Waxabajjii 01/2016 Warraaqsaa Biyyoolessa Oromiyaa FXG marsaa 5ffaa Caamsaa 30/2016 n guyyaa har’aa Uummatni Oromoo kumootaan lakka’aman dhaadannoo fi dheekkamsaa guddaa dhageesisuun sirni awaalcha isaa rawwate.
 Guyyaa dheengaddaa Salaalee gabra Gurraachaatti Warraaqsii jabaan qabsiifamee gaggeeffamaa oluu gabaasuun keenya ni yaadatama. Warraaqsaa kana irratti tarkaanfiin diinummaa  waraanni agaazii wayyaanee gaasii Summaa’a uummatarratti dhukaasuun fudhateen sabboonaan Oromoo Obboo Toleeraa Ijaaraa abbaan maatii ijoollee sadii kan qabu ukkanfamee Wareegamuun isaa uummata Oromoo Aanaa Kuyyuutti kan dhagaa’amee fi hedduu dheekkamsiisaa jiru yoo ta’uu guyyaa har’aa Sirni awwaalcha isaa Aanaa Kuyyuu Gabra gurrachaatti bifa adda ta’een bakka sabboontootni fi qeerroon dargaggootni Oromoo argamanitti uummata gara kuma 4000 olitti lakka’amuun kan gaggeeffame ta’uu madden keenya Gabra Gurraacha irraa gabaasan. Uummatni oromoos Toleeraa Ijaaraa Kaayyoorratti wareegamee kaayyoo Toleeraa Ijaaraa goonni Oromoo kun irratti wareegamees galmaan ni geenya, dhumnee dhabamna malee mootummaa gabromsaa jalatti deebinee hin bullu jechuun dhaadannoo guddaa dhageesisuun sirni awwaalcha isaa bifa adda ta’een gaggeeffamera. Waraabbii video fi suuraalee sirna gaggeessaa sabboonaa Oromoo kana irratti waraabame waan qabnuuf kan isin qaqqabsiifnu ta’uu ni hubachiifna!!