Thursday, June 16, 2016

FXG Fnfinnee keeysatti ka’a sodaa jedhuun humni waraana Wayyaanee gandoota magaalaa mara keessa hedduminaan bobba’ee jira.

Waxabajii 15,2016
f2Mootummaan abbaa irree Wayyaanee yeroo ammaa kana waan qabuu fi gadi dhiisu wallaalee jira.Qeeyroon magaala Finfinnee fi godina adda keeysatti waraqaa warraaqsaa facaasen diinni wraana isaa finfinnee keessa olii fi gadi kaachisaa jira.
FXG oromiyaa keeysatti wayita kana walgayii wayaanee diiguudhaan, daandii cufuudhaan magaalota fi baadiyaalee keeysatti waan jabaatee itti fufef wayyaaneen humna waraana qabdu kan ishee utubee jiru Oromiyaa keessatti bittimstee kan jirtu amma magaalaa guddicha Oromiya Finfinnee keeysatti FXG ka’a kan jedhu sodaattee waraana ishee har’a ganamanaan Finfinne keeysa bakka bakka qabsiisaa jirti keeysattuu nannoo Yuuniversitiiwwani waraanni marsee ka jiruudha.f1
Dabalataan Qeeyroon godinoota addaa oromiyaa keeysatti barruu warraaqsaa bittimfameen wal qabsiisee bakka Qeeyroon itti walgahu, uummanni Oromoo yoo walitti deeme bakka cidhaa fi bakka du’aatti FXG sodaadhaan wayyaneen uummata nagaa humna qabduun burjaajeessa kan jirtu bakka naannowan kanneenitti poolisii federaalaa ramaddee jirti. Qeeyroon dhaadannoo fi qabsoo isaa jabeessuun ija poolisii duratti FXG jabeeffateera.

No comments:

Post a Comment