardii Hospitaa qopheeffadhe.Mootummaan Abbaa irree qabeenya biyyattii akka barbaade waan saamee nyaatee dhuguuf Kolestiroolii coomatu ujummaa dhiigaa jalaa dhiphesuun dhiibbaa dhiigaf isaan saaxila. Kanaafuu mootummaan abbaa irree hidhannoo
ykn dhiibbaa dhiigatiin fonqolfama. Filannoon fakkeessii wayyaaneen waggaa shan shaniin geggeessitu kun jijjirama fida jedhanii amanuu fi hawwuun nama osoo hin facaafatin haammachuuf qophaa’u waliin wal nama fakkeessa. Haata’umalee garuu filannoon kun jijjiiramaaf karaa saaquu danda’a. “Akka idil- Addunyaatti Filannoon tokko filannoo dha jedhamuuf duudhaalee shanan armaan gadii kana guutuu qaba.
  1. Filannoo hunda hirmaachisu( Universal suffrage) kana jechuun lammiin biyya tokkoo osoo qabeenyan ykn ulaagaa madaallii kamiinuu garaagarummaan hin jiraatin filannoo irratti hirmaachuu jechuudha.
  2. Filannoo Bilisaa( Free suffrage) duudhaan kun immoo giddugalummaa tokko malee fedhii dhuunfaa ofiitin bakka bu’aa ofii filachuu ibsa.
  3. Filannoo Iftoominaa( Fair suffrage) kun immoo adeemsa filannoo walaba ta’e kan mul’isuudha.
  4. Filannoo yeroo isaa eeggate( Periodic Election) Filannoon biyya tokkoo yeroo murtaawaa ta’e kan heerri fi seerri biyya sanaa murteessee lafa kaa’e irratti hundaa’un yeroo yeroo isaa eeggatee marsaa marsaan geggeeffamuu qaba.
  5. Filannoo Icciitin isaa eegame( Secretballot) eenyullee yeroo bakka bu’aa isaa filachuuf sagalee isaa kennu ijji nama kamiyyuu arguu hin qabu ; dhoksaan sagalee isaa kennuu haammata.
Duudhaalee armaan olotti caqafaman kanniin keessaa filannoon mootummaan wayyaanee gaggeessaa jirtu tokkollee hin guutu marsaa isaa eeggatee waggaa shan sjaniin geggeeffamuu irraa kan hafe. kana ergan hanga kana jedhee garan mata duree jalqabeettin seems: Filannoon yeroo shanaffaaf biyya keenya keessatti geggeeffamaa jiru kun Wayyaanetti balaa dhalchuun isaa waan hafuu miti.
Guutummaan  Barruu Kanaa:- Sodaachisoodha moo Hubachiisoodha

Thursday, May 7, 2015

Gaaffiin Mirgaa Qeerroo Bilisumaa Jabaachuun Wallagga,Magaalaa Qassoo Keessatti Poolisootaa fi Uummata Jidduu Walitti Bu’iinsi Guddaan Uumame.

Gabaasa Qeerroo Ona Yaamaa Hagaloo Caamsaa 7,2015
OromiaALutaContinua2011FDGWallagga ona Waamaa hagaloo magaalaa Qassoo keessa tti wallee warraaksaa dhageessiftan sababaa jedhuun loltooti Wayyaanee manneen nagadaa fi dhugaatii jeequmsa taasisaniin jiraattota magaalichaa irratti walitti bu’iinsa yeroo uuman,poolisoonni magaalichaa nama maqaan isaa sabboona Gammadaa Bultii jedhamu haala suukkanneessaan reebuun guddoo dhaanuun gaggabsan,  haala kanaan daraggooti magaalaa Poolisoota Wayyaaneetti dhagaa guuruu fi hamma harkaan walitti seenuutti walitti bu’iinsi uumameen jeequmsi guddaa ta’ee jira.
Yeroo ammaa kanatti poolisoonni Feederaalaa haala hattattamaan naannicha dhaqabuun dargaggoota Oromoo jumulaan hidhuu fi dararuu irraatti akka argaman Qeerroon gabaase.
Sa’aa ammaa kanatti Oromoonni magaalicha irraa qabamanii hidhaatti geefamanii jiran keessaa:-
  1. Shallamuu Fiqaaduu
  2. Misgaanuu Beekumaa
  3. Asaffaa Dabalaa
  4. Geetuu Darajjee
  5. Gammadaa Addunyaa
  6. Qajeelaa Wayyeessa
  7. Galataa Tamasgeen
  8. Misgaanuu Taammiruu
  9. Asfaaw Mootii
  10. Nagaasaa Beekumaa yoo ta’an
Barataan Qannoo Fiqaaduu fi dargaggoonni hedduun jalaa miliqanii akka jiran Qeerroon gabaasa.
Kana malees yeroo ammaa kana magaalaan Qassoo ibsaa fi networkii tajaajila bilbilaa malee akka jirtu beekamee jira.

Tuesday, May 5, 2015

Oromoo Hidhuu fi Ajjeessuu Araada Kan Godhate Mootummaan Abbaa Irree Wayyaanee, Sabboonticha Oromoo Barataa Urgeessaa Daammanaa Guyyaa Har’aa Ukkaamsee

Gabaasa Qeerroo Finfinnee,Caamsaa 4,2015
096_001Caamsaa 04,2015 Mootummaan Abbaa Irree EPRDF/TPLF yakka tokko malee ilmaan Oromoo sabboontota ta’an ukkamsaa jira haala kanaan guyyaa har’aa sabboonaan Qeerroo  Oromoo kan ta’ee barataa  Urgeessaa Dammanaa Kumsaa humnoota tikaa mootummaa  EPRDF/TPLF magaalaa Finfinnee keessatti ukkanfame.
Barataa Yuunivarsiitii Rift Valley kan ture,  Sabboonaan Qeerroon Oromoo Urgeessaa Daammanaa yakka tokko illee utuu hin qabaatiin  daa’imummaa isaa irraa eegaluun Oromummaan yakkamee manneen hidhaa biyyattii garaagaraa keessatti hidhamuun dararamaa kan ture,fi bara 2011 Mana hidhaa Maa’ikalaawwii, fi Qaalliittii Waggaa tokkoo oliif badii tokko malee hidhamee dararamaa kan turee fi yeroo garaagaratti mana hidhaa lixaa Shaggar magaalaa Amboottis hidhama kan ture yoo ta’uu, Guyyaa har’aa kanas badii tokkoo malee  FDG Qeerroo  Bilisummaa Oromoo gaggeessa jiru qinddeessiteetta jechuun yeroo dheeraa erga hordofamaa ture, ammas humnoota tikaa mootummaa Wayyaanee EPRDF/TPLF’n guyyaa hardhaa ukkanfamee  eessa buuteen isaa hin beekamne.
Sabboonaan  Qeerroon barataan Oromoo kun FDG Qeerroon Bilisummaa Oromoo biyyattii keessatti qindeessee gaggeessa jiru keessa harka qabda  sabaabaa jedhuun  nannoo dhaloota isaa Godina Lixaa Shaggar Magaalaa Amboo kolleejjii  Rifti Valley Amboo utuu barachaa jiruu yeroo sochii Warraaqsaa FDG bara darbee  Ebla 2014 Qeerroon barattootni fi uummatni Oromoo sirna bittaa Wayyaanee balaaleffachuun mormii guddaa gaggeessa turanitti FDG kana qindeessuu keessa harka qabda jechuun naannoo dhaloota isaa magaalaa Amboo irraa baqachiifame ,barnoota isaas akkatti baratuu dhabuun haala baay’ee rakkisaa ta’ee keessatti  gara magaalaa Dirree Dawaatti  barnoota isaa itti fufuuf akkuma Koolleejjii Rift Valley Damee Dirree Dawaatti galmaa’ee barnoota eegaletti  hordoffiin humnoota tikaa fi dabballoota Wayyaanee itti jabaachuun  akka barnoota isaa itti fufee barachuu hin dandeenye  dhorkatame akkatti baratuu dhabuun  gara magaalaa Finfinneetti deebi’uun hojiilee wardiyummaa fi hojiiwwaan humnaa garaagaraa hojjechuun utuu of jiraachisuu  guyyaa hardhaa humnoota tikaa mootummaa EPRDF/TPLF’n ukkanfamee eessa buuteen isaa dhabamee jira. 097_001
Ilmaan Oromoo biyya abbaa isaanii keessa jiraachuu dadhabuun Mootummaan Wayyaanee diina itti ta’uun mirga namummaa fi dimookiraasii mulqamnee guyyaa irraa gara guyyaatti ilmaan Oromoo ukkaanfamaa jiraaniif dhaabbileen mirga namummaa addunyaa fi mootummootni gamtooman uummata Oromoof dirmachuu qabu, ilmaan Oromoo biyyoota garaagaraa keessa jirtan dhaabilee Idil-Addunyaa mirgoota namummaa kabachiisan  hundatti akka uummata keenyaaf iyyaannu Qeerroon bilisuumma Oromoo dhaamsa dabarsa.

Monday, May 4, 2015

Kibba Lixa Shaggar Aanaa Daawoo Magaalaa Buusaa Keessatti FDG Ka’een Wal Qabatee Dargaggoonni Oromoo 16 Seeraan Ala Hidhaman.

Caamsaa 4,2015 Gabaasa Qeerroo Magaalaa Buusaa
DaawooBecause I am OromoGodina Kibba Lixa Shaggar Aanaa Daawoo magaala Buusaa keessatti gaaffiin mirgaa uummanni kaasaa jiru daraan kan isaa sodaachisee dhaamsuuf mootumman Abbaa Irree  Wayyaanee hidhaa fi dararaa ilmaan Oromoo irratti duulaa jira. Qeerroon Aanaa Daawoo magaala Buusaa sodaa tokko malee mirgaa Abbaa biyummaa Oromoo yaa kabajamuuf gaafata jiran dhaamsina duulaa jedhuun ilmaan Oromoo Oromummaa isaaniin yakkuun dargagoota Oromoo 16 gaafa Caamsaa 1 bara 2015 mana hidhaatti guuree jiraachuu fi dararaa hamaa irraan gahaa jiraachuu Qeerroon gabaasa.
Dargaggoota Oromoo hidhaman keessaa:-
  1. Zarihun Kaasahuun kan yeroo dheeraaf mana hidha Maikalawii fi Qaallittiiti dararama ture .
  2. Darajjee Qananii
  3. Asbiree Qananii .
  4. Ayyaanaa(Admasuu)Abbabaa mana isaa waa takkaa osoo hin hambisiin sakkata’iinsa gocha seeraan ala irraatti rawwaatanii turaan.
  5. Wasihuun Qananii
  6. Darrajjee Hayilee
  7. Shittoo Hayilee
  8. Damisuu Hayilee
  9. Abbabaa Getahuun
  10. Warquu Gurmessa
  11. Guddisaa Baayechaa
  12. Shamballii Margaa
  13. Dajanee Gaarii
Kanneen jedhaman akka keessatti argaman Qeerroon Magaala Buusaa irraa gabaase

Saturday, May 2, 2015

Galmee Barattoota Oromoo Ebla 2014 Keessa Mootummaa Wayyaanee(Itiyoophiyaan) Ajjeefamanii fi Hidhamanii.

Gaaffii Mirgaa Ummatni Oromoo Kaaseef Deebiin Mootummaan Wayyaanee Keenne Gocha Suukkannee Dha!!
Oromo oromiaBaatii Ebla 2014 irraa kaasee uumanni Oromoo guutummaa Oromiyaa keessaa roga maraan gaaffi mirga abbaa biyyummaa fi kan nagaa
democracy gaafachuuf jecha hiriira karaa nagaa bahan,manneen barnootaa sadarkaa ol aanoo fi gadii akkasumas magaalaa fi baadiyaa
Oromiyaa keessatti Oromoonni kitiliin lakkaawam hiriira bahuun nagaan sagalee isaanii aduunyaatti dhageessifataa turan.Uummata
meesha maleeyyii bishii coqorsaa baatee nagaan hiriira bahee mirga isaa falmatuuf mootummaan gaafatama fudhatee deebii karaa nagaa
kennu dhibnaan Wayyaanee kan uumaticha anatu si bulchaa fi anatu nageenya keetiif gaafatama jedhu uumata nagaa irratti raasaasa
roobsuun Oromoota heddumminaan fixe,kaan hidhaatti guure,garii madeesse,kaan biyyaa baqate. Gochaan kun gochaa sukkanneessaa
ta’uu irra darbee uumata Oromoo qabsoo mira dhala namaa fi abbaa biyyummaaf godhu daran jabeessee akka itti fufu taasisee jira.
Sochiilee uumati Oromo nagaan bahee mirga isaa gaafatu kanaaf deebiin rasaasa Wayyaaneen Oromoota ajjeefaman,madaayanii fi
hidhaman seenaa isaanii waliin galmeessuun itti fufee jira.Hanga ammaatti Oromoonni 2600 ol mana hidhaa jiru,hedduun wareegamanii
jiru,gariin madaayanii jiru. Dhimma kana irratti Qeerroon Bilisummaa Oromoo galmee Oromoota kanaa maqaa fi seenaa isaanii guutuu
galmeessaa jira.Hamma ammaatti warra galmaayee gabatee itti aanu keessatti kaayaa warra hafan ammo yeroo gabaabaa keessatti akka
xumuru ibsa isaa kaan addeessa. Guutuu Galmee Kanaa:- 

Galmee Oromoota FDG Irratti Wareegamanii fi hidhamanii ykn madaawanii

List of Oromos killed and detained compiled July 05 2014 compiled by Qeerroo