Monday, May 4, 2015

Kibba Lixa Shaggar Aanaa Daawoo Magaalaa Buusaa Keessatti FDG Ka’een Wal Qabatee Dargaggoonni Oromoo 16 Seeraan Ala Hidhaman.

Caamsaa 4,2015 Gabaasa Qeerroo Magaalaa Buusaa
DaawooBecause I am OromoGodina Kibba Lixa Shaggar Aanaa Daawoo magaala Buusaa keessatti gaaffiin mirgaa uummanni kaasaa jiru daraan kan isaa sodaachisee dhaamsuuf mootumman Abbaa Irree  Wayyaanee hidhaa fi dararaa ilmaan Oromoo irratti duulaa jira. Qeerroon Aanaa Daawoo magaala Buusaa sodaa tokko malee mirgaa Abbaa biyummaa Oromoo yaa kabajamuuf gaafata jiran dhaamsina duulaa jedhuun ilmaan Oromoo Oromummaa isaaniin yakkuun dargagoota Oromoo 16 gaafa Caamsaa 1 bara 2015 mana hidhaatti guuree jiraachuu fi dararaa hamaa irraan gahaa jiraachuu Qeerroon gabaasa.
Dargaggoota Oromoo hidhaman keessaa:-
  1. Zarihun Kaasahuun kan yeroo dheeraaf mana hidha Maikalawii fi Qaallittiiti dararama ture .
  2. Darajjee Qananii
  3. Asbiree Qananii .
  4. Ayyaanaa(Admasuu)Abbabaa mana isaa waa takkaa osoo hin hambisiin sakkata’iinsa gocha seeraan ala irraatti rawwaatanii turaan.
  5. Wasihuun Qananii
  6. Darrajjee Hayilee
  7. Shittoo Hayilee
  8. Damisuu Hayilee
  9. Abbabaa Getahuun
  10. Warquu Gurmessa
  11. Guddisaa Baayechaa
  12. Shamballii Margaa
  13. Dajanee Gaarii
Kanneen jedhaman akka keessatti argaman Qeerroon Magaala Buusaa irraa gabaase

No comments:

Post a Comment