Thursday, May 7, 2015

Gaaffiin Mirgaa Qeerroo Bilisumaa Jabaachuun Wallagga,Magaalaa Qassoo Keessatti Poolisootaa fi Uummata Jidduu Walitti Bu’iinsi Guddaan Uumame.

Gabaasa Qeerroo Ona Yaamaa Hagaloo Caamsaa 7,2015
OromiaALutaContinua2011FDGWallagga ona Waamaa hagaloo magaalaa Qassoo keessa tti wallee warraaksaa dhageessiftan sababaa jedhuun loltooti Wayyaanee manneen nagadaa fi dhugaatii jeequmsa taasisaniin jiraattota magaalichaa irratti walitti bu’iinsa yeroo uuman,poolisoonni magaalichaa nama maqaan isaa sabboona Gammadaa Bultii jedhamu haala suukkanneessaan reebuun guddoo dhaanuun gaggabsan,  haala kanaan daraggooti magaalaa Poolisoota Wayyaaneetti dhagaa guuruu fi hamma harkaan walitti seenuutti walitti bu’iinsi uumameen jeequmsi guddaa ta’ee jira.
Yeroo ammaa kanatti poolisoonni Feederaalaa haala hattattamaan naannicha dhaqabuun dargaggoota Oromoo jumulaan hidhuu fi dararuu irraatti akka argaman Qeerroon gabaase.
Sa’aa ammaa kanatti Oromoonni magaalicha irraa qabamanii hidhaatti geefamanii jiran keessaa:-
  1. Shallamuu Fiqaaduu
  2. Misgaanuu Beekumaa
  3. Asaffaa Dabalaa
  4. Geetuu Darajjee
  5. Gammadaa Addunyaa
  6. Qajeelaa Wayyeessa
  7. Galataa Tamasgeen
  8. Misgaanuu Taammiruu
  9. Asfaaw Mootii
  10. Nagaasaa Beekumaa yoo ta’an
Barataan Qannoo Fiqaaduu fi dargaggoonni hedduun jalaa miliqanii akka jiran Qeerroon gabaasa.
Kana malees yeroo ammaa kana magaalaan Qassoo ibsaa fi networkii tajaajila bilbilaa malee akka jirtu beekamee jira.

No comments:

Post a Comment