Itti fufaSochii warraaqsaa FXG marsaa 5ffaan kun daran jabaachuun goototni barattootni Oromoo Aanaa Adaa’aa Bargaa Magaalaa Incinnii fi M/B Incinnii  keessatti qabsiisan Nuti Barattootni utuu torbee tokkoillee nagaan hin Baratiin baatii 6 guutuu mirga uummata keenya sarbameef gaaffii mirga abbaa biyyummaa fi kabajamuu mirgoota namummaa fi dimookiraasii dhiyyeeffachuun hanga har’aa deebiin tokko illee nuuf kennamuu dhabuu fi torbee tokko illee nagaan sirni baruu fi barsiisuu utuu nuuf hin kennamiin qormaata kutaa 12ffaa fi 10ffaa Oromiyaa keessatti barattoota Oromoof kennuun dabaa fi Shira ittin uummata Oromoo miidhuuf dalagamaa jiru waan ta’eef ni balaaleffanna jechuun hanga gaaffiin mirga abbaa biyyummaa deebii argatuu fi bilisummaan uummata keenyaa mirkanaa’utti warraaqsaa keenya isa xummuraaf gaggeessa jirruu irraa duubatti hin deebinu jechuun bifa haaraan warraaqsa dhoosuun diina wawwachisaa jiraachuun ibsatan.
Mootummaan abbaa irree Wayyaanee humna waraana isaa barattoota irratti bobbaasuun Barattootni Oromoo  hedduun isaanii humna waraanaan qabamuun Magaalaa Incinnii irratti hidhamanii jiran keessa barattootni Oromoo 4 immoo humna waraanaan butamanii eessa buuteen isaanii kan hin beekamne ta’uun ibsame jira. Sochiin warraaqsaa FXG uummata Oromoo humna Waraanaan dhaabbachuu hin danda’u guyyaa ha’as  Godinaalee Oromiyaa  garaagaraa keessattis itti fufee jiraachuu Qeerroon gabaase.