Wednesday, January 1, 2014

Kabajaa Bara Harawaa fi Guyya WBO Iaalchisee Barattootni Oromoo Yuuniveritii fi Koollejjii Finfinnee Dhaamsa Dabarsu

QEERROO YUUNIVERSITII FINFINNEE
DHAAMSA GUYYAA WBO FI BARA HAARAWAA AMAJJII 1/2014
QeerrooDuraan dursinee waaqa bara darbe nageenyaan nu ficciisisee bara itti aanutti nu ceesiseef galata galchuu feena,nuti Qeerroon yuuniversitii Finfinnee (walii gala yuuniversitii Finfinnee fi koollejjiwwan dabalatee) walitti dhufnee guyyaa haraa Muddee 31 kabajachuu keenya dursinee dhaaba hubachiisuu barbaanna. Yeroo walitti dhufnee kabajannee kana keessatti waa hedduu yaaduu fi kaasnee irratti dubbachuun keenya wal yaadachiisaa,itti fufuudhaan hanqinoota hanga ammaatti turan kaasuudhaan, fuula duratti qajeelchaa fi qajeelina daandii hojiif dhaabni dhaamu irratti buureffachuudhaan,haala hojii fuula duratti hojjetamu dhaabaan wixinamee dirqama dhaabni nuf kennu waliin aarsaa gaafatamu kamiiniyyuu Irbuu Maqaa Oromummaatiin lafaa kaasnee waadaa seennee jirra. Kanuma ilaalchisee guyyaan haraa Muddee 31 ganama saa 7:30 irraa kaasee maadhewwan garagaraa jalatti kan hundoofnee jirru,nuuf hunda keenyaaf guyyaa addaati,yeroo jalqabaaf akkaataa kanaan wal arginee kaayyoo qabsoo oromoo irratti fuulleffate ajandaa godhachuun dubbannee kan hin beekneedha.

No comments:

Post a Comment