Saturday, January 4, 2014

AFAAN KEENYAAF AFAAN KEENYAAN HAA-KAANU

Taammanaa Bitimaa irraa | Amajjii 4, 2014
DURADUBBII
Dubbiftoota barreeffata kanaa jaalatamoo fi kabajamoo, mee dursee barri haaraan kun bara nagaa fi bara badhaadhinaa, bara milkii gaarii fi bara tokkummaan Oromoo sonaan jabaatu isiniif haa tahu! Ilaa, amma waayee mataduree kanaa olitti kaayamee irrattan waa isiniif dhiyeessaa mee na hoofkalchaa!
Duula dhuma bara dabree isa muummiyyeewwanii (iliitonnii) warra Amaaraa: uummata Oromoo, saba Oromoo fi Biyya Oromoo irratti adeemsisan duradhaabannoo fi ofirraa-qolannaan dhalawwan Oromoo alaa-manaa agarsiisan kan hedduu nama gammachiisu. Amma irraantii tokko tokkollee arganneeti jirra. Hubaddhaa nuti Oromoonni biyya namaa deemnee: laga Abbayyaa, laga Barreessaa fi laga Bashiloo ceenee biyya Habashaa qabannee, mirga warra Habashaa irra ijjanneetii mitii! Isaan garuu biyya keenya humna qawwee fi humna gargaarsa Faranjiitiin qabatanii: harma aayyolee cicciranii, harka aabbolee mummuranii, ijaa-funyaan dargaggeeyyii fi shamarranii buqqifatanii, lafa lafee Oromoo sarbatanii, gabbaarii fi gabra nu taasifatanii waggaalee hedduu qaxxaamuruun as gayani. Kana hundaa kan jalqabee fiixaan-isaaniif baase, isa qaamaan namaa garaanimmoo bineensaa san kan Minilik jedhamu. 
Minilik kun wanneen inni uummata Oromoo, uummatoota: Waalayitaa, Kafichoo, Dimmee, Gimiraa fi kanneen biroo irratti adeemsise wanneen Hitler, naazichi uummata Yuudaa irratti adeemsee gadii miti. Ammoo, warri isaa iliitonni Amaaraa “kana irraanfaddhaatii akka jagnaatti isaa fudhaddhaa” nuun jechaa jiru. Hardha uummannii fi mootummaan Biyya Jarmanii nama waayee Hitler kaasee faarsu, waayee isaa xiqqoo ishiillee akka gaariitti ilaalu mana seeraa geessuun adabsiisu. Isaan “keenyaa” nama harma harmeewwan teenyaa mummure faarsaa akka gootaatti akka fudhannuuf nu dirqisiisu! Abadan lafa irraayyi ammas nu duguugu malee, kun dachee Oromoo irratti hin tahu!
Egaa, fiixaan-bayiinsi waayee asmaarii sanii isa Minilik faarsuu fi faabrikaa Baddallee irratti gonfanne kun, gara qabsoo isa kana fakkaatuutti nu ceesisuu dha qaba! Akkamitti, eessatti, maal maal faa irratti isa jedhamu kanaa gaditti wajjumaan ilaalla. Ilaallees, humnaa fi onnee tokkoomeen wajjumaan ol-jenna!
SEENASA
Amma gareen warra Amaaraa kan “Garee Cuquliisaa – Blue Party” jedhamu, duula hamaa Afaan Oromoo irratti banee jira. “Engineer Gizachew of Blue Party said, “Afaan Oromoo was a rural language and will stay as such and it will never able to get modernised therefore we are forced to keep using Geez”/ obboo Bariisoo irraayyi/. Yaa Oromoo koo, yaa saba Gadaa namtichi kun kana jechuun duula fi waraana: Afaan Oromoo, uummata Oromoo fi saba Oromoo irratti ifumatti kan labse Shaggar, handhuura Oromiyaa, qeyee jagnicha Oromoo qeyee Tufaa Munaa keessatti. Ee, Shaggar dachee Oromoo Kurnan Gullallee isaan erga qawwee ibiddaatiin, waraanaa Minilikiin moyamanii, isaan dhuumatii irraa hafan qawween buqqifamanii, quwween oofamanii naannoo Arsiitti hariyamanii saniitti. Wanni kun Oromoota bakka jiran maratti, alaa-manaa ilkaan ciniinnachisetoo kan isaan tokkoomsuun olkaasu tahuu qaba! Dabrees, Gareen Cuquliisaa kun biyyattis, biyyoota alaattis oggaa walgayii isaan waamame banu: dursee sirba Minilik faashisticha faarsu tokko dhageessisuuni.
Raaji Waaqa, safuu namaa nuti afaan isaanii, afaan qawween nutti dhufuun marcuma afaan keenyaa qabate kana baranna! Isaan garuu afaan keenya irratti, biyyuma keenya irratti duula banaa jiru. Kanaafuu, tarkaanfiiwwan lama gara fuulduraatti tarkaanfachuun: AFAAN KEENYAAF AFAAN KEENYAAN HAA-KAANU! Kun waamicha saba Oromoo fi waamichaa harmee Oromiyaa ti!
AFAAN OROMOO
Warri eeboo fi fardaan cabseetoo biyya keenya seene, gocha hamaa fi hammeenyaa inni adeemsise keessaa inni tokko isa Afaan Oromoo irratti tahe. Hamma yeroo dhiyoo, bara 1991-tti Afaan Oromoo akka bakka balaqqeessa tahe kan akka: yaa’ii, paarlamaa, bataskaanaa, mana barumsaa, mana seeraa fi waajjirootatti ittiin hin hojjatamneef seeraan dhoowwamee ture. Gaazexoonni, kitaabeewwanii fi barrooleen marti isaan baafamuun dhoorkaa ture. Kan biraa hafee Barroo Qulqulluu kan biyyoota Oroppaatti afaan keenyaan barreeffamanii dhoksaan karaa Sudaanii fi Keeniyaa faa biyya seenan guursisuun, mootummaan Habashaa inni Kiristaana ofiin jedhu gubsiisee jira. Kana bira kutee olola jibbaa fi jibbisiisaa afaan Biyya Gadaa kana irratti oofsisaa ture.
Garuu, kun cufti fiixaan isaaf bawuu hin dandeenye. Afaan qawwee, Afaan Amaaraa bakka maraa fi akka maraatti iddoo Afaan Oromoo buufamuuf humnii fi horoon irratti dhangalawullee afaan isaa kun boongoowwan isaa, jechuun magaalaawwan bira dabruun gandeen Oromoo hulluuqee seenuu hin dandeenye. Sirumaa Afaan Oromoo keenya dhiibbaa gurmee wayii malee, babaldhachaa, guddachaa kunoo Dhaloota Qubee daggala-raasaa fi gabrumfataa hollachiisaa dhaqqabee jira.
Afaan Oromoo biyyoota Gaafa Afrikaa sadii keessatti akka afaan dhalootaatti (afaan haadhaa-abbaatti) dubbatama. Kunis: Impaayera Toopphiyaa, Biyya Keeniyaa fi Somaliyaa Kibbaa keessatti. Baddaa Raayyaa, hara Ashangee irraa hamma Maanya Hindiitti (“Indian Ocean“-tti), Muggii fi Beegii duubaan daangaa Sudaan irraa hamma Magaalaa Jijjigaa cinaatti dubbatama. Akka afaan dhalootaatti uummata kitila 46-tu, akka afaan lammaffaa yookaan sadaffaatti immoo uummata kitila 12-tu, walumatti uummata kitila 58-tu isaan dhimma-baya. Ardii Afrikaa keessatti akka afaan dhalootaatti Afaan Arabaa fi Afaan Hawusaatti aanee sadarkaa 3-ffaa irratti argama.
Afaan Oromoo afaan daran sooressa tahee fi afaan hedduu, hedduu miidhagina isaatiin raajeffatamu. Heddumminni jechoota isaa, bareedumni afaanii yaa’inni sagalee isaa kan nama maalalu. Akkuman walooloo kiyya tokko keessatti ibsuuf yaale, inni “afaan nadhii dammaa” ti. Kan biraa hafee, waggaalee 130 seeraan dhoowwameeyyuu, hardha hanqina jechoota ammayyaa kan afaanota Addunyaa Sadaffaa hunda keessatti argamu sanillee karaa qabachiifatee jira. Oromoonni hundi alaa-manaa, fiixaan-baanee jirra jechuun otoo haara wayiituu hin baafatin dagaaginaa fi misooma afaan keenyaa irratti hojjachuu qabna!
WANNEEN HOJIIRRA OOLUU QABAN
Egaa amma, waraana fi duula ginni-bittee Amaaraa fi mummiyyeewwan Amaaraa afaan keenya irratti banan kana ofirraa faccisuuf, maal maal faa gochuun akka nu irraa eegamanin armaan gaditti baldhinaan tarreessa. Baldhinaanis jala-harriqa.
1) Oromiyaa keessatti afaan biyyaa Afaan Oromoo tahuu eenyumtuu beekuu qaba. Ijoolleen Oromoo manneen barumsaa kam keessattuu, yoo mabbawwanii (unibasiitotaa) fi kolleejota Afaan Ingiliziitiin barsiisan tahe malee, afaan ofiitiin barachuu qabdi. Ammaan tana ijoolleen Oromoo afaan qawween nutti dhufee qawweenis nutti fe’ame kana, Afaan Amaaraa wanni barattuuf sababni wayiitu hin jiru. Gayeen gayee dhaa afaan qawwee kun nu irraayyis, marcuma Afaan Oromoo irraayyis bu’uu qaba! San bira dabreeyyuu namoonni Oromiyaa keessa akkaa waaraatti jiraatan afaan biyya keessa jiraatanii kana, Afaan Oromoo barachuutu isaan baasa. Kun mee seera biyyoota addunyaatii! San irratti ijoollee Amaaraas tahee, kan warreen biroo bakka tuuta-tuutaan jiraatanitti afaan ofiitiinis barachuun seeruma. Kana irratti warri amma “Oromiyaa nutu bulchaa jira” nuun jedhan, warri OPDO miila isaanii lamaanin dhaabachuun isa jedhame kana hojii irra oolchuutu isaan baasa. Jalakaattummaan Afaan Amaaraas, jalakaattummaan warra Wayyaanees inni isaan adeemsisaa jiran kun eessumaanuu isaan hin gawu! Uummata isaanii, uummata Oromoo galaana Abbayyaa kana gaachana taasifachuun oljechuu qabu!
Yaa Oromticha, yaa Oromtittii, yaa qeerransoota Qubee dhageessuu! Gayeen gayee dhaa, amma irraa kaasee Oromiyaa guutuu keessatti ennaa barsiisaan Afaan Amaaraa isin barsiisu, yookaan inni wanneen biroo Afaaan Amaaratiin isin barsiisu olseenu isinimmoo akkuma jirtaniitti kutaa sana gadhiisuun gadi-baatu! Hubaddhaa kun seenaa keenya keessatti bara 1969 keessa dachee Oromoo Afran Qalloo irratti magaalaa Dirre Dhaawaatti tahee ture! Bara Dargii, ee bara mootummaan Habashaa ilmoo namaa qalee karaa irratti darbatu san dachee Oromoo Sadan Liiban magaalaa Amboo fi magaalaa Walisootti tahee ture! Bara dukkanaa san keessa kan ijoolleen Oromoo sun hojii raajeffatamaa kana goote, isin hardha bara ifaa, bardhibbee 21-ffaa keessa gochuu hin daddhabdani! Oromoonni addunyaa tana mara keessatti argaman hundumtuu karaa hundumaan isin cinaa jiruwoo!
2) Dira Shaggar keessattis Afaan Oromoo Afaan Amaaraa cinaatti afaan ballaqqeessa (“official language“) tahuu qaba. Ijoolleen Shaggar akkuma ijoollee dira Biruusel isa magaalmataa Biyya Beeljigii sanaa afaan lamaan kutaa tokkoffaa irraa kaasanii Afaan Oromoo fi Afaan Amaaratiin barachuu dha qabu!
3) Oromiyaa guutuu keessatti Afaan Amaaraa afaan balaqqeessaa tahuun isaa hatattamaan dhaabachuu qaba! Horoo fi horiin: bunni, sabbuu, diggaa fi hoomishinni warshaalee Oromiyaa keessaa isaan amma Afaan Amaaratii oolaa jiran dhaabachuun, Afaan Oromootiif ooluu qabu! Waajjiroonni mootummaa Toopphiyaa isaan Oromiyaa keessatti argaman Afaan Oromootiin hojjachuun dirqama!
4) Manneen amantii hundumtuu Biyya Oromoo keessa jiran Afaan Oromootiin hojjachuu, Afaan Oromootiin uummata tajaajiluutu isaan irraa eegama. Oromiyaa keessatti yoo isaan kana gochuu baatan, Waaqa tokkichaa fi guddicha san akka rifachiisan beekuu qabu!
5) Namoonni Biyya Habashaa irraa dhufuun manneen daldalaa fi seedataa banatan Afaan Oromootiin hojjachuu qabu. Oromtichi tokko, Oromtittiin takka Oromiyaa keessatti: gabaattis, manneen bunaatti, manneen nyaataa fayittis afaan ofiitiin tajaajilamuu qaba, qabdi! Yoo kun tahuu baate Oromoonni warreen kana irraa waa bituu fi waa itti-gurguruu, akkanuma irraa bitatanii dhuguu fi nyaachuu dhaabuu qabu!
6) Oromiyaa mara keessatti nama uummata Oromoo fi saba Oromoo arrabsu irraa waa bituu fi waa itti-gurguruun dhaabachuu qaba! Nama akkanaa kanatti dubbachuun, gaafa rakkoon itti-dhufte hamma inni ifumatti dhiifama hin gaafatinitti isaaf birmachuun hin jiru.
7) “Gareen Cuquliisaa” inni amma Afaan Oromoo irratti waraana fi duula bane kun, hatattamaan uummataa fi saba Oromoo dhiifama gaafachuu qaba. Tahuu baannan, gareen kun dachee Oromoo irratti, wiirtuu Oromiyaa dira Shaggar irratti hojii isaa adeemsisuu hin qabu!
8) Namnoonni Amaaraa isaan Oromiyaa keessatti gaazexoota faa baasuun: “Gaallaa Gadaay” isaanii oofaa jiran ifumatti uummata Oromoo dhiifama gaafachuu qabu! Tahuu baannan, jarreen kun dachee Oromoo irratti, wiirtuu Oromiyaa dira Shaggar irratti hojii isaanii adeemsisuu hin qabani!
9) Oromoonni Oromiyaa keessatti bakka kamittuu afaan ofiitiin dhimma-bawuu qabu. Ijoolleen Oromoo warri miseensota Dhaloota Qubee tahan, namoota alagaa isaan Afaan Oromoo barachuu barbaadan tolumaan barsiisuu qabu. Warri OPDO immoo bakka itti-baratamuu fi wanneen ittiin-baratamu ijoollee tanaaf dhiyeessuun dirqama! Warri OPDO kun faajjii Afaan Oromoo olqabanii akka tarkaanfataniif, karaa garagaraatiin dhiibbaan adeemsifamuutu karaa qajeelaa taha.
XUMURA-DUBBII
Yaa Oromoo yaa uummata koo, nuti Oromoonni aadaa fi duudhaa uummata keenyaa irraanfachuu hin qabnu. Namni kamuu, Amaarris, Tigreenis eenyu fi eenyu faa marti nagaa fi kabajaan nutti dhufnaan akkuma aadaa keenyaa boonsisaa saniitti simanna! Isa afaanii fi billaa qaratee nutti dhufu guruu, tokkummaan dura dhaabanneetoo ofirraa deebifna! Uummanni Habashaa: warri Amaaraas, warri Tigrees uummata ollaa keenyaa waan tahaniif nageenya fi ollummaan isaan waliin qabnu kana ololli warra Garee Cuuqulisaa fi kan warreen faarsituu Minilik naazichaa faa booressuu hin qabu. Faashisota Amaaraa isaan kaleessa fi isaan hardhaatii obsa tokkollee horachuu hin qabnu! Ammoo, baaqaa-callaa addaan-baafachuun aadaa Oromooti. Ilaa gayeen gayee dhaa, fashistoonni fi sanyiitti-amantoonni Habashaa nurraa bu’uu qabu! Mirgaa fi haqa uumamaan qabnuuf sochowuun, bilisummaa fi walabummaa keenyaaf tarkaanfachuun mirgaa fi haqa uummata Habashaa: kan warra Amaaraas, kan warra Tigreess kan miidhu akka hin taane, eenyumtuu beekuu qaba!
Akkuma mammaaksi Oromoo tokko: “abbaan iyyu malee, ollaan namaa hin birmatu” jedhu san, nuti karaa maraan of ijaarree, karaa maraan hidhannee yoo kaane malee, kan nuuf maluu hin jiru. “Ilma yartuu haatiyyuu hin jaalattu” jedha Oromoon. Kanaaf, nuti hundumtuu: AFAAN KEENYAAF AFAAN KEENYAAN HAA-KAANU!
==============    //    ==============

Friday, January 3, 2014

Yuuniversitii Mattuu Keessatti Diddaan Barattoota Oromoo Haala Hammaataan Eegale Irraan Barataan Sooressaa Jedhamu Rasaasaan Rukutamee Barataan Waqshum Jedhamu ammoo Ulee Sibiilaan Reebamuun Hosptala Mattuu Galan

Amajjii 03,2014 Mattuu
OromiaALutaContinua2011FDGAmajjii 3/2014 Yuunivarsiitii Mattuutti Gochaa seeraan alaa Mootummaan Wayyaanee karaa poolisotaa dabbaloota isa fi lukkeelee ilmaan Abashaatiin fudhachaa jiru mormuun baratootni Oromoo Sagalee Diddaa dhageesisan.
Laliftootii sirna bulchiisa nafxanyaa ykn Habashaa yoom iyyuu maqaa Oromoo xureessuu xiqqeessuu irraa duubatti hin jennee kanneen bobaa mootummaa Wayyaanee jala galuun uummata Oromoo maqaa xuressuu keessa gochaan maqaa xureessii kun dhaabbachuu qaba sochiin maqaa Baddallee Biraan qabatee dhaadessi mooticha Habashaa Minilikiif deemamu dhaabbachuu qaba jechuun diddaa dhageessisan.
Haala kanaan ilmaan Habashaa diddaa barattoota Oromoo argan  ijoollee Oromoon jechoota doofaa fi boodatti hafaan fayyadamuun jechaa dhiiga namaa danfisuun barataa Oromoo tokko bakka doormii isatti arrabsan, baratootni Oromoo arrabsoo kanaaf karaa
seeraa mooraa Yuunivarsiitii Mattuu dhiyeeffatanillee nama isan jalaa qabu illee akka dhaban ibsatan.Ilmaan Habashaa kun seeraatti nu himattan sababa jedhuun barattoota Oromoo bakkoota dahootti hidhatanii haaluu bahuu barbaadan.Gochaan kunis garee Habashootaa fi mootummaa Wayyaaneen kan qindaaye yeroo ta’u, Amajjii 3/2014 goototni baratootni Oromoo lukkeewwaan ilmaan Amahaara yakka baratoota Oromoo irratti rawwatan kana dura dhaabbachuun barattooti Oromoo tokkummaan kan’uun walitti bu’iinsi guddaan ka’uu gabaasi naannicha irraa nu gahe addeessa.
Haalli kun hammaachuu irraan kan ka’e  Mootummaan Wayyaanee baratootni Oromoo jeequmsaa narraatti kaasaan jechuun humna poolisaa fi federaalaa mooraa Yuunivarsiitii Mattuutti ol galchuun baratootaa Oromoo irratti dhukaasa banuun Mooraan Yuunivarsiitii Mattuu dirree waraanaa fakkaattee kan jirtu ta’uu ibsame jira.Guyyaadhuma walfakkataa kanatti Barataan Oromoo
Koolleejjii barsiisota Mattuu irraa baratuu 2 baraataa Waakshuumaa jedhamu hojii guyyaa Mooraa yuunivarsiitii Mattuu keessaa hojjetee barnoota galgalaa koolleejjii barsiisota irra barachaa jiru poolisiin mooraa Yuunivarsiitii mattuu keessa jiru tokkoo ulee feernoo sibiila ittin gamoon ijaaramuun akka malee yeroo reebu dirmanna baratootni Oromoo Yuunivarsiitii Mattuu godhaniifiin yeroo amma hospitalaa mAttuu galee du’aaf jireenya gidduutti argama. Baratootni Oromoo gochaa kanatti akka malee aaruun Fincila poolisota mooraa irraatti yeroo kaachisan, poolisonni poolisii yakka barataa Oromoo irratti rawwaate kana qabanii seeraatti dhiyeessuun hafee, baratootaa Oromoo irraatti waraanaa bobbaasuun dhukaasaa baratoota irraatti banuun gabaafamera.Barataan Oromoo Yuunivarsiitii Mattuu irra baracha jiru kan maqaan isaa Barataa Sooressaa jedhamu rasasa poolisota irraa itti dhukaafameen madeeffame hospitala mattuu galee jiraachuun gabaafamera.
Fincila guddaa Yuunivarsiitii Mattuu kanaan walqabatee Uummaanni Oromoo jiraattotni Magaalaa Mattuu halkaan guutuu Waajjira poolissa marsuun yakkamtootni ijoollee keenya daraara jiran seeraatti haa dhiyaatan jechuun sagalee isanii dhageesisuun guutumma magaalaa Mattu goolan. Haaluma kanaan mootuummaan wayyaanee humna waraana isa Magaalaa mattuu fi Yuunivarsiitii mattuutti bobbaasuun baratoota Oromoo fi uummaata Oromoo goolaa jiraachuu gabaasaan nu qaqqabee jiru ibsee jira.
Guyyaa Har’adhaas ittuma fufuun Yuunivarsiitii Mattuu keessatti baratootni Oromoo nyaataa fi barnootaa dhaabuun mirgii keenyaa eegamuu qaba. Yakkamtootni seeraatti dhiyaachuu qabu jechuun sagalee mormii jabaa dhageesisan, sabaaba kanaan wal qabatee galgala kana Mootummaan Abbaa irree Wayyaanee humna Waraanaa isaa Mooraa Yuunivarsiitii Mattuutti ol galchuun baratoota Oromoo reebsisa jiraachuu irra kan ka’ee baratootni Oromoo Mooraa Yuunivarsiitii Mattuu gadhiisuun Magaalaa gara uummataatti gadi baqaachaa jiraachuu barattootni Oromoo ibsatanii jiru.

ባለፉት ዘመናትም ሆነ ዛሬ በኢትዮዽያ ኣመሰራረት ላይ በውስጣ በሚኖሩ ሃዝቦች መካከል መግባባት የለም በሃገር ማቅናት ስም የተፈጸሙ ግፎችን ይክዳሉ

በቀለ ጅራታ ከስዊድን

ባለፉት ዘመናትም ሆነ ዛሬ በኢትዮዽያ ኣመሰራረት ላይ በውስጣ በሚኖሩ ሃዝቦች መካከል መግባባት የለም። የሃገሪቷን ስልጣን በሃይል የያዙት ወገኖች “ሃገር የማቅናት ስራ ሰራን እንጂ, የፈጸምነው በደል የለም;” እያሉ በሃገር ማቅናት ስም የተፈጸሙ ግፎችን ይክዳሉ። ለምንም ኣላማ ይሁን የተገፉ፣ ነጻነታቸውንና ክብራቸውን የተነጠቁ ህዝቦች ደግሞ በሃይል ሃገራችንን ተነጠቅን እንጂ ወደን ኣይደለም በማለት የተነጠቁኣቸውን መብቶች በማስመለስ ለእኩልነት፣ ለነጻነትና ለፍትሕ ይታገላሉ።
በነዚህ ሁለት ተጻራሪ ሃሳቦች ምክንያት – “የሃገር ኣቅኚ” ወገንም ሆኑ ሌሎችም – በኣንድ ላይ ሰላም በማጣት ለዘመናት ስማቅቁ ለመኖር ተገደዋል። ኣለም ሰልጥኖ ጨረቃ ላይ በወጣበት ዘመን እንኳን የኣስተሳሰብ ለውጥ ለማምጣት የተሳናቸው ወገኖች ዛሬም ቀድሞ የተበላሹትን ሁኔታዎች ለማስተካከል ከመስራት ይልቅ, የሕዝቦችን ቁስል  የሚያደሙ  ታሪኮችን ለማደስ እየተሽቀዳደሙ  ይታያሉ።
በተለይም ባለፉት ሃያ ሁለት ኣመታት, ኣእምሮና ህሊና የጎደላቸው ግለስቦች ወይም ቡድኖች በሃገር ኣንድነት ስም ጸረ-ኣንድነትና ኣፍራሽ ድርጊቶችን ስያራግቡ እንደከረሙ ትክክለኛ ኣስተሳሰብ ያላቸው የማይክዱት ነው። ለሃገር ኣንድነት ተቆርቃሪ እየመሰሉ ለነጻነትና ለኩልነት፣ የሚታገሉትን ህዝቦች  እንደሃገር ኣፍራሽ ሲቆጥሩና ሲያወግዙ እስከዛሬ ዘልቀዋል። እነዚህ ወገኖች የራሳቸውን የትምክህት ስሜትና ኣስተሳሰብ ከማዳመጥ በስተቀር ለነገ የህዝቦች ኣብሮነት ደንታ የላቸውም። ባለፉት ሃያ ሁለት ኣመታት ህዝቦችን የሚያራርቅ እንጂ የሚያቀራርብ ተግባር ስፈጽሙ ኣልታዩም። ጤነኛ ኣስተሳስብ ያለው ወገን ተበደልኩ የሚለውን ወገን በማዳመጥ ያለፉት ስተቶች እንዳይደገሙ የበኩሉን ይሰራል እንጂ ኣልተበደልክም፣ ወይም የተፈጸሙት በደሎች ትክክል ናቸው ቢሎ በተበዳዩ ኣያፌዝም። እንደዚህ ኣይነት ኣስተሳሰብ ኣንድ ነን፣ ተዋልደናል፣ ሁላችንም የኣንድ ሃገር ልጆች ነን ከሚል   ኣይቀርብም።
ከላይ እንደመግቢያ ላነሳሁት ምክንያት የሆነኝ ሰሞኑን የኦሮሞና የደቡብ ህዝቦችን በመውረር በወቅቱ መጠነ-ሰፊ በደሎችን ያደረሰውን ምኒልክን እንደ ኣዲስ የማወደስና ከነልሰን ማንደላ በበለጠ ደግ የሰራ ጀግና እያሉ የእንተርነት ድህረ ገጾችን እያጣበቡ ያሉ ወገኖች ሁኔታ ነው። እነዚህ ወገኖች ምኒልክ ለእነሱ ጀግና ሲሆን ለሌሎች እንደ ኦሮሞ፣ ሱማሌ፣ ሲዳማ፣ ወላይታ፣ ወዘተ ለምን ጀግናቸው ኣድርገው እንደማይመለከቱ ለምን እንዳልተገነዘቡ ኣይገባኝም፣ እነሱ ምኒልክ “ሃገር ኣቀና” ብሉም እሱ የፈጸመው ከኣውሮፓ ቅኝ ገዢዎች የበለጠ ግፍና በደል  በመሆኑ ማወደስ ሳይሆን ታሪኩም በግፈኞች ተርታ መጻፍ ያለበት ነው።
በጣም የሚገርመው ደግሞ እንደ ጋዜጠኛ ተመስገን ደሳለኝ ኣይነቱ ከዚህ በፊት “ወገናዊነት የማያጠቃውና የሃገሪቷን የፖለቲካ ሁኔታ ሚዛናዊ በሆነ መልኩ በማቅረብ በብዙ አንባቢዎች ዘንድ እኔን ጨምሮ ኣድናቆት የነበረው” ግለሰብ ከሱና ከመሰሎቹ በስተቀር ምኒልክ በሌሎች የኢቶዽያ ህዝቦች ዘንድ በምን ሁኔታ እንደሚታወስ እያወቀ በህዝቦች መካከል ውጥረት ነግሶ ባለበት ጊዜ ምኒልክን ተወዳዳሪ የሌለው ጀግና ኣድርጎ ማቅረቡ ነው። ዘር ከልጓም ይስባል እንደሚባለው ሆኖበት ወይም  ከወገኖቹ መካከል መልካም ታሪክ ያለውን በማጣት ሊሆን ይችላል የሀገሪቷ ፖለቲካ ችግር ውስጥ መኖሩን እሱ እራሱ በተደጋጋሚ ጽፎ ሲያስነብብ ቆይቷል። ለፖለቲካ ችግርና ውጥረት መንስኤ የሆነውም እንደዚህ ኣይነቱ የተዛባና የሃገሪቷን ጠቅላላ ህዝቦች የማይወክሉና ከኣንድ ወገን ብቻ የሚወደሱ ኣመለካከቶች መሆናቸው ነው። ይህ በኣሁኑ ጊዜ እንደዚህ ኣይነት የተበዳዩን ወገን ጠባሳ የሚያደሙ ታሪኮችን ከተቀበሩበት ጉድጓድ እያወጡ መጻፍ ማለት በባለታሪኩ የተፈጸሙት ግፎችና በደሎች ሁሉ ትክክል ናቸው ብሎ በተበደለው ህዝብ ላይ እንደማፌዝና የለየለት ንቀት መሆኑን መረዳትና መታረም ያስፈልጋል።
ምኒልክን ጀግናና የተመሰከረለት ታላቅ መሪ ኣድርገው ያልነበረውን ባህርይ ኣልብሰው በኣሁኑ ጊዜ ማቅረብ ማለት ኣላማው እራሱ የምኒልክ ኣገዛዝ ከፈጸመው ግፍ የከፋ እንጂ ያነሰ ኣይደለም። ይህንን ኣይነቱን ታሪክ ነው ብለው ሞቶ የተረሳውን የሚያራግቡ ግለሰቦች ወ ይም ቡድኖች ለኢትዮዽያ ሃዝቦች ኣንድነት የለየላቸው ጠንቅ መሆናቸውን ማወቅ ኣለባቸው። እነዚህ ወገኖች ምኒልክ ስተት የሰራው “የተበታተኑ ሃዝቦችን ኣንድ ለማድረግና ሃገር ለማቅናት” ነበር ብለው ልያሳምኑን ይሞክራሉ። ወራሪው ምኒሊክ ግን እንኳን የተበታተኑትን ህዝቦች ማቀራረብ ይቅርና የወረራቸውን ህዝቦች ኣንድም ጊዜ ህዝቦቼ ናቸው ኣላለም። ያደረገው ነገር ቢኖር ግማሹን የራሱና የተከታዮቹ መገልገያ ባሪያ ሲይደርጋቸው ሌሎችን ደግሞ ሰብስቦ ለውጭ ባለውለታዎቹ ሸጣቸው። እሱ በዘረጋው መንገድ ወራሾቹም የህዝቦችን መሬት ቀምተው ገባርና ጭሰኛ በማድረግ ያለ ርህራሄ የህዝቦችን ደም ስጠጡ ኖረው በ ህዝቦች ኣብዮት ልገረሰሱ ቻሉ። ያ ሲሆን የሰሜኑ ኣርሶ ኣደር መሬትን በርስተ ጉልትነት ይዘው ለዘር ማንዘራቸው ያስተላልፉ ነበር። የዛሬዎቹ የምኒልክና የሃይለስላሴን ታሪክ ለማራገብና ከሰሩት ግፍ ነጻ ለማድረግ የሚራወጡት ቢያንስ እንደዚያ ኣይነት ኣድሎኣዊ ኣገዛዝን ሰህተት ነበር ብለው በማውገዝ ለወደፊቱ ሌሎች ስተቶች እንዳይኖሩ ለመስራት መነሳሳትና በግድ ለማምጣት የሚሞክሩትን የኢትዮዽያ ኣንድነት በስራ ማሳየት ነበረባቸው።
ከዘመን ዘመን ተጭባጩን ሁኔታ ለመረዳት ኣእምሮም ሆነ ህሊና የሌላቸው ለነገ የሚባልን የማያውቁና በህዝቦች መካከል ሆነ ብለው ግጭት ለመፈጠር­ ወይም ከመቀራረብ መራራቅን የሚስብኩ ቡድኖችንና ግለሰቦችን ነው። እነዚህ ወገኖች በኔ ግምት ከኋላቸው የምያስቡለት ህዝብ የላቸውም። ምክንያቱም ሰላም ማጣትና የእርስበርስ ግጭት ወይም ጦርነት ምን ያህል ኣስከፊና ኣውዳሚ መሆኑንና እንደዚህ ኣይነት ሁኔታ ቢፈጠር ጉዳት የደርስበታል ብለው የምያስቡለት ህዝብ ብኖራቸው ሁልጊዜ ህዝቦችን የሚያጋጭ ወይም ወደ ግጭት የሚወስድ መንገድ ባልተከተሉ ነበር። በርግጥ  በኣለም ህዝቦች ዘንድ   የተወገዘውን የናዚ ኣላማ ደጋፊዎች ባውሮፓ በተለይም በጀርመን ሃገር በዛሬው ጊዜ እየተስፋፉ መሆናቸው ስታሰብ የነዚህም ላይደንቅ ይችላል። ዛሬ ግፍ ኣድራጊውን ምኒልክን እንደዚህ ኣስከፊና ውጥረት በነገሰበት ወቅት ባለ መልካም ታሪክ ኣድርጎ ለማቅረብ መሞከር ከናዚ ጀርመን ኣላማ ደጋፊዎች ተለይቶ ኣይታይም።
በኔ ግምት ኣለም በሰለጠነበትና በቀደሙት ዘመናት የተፈጸሙትን ግፎች በማውገዝ ለመጪው ትውልድ የመከባበርና የመደጋገፍ ሁኔታ እንዲጠነክር በመስራት ላይ ባሉበት ወቅት የድሮ ግፈኞችን ታሪክ ከጉድጋድ ፈልጎ ታሪክ ኣለን ማለት  የጥሩ ታሪክ ኣልባ  ወ ይም  የታሪክ ደሃ  መሆንን ያመለክታል። ለብዙ ዘመናት በውሸት ታሪክ እራስንም ሆነ የኣለም ህብረተሰብን ለማታለል ተሞክሯል። እውነትና ንጋት እያደር ይበራል እንደሚባለው እነዚያ ኩሸቶች ዛሬ ተጋልጠዋል። ስለዚህ ኣዲስ ታሪክ ለመስራት መዘጋጀት እንጂ የረከሰና  ኣፈር ለበላው ታሪክ ለማደስ ጊዜን ከማጥፋት በላይ ለትዝብት ይዳርጋል።
ስለዚህ የነዚህን ጸረ ህዝቦች፣ የሰላምና የወደፊት የህዝቦች ኣንድነት እንቅፋቶችና የመበታተን ኣደጋ መሪ ተዋናዮችን ሰላም ወዳድ የሆኑ፣ ኣእምሮና ህሊና ያላቸው የኣበሻ ልጆች ድምጻቸውን ክፍ ኣድርገው ልቃወሙና ሊያወግዙት ይገባል። ምንልክም ሆነ ሌሎች ገዢዎች ስለሰሩት ግፎች የዛሬዎች ልጆቻቸውና የልጅ ልጆቻቸው እንዲጠየቁ ወይም ካሳ እንድክፍሉ የጠቃቸው ኣካል የለም። ነገር ግን በኦሮሞና በሌሎች የደቡብ ህዝቦች ብቻ ሳይሆን በማንኛውም ህዝብ ላይ በድል መፈጸም ትክክል ኣለመሆኑን መገነዘብና ማንም ይፈጽም ማውገዝ ህሊና ካለው የሚጠበቅ ነው።

Thursday, January 2, 2014

KORBOO SHEEKKOTAA – 3

Taammanaa Bitimaa irraa | Amajjii 2, 2014

DURADUBBII

Dubbiftoota barreeffata kanaa jaalatamoo fi kabajamoo, kanaan dura dhaamsa kanatti aanee jiru isiniif dabarseen ture: “kunoo harra irraa jalqabeen mataduree ”KORBOO SHEEKKOTAA”, jedhamu kana jalatti sheekkota gaggabaaboo (“short stories”) tan addaddaa isinii dhiyeessuuf yaala. Egaa kunis akkuma yeroon naaf hayyametti. Isin warri kana duukaa-buutanii dubbiftan akka itti gammaddan abdiin qaba.” Dabaleesoo, yeroo dabre sheekkonni: 
  1. HARKA TOLAA BALLEESSUU DIDE, fi
  2. WALLAALUMMAAN BOONAA, jedhaman akka mandheedhuma tana irratti bayan kabajaanan isin yaadachiisa.
  3. QALQALLOO SOBAA
Jiruu Boruu fi Bultii Guutamaa ijoollummaa isaanii irraa kaasanii walbeeku. Ganda tokko keessatti dhalatanii guddatani. Bishaan laga tokkoo dhugaa, qoraan bowwaa tokkoo cabsachaa guddatani. Boodas erga umuriin isaanii mana barumsaaf dhaqqabee, mana barumsaa tokkotti baratani. Mana barumsa jalqabaa irraa kaasee hamma unibarsitiitti walumaan baratanii as gayani. Kan biraa hafeetoo kutaan beekumsaa kan isaan irratti bobbayanii xumuratanillee tokkuma. Kanaaf, namoonni baay’een jarreen kana akka obbolaa lakkuutti ilaalu.
Ammoo, erga addunyaa barumsaa irra tarkaanfatanii gara addunyaa hojiitti ceyanii asii: mana, ganda, magaalaa fi biyyi tokko haa turuutii kutaa ardii takka keessayyuu jiraatanii hin beekani. Dubbiin dubbi jiruu fi jireenyaa taheetoo biyyoota garagaraa keessatti bobbayanii jiraachaa, hojjachaa jiru. Garuu bilbiltoo, xalayaa fi emeeliin takkaa wal-irraa citanii hin beekani.
Bultii Guutamaa Oromiyaa, godina Iluubbaa Booraa, magaalaa Buunoo Baddallee keessa jiraata. Jiruu Boruu immoo Oroppaa, Biyya Iswiidinii, godina Maalmoo keessa jiraata. Jiruun saayinsituuwwan beekamoo tahan keessa isa tokko taheetoo jira. Waayee fiizikaa irratti qorannoo fi argamtaan inni fide Badhaasa Noobeliifillee isa kaadhimee jira. Barana carraan kun bira kuttullee waggaalee shanan dhufan keessatti akka isaaf milkooftu innis, hiriyyoonni fi lammiiwwan isaas abdii mijuu qabu.
Jiruu Boruu unibarsitii Finfinnee irraa kaasee nama Habashaa kan dhalootaan Amaara tahe tokko beeka. Nama kana Bultii Guutamaas sirriitti beeka. Ennaa Jiruun waayee qormaataa irratti hojii argatee Biyya Faranjii dhaqu, gurbaan Habashaa sun immoo Koleejii Seenaa fi Aadaa Toopphiyaa keessatti hojii qabatee Shaggarumatti hafe. Kanaaf, yeroo hedduu Jiruu Boruu fi Difaabbaachaw Balibbuu kora qorattootaa kan addaddaa irratti walargu. Waan duraan walbeekaniif wajjiniin haasawusi. Keessumaa Kora Qormaata Toopphiyaa irratti deddeebsaniitoo walargaa jiru.
Yeroo danuu Difaabbaachaw Balibbuu otoo inni waa dhoksaan warra biyyoota ambaatii, keessumaa Faranjootaaf hiruu Jiruu Boruu argaayyu. Difaabbaachaw Balibbuu oggaa waan sana namootaaf hiru akkuma qeesiin Habashaa nama irraa garagalee dhoksaaan qarshii baasee kennuutti godha. Kun immoo caalaa Jiruu Boruu akka: “kun maali laata?“, jedheetoo duukaa-bu’u isa taasise. Kanaaf, waayee kanaa akkuma yakkabaaftuu takkaatti ciniinnatee jala deemuu jalqabe.
Jiruu Boruu hojii ofumaan of irratti fe’e kana akkuma saganteeffateen, hiriyaa isaa Bultii Guutamaatii kitaabee ture. Akka argamtaa fi gumoo bira gaye immoo yeroo yeroon gabaasuuf maqaa raaree wajjin laaqaa gaddatan saniin waadaa galeefi. Egaa dubbiin tun, dubbi lafee waan taateef, daddhabsiiftuu taatullee gammachuus of-keessaa hin dhabdu jedhee irratti of-gate.
Halkan gaafa dubbii saganteeffatee sanii Jiruun rafuu hin dandeenye. Laboobaan ija isaa waltuqullee qalbiin isaa dubbii Difaabbachaw Balibbuu bira bulte. Buusee, baasee “maalinnilaa wanni inni facaasu kun?” jedhee of-gaafata. Namtichi kun waan seenaa keessumaa, seenaa Habashaa irratti digirii argateef, wanni inni akka qeesii isaanii dhuksee namaa hiru isaaf galuu dide.
Erga Jiruu Boruu qorannoo kana duukaa-bu’uu irratti xiyyeeffatee asii, Korri Qorannoo Toopphiyaa inni: Moskoo, Tokkiyyoo, Atlaantaa, Torontoo, Roomaa, London, Teelabiib faa dabrniiti jiru. Kora isa baranaa kan baatii Hagayyaa, dira Barliin keessatti tahu irratti immoo “karaa cabe haa yaasu malee, otoon waayee Difaabbachaw Balibbuu bira hin gayin deebi’ee hin galu“, jedheetoo muratee Maalmoo irraa gara Barliinitti qajeele. Kanaafis ayyaanaa abbaa fi haadha isaa, ayyaana lammii, gosaa, sabaa fi biyya isaa cimsee kandhatee jira. Keessumaa ayyaana Oromoo fi Oromiyaa jabeessetoo kadhate. Ayyaanni Gadaa, ayyaanni bokkuu, ayyaanni cafffee, ayyaanni siiqqee, ayyaanni ateetee, ayyaanni irreechaa; Waaqni gurraachi garaa gurraachaa, leemmoon garaa taliilaa akka isa bira goraa jiru, mamii wayiituu hin horanne.
Kunoo erga korri sun jalqabamee harra guyyaan afraffaa dha. Jiruu Boruu akkuma sardiidaa hoolaa adamsituu riphee waayee Difaabbaachaw Balibbuu hordofaa jira. Guyyaalee taran kana keessa homaa isaa hin mijoofne. Harra garuu, “guyyaan guyyaa angafaa, gayyaa Kamisaa waan taheef, nan milkaaya” jedhee yaade. Guyyaan kun guyyaa guutuu waan taheef, wanni ka’eef sun akka guutuuf abdatee karaa mirgaa siree irraa ka’e.  Mirgaan ka’ee, mirgaan Waaqa Gurraacha waan kadhateef, mirga argachuun isaa akka hin oolle qalbiin isaa akka shilkii Shaggariitti bilbilaa itti himteetoo jirti.
Namoonni kora kana irratti argaman amma boqonnaa bunaatii bayanii jiru. Sadii, afur, shan-faa tahaniitoo gurmuu gurmuun faffacayanii haasawaa jiru. Booda akkuma amala isaa Difaabbachaw Balibbuu waan tokko dhoksaan boorsaa isaa keessaa babasee, dhoksaan namicha biyya Ameerikaa irraa dhufe tokkoof kennee, ammas akkasuma gochuun gurmuu birraatti ceye. Namticha Ameerikaa kana Jiruu Boruu sirriitti beeka. Kanaaf, itti siqee dhaabachuun wajjin haasaa jalqabe. Booda gara waayee Toopphiyaa irratti haasaan isaanii ceenan, namtichi Ameerikaa sun akka sanadii barbaachisaa fi cimaa tokkootti boorsaa ofii keessaa baasee, waan duraan Difaabbaachaw Balibbuu isatti kenneeyyu san Jiruutti dabarse.
Achumaan Jiruu Boruu iccitii Difaabbachaw Balbibbuu argaddhee jedheetoo, waan san gaggaragalchee i’ilaale. Ammoo, matuduree isaa irraa waayee isaa battaluma beekuu dandaye. Inni erga korri kun xumuramee booda guyyaa shan bulee, gaafa jahaffaa gara Biyya Iswiidinii, Maalmootti deebe’e. Akkuma galeen xalayaa emeelii isa kanaa gaditti argamu hiriyaa isaa, isa akka koodee ofiitti jaalatu san, Bultii Guutamaatii barreesse.
20. 08. 05
Koodee koo Bultii Guutamaa,
Akkam nagumaa? Maatiin, qeyeen, lammii fi biyyi kees nagumaa? 
Kunoo ani kaleessa galgalan koran sitti hime san irraa deebi’e. Waanan yeroo dhabeefan sagalee kiyya si dhageessisuu irraa hafe. Mee kanaafuu, dhiifa guddaa!
Waayee Difaabbaachaw Balibbuu isaan duukaa-bu’aa ture san, kunoo amma fiixaan bayeen jira. Ayyaana bishaan lagan si waliin dhugee guddaddheetu, akkaayyiin si wajjin mashakaa guddaddhee fi biyyiin si waliin darbaachaa guddaddheetu naaf milkeesse. Kunoo amma qalqalloo sobaa isa inni faffacaasaa turee san, Waaqni Oromooo fi Oromiyaa baneetoo ifumatti natti agarsiisee jira. Qalqalloon kun qalqolloo haaraa miti. Qalqalloo bardhibbee danuu ti. Qalqalloo dhugoo fi dhugaa of-keessaa hin qabnee, qalqalloo daaraa sobaatiin guutamee dhiitayee ti.
Qalqalloon innin ani waggaa hedduu duukaa-bu’aa ture kun, qalqalloo sabbuu fi diggaa Oromiyaa of-keessaa qabu sitti hin fakkaatin. Ammoo, qalqallichi, qalqalloo sabbuu fi diggaa Oromiyaa fi biyyoota akkuma Oromiyaa teenyaa qabamanii dhiitamaa jiranii guurrachuuf sobaan sobni guutamee ti. Sunumtuu qalqalloo sobaa qofa otoo hin tane, qalqalloo soba moofaa fi dullachaa ti. 
Obbolleesso, dubbii sittii dheeressee onnee fi qalbee tee hin rarraasutii qalqalloon sun qalqalloo seenaa jarri “seenaa Toopphiyaa” jedhaniitoo nu barsiisaa, ijoollee ofiis barsiisaa, addunyaattis lallabaa turanii fi ammallee itti jiranii ti. Qalqallichi, qalqalloo akka raqa goodaatti darbatamee majaa eeggachaa jiruu ti. Isa akka raqa ajawaa funyaan qabatanii bira dabranii sanii ti jechuu kiyya!
Egaa hundattuu nagaa naa himi. Biyyee fi biyya koo naaf dhungaddhu!
Tiruu kee,
Jiruu Boruu,
Maalmoo, Biyya Iswiidnii irraa!

******************    //    ******************

Guyyaan WBO fi Waggaan Haaraa bara 2014 Oromiyaa Bakkoota Adda Addaatti Bifa Addaan Kabajamuu Itti Fufe.

guyyaa wboGaabaasa: Amajjiin 1/1/2014 Guyyaan WBO fi barri haraawaan 2014 Godinota Dhihaa Oromiyaa Keessatti bifa miidhagaa fi howaa ta’een kabajame; Ammas itti fufee Guyyaan WBO kabajama jira.   Ammajjiin tokko guyyaan WBO Godinalee Oromiyaa dhihaa, Godina Lixaa Shawaa, Kibbaa Lixaa Shawaa, Godina Jimmaa, Iluu Abbaa Booraa fi dhabbiilee barnoota olaanoo fi manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa fi 1ffaa godinicha keessatti argamanin miseensota qeerroo, fi Madheewwaan Addaa Bilisummaa Oromoo (ABO) fi sabbontoota ilmaan Oromootiin bifa miidhagaa fi haalaan gammachiisa ta’een kabajame. Haaluma kanaan godinaalee fi dhaabbileen barnootaa haala dinqisisaa ta’een kabajanis:
Godina Jimmaatti : Godina Jimmaatti Miseensotni Maadhee, fi Qeerroo sabboontootni Oromoo walitti dhufuun jalbultii Amajjii tokko guyyaa WBO irra egaluun kabajachuu egalan. Miseensotni maadhee garaagaraa walitti dhufuuf marii haala qabsoo bilisummaa Oromoo irratti qabsoo Oromoof furmanni guddaan Oromoon gamtaan qabsootti cimuu, mooraa qabsoo ijaaruu, dhaaba tokkicha ABO jalatti hiriiruun jajjabeessuu bilisummaa saba keenyaaf qabsoo wareegama gootota ilmaan Oromoon as ga’ee galmaan ga’uuf yoom iyyuu caalaa cimnee ni hojjenna jechuun waadaa qabsoo bilisummaaf qaban haaroomsan.
Yuunivarsiitii Jimmaatti: Hoggantootni Qeerroo, miseensotni qeerroon dargaggoonni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa , sabboontotni samarraan baratootni Oromoo,sabboototni barsiiftotni Oromoo  akkuma torbee tokkootti jalbultii baraa haarawaa fi Amajjii Tokkoo Guyyaa WBO kabajuu eegalaan; akkuma walitti dhiyaatanitti Amajjii tokkoo Guyyaa WBO fi bara haarawaa 2014 ykn akka lakkofsa gadaatti 6408 yeroo kabajatan haala yeroo ammaa qabsoon bilisummaa Oromoo irraa jiru irratti marii bal’aa erga godhanii booda; bilisummaa keenyaa gonfachuun dandeettii qabnu, qabeenyaa qabnu, human qabnu fi uummataa keenyaa ijarrachuun qabsoo jabeessuun itti fufuutu furmata jechuun waadaa isanii haaromsan.
Guutummaa Gabaasa Kanaa:-Amajjii Tokkoo Guyyaa WBO bara 2014
Gabaasa Maadhee Iftuu Borii Magaalaa Sulultaa Irratti:-Maadhee Iftuu Borii Aamajjii1,2014
Dambi Doolloo,Wallaggaa Kabajaa guyyaa WBO fi Waggaa Haaraa:- Dambi Doolloo, Wallagga , Jijjiirraan Bara Haarawaa fi Guyyaan WBO bakka hundaatti Haala Hoo

ዘመቻን በተመለከተ እጭር መልእክት ሞረሽ ወገኔ ለተሰኘው ቡድን ሊቀመንበርና ኣቁዋማቸውን ለሚጋሩ ወገኖች በሙሉ

ከያህያ ጀማል | Jan 1, 2014
barruuእንደሚታወቀው የዳግማዊ ምኒልክን 100ኛ የሙት ኣመት ለመዘከር በበደሌ ቢራ ስፖንሰርነት ቴዲ ኣፍሮ ሊያቀርብ ያቀደውን የሙዚቃ ኮንሰርት በጽኑ በማውገዝ ያገር ቤቱም ሆነ ዳያስፖራው የኦሮሞ ወገን እንዲሁም ቁጥራቸው ቀላል ያልሆነ የኦሮሞ ወዳጆች መጠነ ሰፊ የተቃውሞ ዘመቻ ላይ ይገኛሉ። እስካሁን ይህ ጽሁፍ በሚዘጋጅበት ሰኣት እንኩዋን #BoycottBedele በሚል ርእስ በማህበራዊ ሚድያዎች ላይ የተያዘው ዘመቻ 40,000 ገደማ የሚሆኑ ግለሰቦችን ኣሳትፏል። የተሳትፎው ቁጥር በከፍተኛ ፍጥነት እየጨመረ በመሄድ በኢትዮጵያ የማህበራዊ ሚድያ ኣጠቃቀም ታሪክ ውስጥ የመጀመሪያውን ደረጃ ይዟል። ይሄም ዝም ብሎ ጩሄት ሳይሆን ጉዳዩ የሚመለከታቸውን ወገኖች ትኩረት ስቦ የተሳሳተውን ኣቅዋማቸውን መልሰው እንዲያስተካክሉ ተጽእኖ ሲያሳርፍባቸው እየታየ ነው።
የሞረሽ ሊቀመንበርና የሊቀመንበሩን ኣቁዋም የምትጋሩ ወገኖች ሆይ! የኦሮሞ ህዝብ ምኒልክን የሚያወግዝበት ምክንያት ከናንተ የተሰወረ ኣይደለምና ያንን በማብራራት የኣንባቢዎችን ጊዜ ማባከን ኣልፈልግም። ምኒልክ ለናንተ ጀግናችሁ ሊሆን ይችላል። ለኛ ለኦሮሞና ለኣብዛኛው የኢትዮጵያ ብሄር ብሄረሰቦች ግን ምኒልክ ኣፍሪቃዊ ሂትለር ነው ቢባል ማጋነን ኣይሆንም። ስለሆነም እኛ ኦሮሞዎችና እንደኛ ሁሉ የምኒልክ ጭፍጨፋ ሰለባ የሆኑ የደቡብ ብሄር ብሄረሰብና ህዝቦች ኣፄውን በጨካኝነቱ ስናስብ እናንተ ግን በጀግንነቱ እየዘከራችሁ ነው። ኣንዱና ትልቁ መለያያ ነጥባችንም ይሄው ለየቅል የሆነው የታሪክ መስተዋታችን ነው።
ስለ ኣመለካከታችን ልዩነት ይህን ያህል ካልኩ ዘንዳ ይቺን መልእክት ለመጫጫር ወዳነሳሳኝ ፍሬ ጉዳይ ልዝለቅ። በህብር ሬድዮ ጋባዥነት የሞረሹ ሊቀመንበር የተናገሩትን ፍሬ ጉዳይ በጥንቃቄ ኣድምጫለሁ። ሊቀመንበሩ ሲናገሩ የኦሮሞ ህዝብ በተለይም ወጣቱ ትውልድ የያዘውን ብሄርተኛ ኣቁዋም ለማጥላላት የተቻላቸውን ያህል ሞክረዋል።  ‘የኦሮሞ ምሁራን የሚደልቁት ከበሮ በሻዕቢያና ወያኔ የተቀነባበረ አማራና ኦሮሞን ለማጋጨት የተወጠነ ልቦለድ ነው።’ ሲሉ ያለሃፍረት ተናግረዋል። ሊቀመንበሩ ይህንን ሲናገሩ ኦሮሞና ኣማራ እንዳይጋጭ በጣም የተጨነቁ መስለው ለመቅረብ ቢደክሙም ኣልተሳካላቸውም። ሁለቱ ብሂሮች እንዳይጋጩ የሚመኝ ቅን ልቦና ቢኖራቸው ኖሮ የኦሮሞ ምሁራን ያነሱትን የጸረ ምኒልክ ተቃውሞ ‘ከበሮ መደለቅ፣ ልቦለድ…’ እያሉ ከማጥላላት ይቆጠቡ ነበር።
የዚህ መልእክት ትልቁ ኣላማ ግን የግጭት ጉዳይ ኣይደለም። ሊቀመንበሩ የተናገሩት ‘የኦሮሞ ምሁራን የሚደልቁት ከበሮ በሻእብያና ወያኔ የተቀነባበረ…’ የሚለው ነጥብ ላይ ያተኮረ መሆኑን ላሰምርበት እወዳለሁ። የግለሰቡ መልእክት እምብዛም ውሃ መቁዋጠር የማይችል ቢሆንም ኣባባላቸው ከዚህ ቀደምም በተለያዩ ኣጋጣሚዎች ኣንዳንድ የኣማራ ልህቃን ሲያስተጋቡት ከኖሩት መሰል ኣስተያየት ጋር ስለሚገጣጠም ተንቆ መታለፍ የሌለበት ሆኖ ኣገኘሁት። የኦሮሞን ህዝብ የጭቆና በቃኝ ድምጽ ለማጥላላት ሲባል ከድምጹ በስተጀርባ ያለው እገሌ ነው የሚል በንቀት የተጠናወተ ኣቁዋም ሲራመድ የሞረሹ ሊቀመንበር የመጀመሪያው ኣይደሉም ማለቴ ነው። ኦሮሞ እንደብዙሃንነቱ ተደራጅቶ ሃይል መሆን የመቻሉን ሎጂካዊ እውነታ ኣምነው መቀበል የማይሆንላቸው ወገኖች መኖራቸውን እናውቃለን። እንደነዚህ ወገኖች እምነት ከሆነ የኦሮሞ ተወላጆች ይህን ያህል በሚያስድነግጥ ቁጥር ተደራጅተው ማህበራዊ ሚድያን በመጠቀም የሚቃወሙትን በመቃወም ወይም የሚደግፉትን በመደገፍ ጎላ ያለ ድምፃቸውን ለፈለጉት ኣካል ማሰማት ኣይችሉም። ኦሮሞዎች ይህን ለማድረግ የግድ የሆነ ሌላ ኦሮሞ ያልሆነ ሃይል ከበስተጀርባቸው መኖር ኣለበት። በተለይም እንዲህ ያለውን የኣማራውን ፅንፈኛ ወገን የማያስደስቱ መሰል እንቅስቃሴዎች የወያኔ እገዛ ሳይታከልባቸው በኦሮሞ ብቻ ተከናውነው ሊሰምሩ ኣይችሉም የሚለው ኣስተሳሰብ ወይም ማስመሰያ የሚያስተላልፈው መልእክት ቢኖር ኣንድና ኣንድ ብቻ ነው። የኦሮሞን ህዝብ መናቅ። ኦሮሞ በጭራሽ ብቻውን ቆሞ እንዲህ ያለ ታሪክ መስራት የማይችል ኣስመስሎ ለማሳመን የሚደረግ ጥረት ነው። እንዲህ ያለው ኣቀራረብ ኣንዳንዴ ከኣስገራሚነቱ ኣልፎ ኣስቂኝ ነው። ቁጥራቸው ቀላል ያልሆነ የኣማራው ጽንፈኛ ወገኖች ይባስ ብለው ጭራሽ የኦሮሞ ህዝብ የባህል፣ የቁዋንቁዋና ራሱን በራሱ የማስተዳደር ጥያቄ ከወያኔ የተኮረጀ ኣስመስለው እስከማቅረብ የሄዱበት ኣጋጣሚ ብዙ ነው። እንደዚህ ያሉ ሰዎች ማንን ለማታለል እንደከጀሉ ግልጽ ኣይደለም።
የሞረሹን መሪም ሆነ መሰል ኣቁዋም የሚያራምዱ ወገኖች ከኦሮሞ ህዝብ ጋር እንደ ኣዲስ መተዋወቅ ያስፈልጋቸዋል። ወያኔን በወያኔነቱ፣ ራሱን ችሎ በሌላ ኣገር መሪነት የሚታወቀውን ሻእቢያም በጎሮበት ማንነቱ ለይተው በማወቅ ሃራምባና ቆቦን ከመደበላለቅ ተቆጥበው በተለይም በኦሮሞ ህዝብ ጉዳይ ላይ የሚጠቀሟቸውን ቃላት በጥንቃቄ መምረጥ ይጠቅማቸዋል። የኦሮሞን ህዝብ ለመናቅ ሲባል የህዝቡን ጥያቄ ከወያኔ ወይም ከሌላ ሃይል ጋር ለጥፎ መዘባረቅ ኣጉል ከመጃጃል ያለፈ ምንም የፖለቲካ ፋይዳ ኣያስገኝም።
የሞረሹ ሰውና መሰሎቻችሁ ሆይ!
ከመቶ ኣመታት በፊት በህይወት የነበረው የናንተ ጀግና ምኒልክ ኣንድ ብሎ ያስተማራችሁ ነገር ቢኖር ኦሮሞን በኦሮሞነቱ መናቅ ነው። ምኒልክ በዘመኑ ኦሮሞን ሊንቅ የቻለው ከኣውሮፓ በተገኙ ዘመናዊ የጦር መሳሪያዎች ተመክቶ ሰራዊቱንም እነዚህን ዘመናዊ መሳሪያዎች እሳክፍንጫው በማስታጠቅ ጦርና ጎራዴ ብቻ የያዘውን የኦሮሞውና ሌላውም መከታ ኣልባ ወገኔን በጭካኔ ጨፍጭፎ ማስገበር በመቻሉ ነው። ዛሬ ላይ ያለው የኣማራ ትውልድ ጽንፈኛ ወገን ግን እንዲህ ያለውን ከኣባቶቹ የወረሰውን ትምክህታዊ ንቀት እንዳለ ለማስቀጠል ሲንደፋደፍ ይገርመኛል። ኦሮሞን መናቅ ትላንት ባህላቸው ያደረጉ ወገኖች የወግ ነገር ሆኖባቸው ዛሬም የንቀት ባህላቸውን እንዳለ ማስቀጠሉ ኣጸፋው ኣደገኛ ይሆናል። ሁላችንም 21ኛውን ክፍለ ዘመን ኣብሬን እየኖርነው መሆኑ የተረሳ ይመስላል። ናቂው ወገን 21ኛ ክፍለ ዘመን ላይ ሆኖ ተናቂው ደግሞ 19ኛው ክፍለ ዘመን ላይ ተገድቦ የሁዋሊዮሽ የቀረ እስኪመስል ድረስ ከኣማራው ጽንፈኛ ወገን ዘንድ የምናስተውለው ኦሮሞ ላይ ያነጣጠረ ስልተ-ብዙ ንቀት የጤና ኣይደለም።
የሞረሹ ሰውም ሆኑ መሰሎቻቸው ማወቅ ያለባቸው ኣንድ ሃቅ ኣለ። የኦሮሞ ህዝብ የማንም ድጋፍ ሳያስፈልገው ራሱን ችሎ ይበጀኛል ያለውን የትግል ጎዳና ቀይሶ በመገስገስ ላይ የሚገኝ ንቁ የ21ኛው ክፍለ ዘመን ህዝብ ነው። የብሄር መብቱን ለማስከበር የሚያነሳው ጥያቄ የ50 ኣመት እድሜ ያለው ጥያቄ መሆኑ ከህሊናችሁ የተሰወረ ባይሆንም ገና ትላንት ስልጣን ከጨበጠው ወያኔ ጋር ኣስተሳስራችሁ ለማቅረብ መድከማችሁ ምናልባት ከፍራቻ የመነጨ ሊሆን ይችላል። ፍራቻን ደግሞ በዚህ መልኩ መዳፈር ተጨማሪ ኣስፈሪ መዘዞችን ከማስከተል የዘለለ ጥቅም ኣያስገኝላችሁም። ወያኔ እንደሆን ላለፉት 23 ኣመታት በጋራ ስናወግዘው የኖርን ኣምባገነን ሃይል መሆኑን እስከመዘንጋት ሄዳችሁኣል። ኣንድ ስልጣን ላይ ያለ ኣምባገነን ሃይል መብቴ ታፈኔ ብሎ ከሚታገል ተቃዋሚ ወገን ጋር ኣንድ ላይ የሚደመርበት ምንም ኣይነት ሎጂክ ኣይኖርም።
ይሁን እንጂ ከወያኔ ጋር የሚያመሳስለን ጉዳይ ሲኖር በስመ ጠላትነት ብቻ ኣይናችንን ጨፍነን ወደ ተቃራኒው ኣቅጣጫ በመነዳት ጥቅማችንን ኣሳልፈን የምንሰጥ ጅሎች ኣይደለንም። ከኣማራው ለዘብተኛ የፖለቲካ ሃይል ጋርም እንዲሁ። ማንኛውም ወገን የጋራ ጥቅማችንን በሚያስጠብቅ ጎዳና ላይ ከተቀላቀለን ታሪክን ለታሪክ ትተን ለመጻኢ እድላችን ኣብሬን የማንገሰግስበት ምክንያት ኣይኖርም። እንደ ትላንቱ ሁሉ ዛሬም የራሱን ፍላጎት በሃይልና በብልጣብልጥነት እኛ ላይ ለመጫን ያደባ ሃይል ካለ ግን እሱ የነጋበት ጅብ መሆኑን ላስታውሰው እወዳለሁ። ኣረቦች ሲተርቱ ‘ውሾቹ ይጮሃሉ ግመሎቹም ይገሰግሳሉ’ እንደሚሉት ሁሉ ትግላችንም በኣጉል ጩሄቶች ተደናብሮ ከግስጋሴው የሚገታ ኣይደለም
ቸር እንሰንብት!
ያህያ ጀማል
ለኣስተያየትዎ   gulummaa75@gmail.com

Wednesday, January 1, 2014

Kabajaa Bara Harawaa fi Guyya WBO Iaalchisee Barattootni Oromoo Yuuniveritii fi Koollejjii Finfinnee Dhaamsa Dabarsu

QEERROO YUUNIVERSITII FINFINNEE
DHAAMSA GUYYAA WBO FI BARA HAARAWAA AMAJJII 1/2014
QeerrooDuraan dursinee waaqa bara darbe nageenyaan nu ficciisisee bara itti aanutti nu ceesiseef galata galchuu feena,nuti Qeerroon yuuniversitii Finfinnee (walii gala yuuniversitii Finfinnee fi koollejjiwwan dabalatee) walitti dhufnee guyyaa haraa Muddee 31 kabajachuu keenya dursinee dhaaba hubachiisuu barbaanna. Yeroo walitti dhufnee kabajannee kana keessatti waa hedduu yaaduu fi kaasnee irratti dubbachuun keenya wal yaadachiisaa,itti fufuudhaan hanqinoota hanga ammaatti turan kaasuudhaan, fuula duratti qajeelchaa fi qajeelina daandii hojiif dhaabni dhaamu irratti buureffachuudhaan,haala hojii fuula duratti hojjetamu dhaabaan wixinamee dirqama dhaabni nuf kennu waliin aarsaa gaafatamu kamiiniyyuu Irbuu Maqaa Oromummaatiin lafaa kaasnee waadaa seennee jirra. Kanuma ilaalchisee guyyaan haraa Muddee 31 ganama saa 7:30 irraa kaasee maadhewwan garagaraa jalatti kan hundoofnee jirru,nuuf hunda keenyaaf guyyaa addaati,yeroo jalqabaaf akkaataa kanaan wal arginee kaayyoo qabsoo oromoo irratti fuulleffate ajandaa godhachuun dubbannee kan hin beekneedha.