Wednesday, June 22, 2016

Waxabajjii 20-21/2016 Godina Bahaa Oromiyaa Harargee Bahaa fi Dhihaa Aanota Garaagaraa Keessatti Warraaqsii Biyyoolessaa Oromiyaa FXG Daran jabaachuun itti Fufee

Waxabajjii 20-21,2016 Godina Bahaa Oromiyaa Harargee Bahaa fi Dhihaa Aanota Garaagaraa Keessatti Warraaqsii Biyyoolessaa Oromiyaa FXG Daran jabaachuun itti Fufee, Waraani Agaazii Wayyaanee, Liyuu Hayilii fi Koraa Bittinneessaa jedhamanis Yakka Duguuginsa Sanyii Ilman Oromoo Irratti gaggeessa jiru.
Godinoota Harargee Bahaa aanota akka Dadar Magaalaa Qobboo, Gursuum, Magaalaa Calanqoo, Godina Harargee Lixaa aanaa Mi’eessoo, Magaalaa Mi’eessoo dabalatee Warraaqsii biyyoolessaa Oromiyaa FXGn, gootota barattoota Oromoo kutaa 12ffaan daran jachuun itti fufee jira. Goototni barattoiotni Oromoo Godinaalee bahaa Oromiyaa Addatti Godinotaa akka Harargee bahaa fi lixaa keessatti qorumsa kutaa 12ffaa seensa yuunibarsiitiif qophaa’aa jiraachuun keenya utuma beekamuu roorroo fi hiraarsa saba keenyaa fi nurra ga’aa jiruu obsuu waan dadhabneef warraaqsaa finiinsuun falmachaa barachaa warraaqsaa keenya irraa duubatti hin deebinu jechuun warraaqsaa finiinsu irratti argamu. Goototni Barattootni Oromoo fi Qeerroon Dargaggootni Oromoo erga Oromiyaan bulchiinsa waraanaa jala galfamtee addatti duulli itti fufiinsaan waraanaa Agaazii, Liyuuhayilii, Poolisii federaalaa fi kora bittinneessaa jedhamaniin uummata Oromoo irratti gaggeeffama jiraachuun godinoota Harargee lamaanii fi Oromiyaa bakkoota hedduutti lubbuun ilmaan Oromoo guyyuu ajjeefamaa fi ukkaanfamaa jiraachuun Qeerroo dargaggootaa, gootota barattoota fi uummata Oromoo boqonnaa kan dhorkee fi daranuu kan warraaqsaatti jabeessaa jiru dha.
Barattootni Oromoo Aanaa Dadar magaalaa Qobboo, Aanaa Gursum, Anaa Mi’eessoo Magaalaa Mi’eessoo warraaqsaa finiinsuun dura dhaabbachuun falmachaa jirachuun ibsamee jira.
Akkuma amaleeffatee loltoota agaazii bobbaasuun ilmaan Oromoo nagaa ajjeesuu itti fufuun Shaamarree Oromoo tokkoo kan hojii buna daandii irratti danfistee ittin of jiraachiftuu fi maatii ishee tajaajiltuu shammarree Oromoo Sabrina Abdallaa jedhamtuu Harargee bahaa magaalaa Calanqootti itti dhukaasuun, lubbuun ishee wareegame jira.

No comments:

Post a Comment