Friday, January 3, 2014

Yuuniversitii Mattuu Keessatti Diddaan Barattoota Oromoo Haala Hammaataan Eegale Irraan Barataan Sooressaa Jedhamu Rasaasaan Rukutamee Barataan Waqshum Jedhamu ammoo Ulee Sibiilaan Reebamuun Hosptala Mattuu Galan

Amajjii 03,2014 Mattuu
OromiaALutaContinua2011FDGAmajjii 3/2014 Yuunivarsiitii Mattuutti Gochaa seeraan alaa Mootummaan Wayyaanee karaa poolisotaa dabbaloota isa fi lukkeelee ilmaan Abashaatiin fudhachaa jiru mormuun baratootni Oromoo Sagalee Diddaa dhageesisan.
Laliftootii sirna bulchiisa nafxanyaa ykn Habashaa yoom iyyuu maqaa Oromoo xureessuu xiqqeessuu irraa duubatti hin jennee kanneen bobaa mootummaa Wayyaanee jala galuun uummata Oromoo maqaa xuressuu keessa gochaan maqaa xureessii kun dhaabbachuu qaba sochiin maqaa Baddallee Biraan qabatee dhaadessi mooticha Habashaa Minilikiif deemamu dhaabbachuu qaba jechuun diddaa dhageessisan.
Haala kanaan ilmaan Habashaa diddaa barattoota Oromoo argan  ijoollee Oromoon jechoota doofaa fi boodatti hafaan fayyadamuun jechaa dhiiga namaa danfisuun barataa Oromoo tokko bakka doormii isatti arrabsan, baratootni Oromoo arrabsoo kanaaf karaa
seeraa mooraa Yuunivarsiitii Mattuu dhiyeeffatanillee nama isan jalaa qabu illee akka dhaban ibsatan.Ilmaan Habashaa kun seeraatti nu himattan sababa jedhuun barattoota Oromoo bakkoota dahootti hidhatanii haaluu bahuu barbaadan.Gochaan kunis garee Habashootaa fi mootummaa Wayyaaneen kan qindaaye yeroo ta’u, Amajjii 3/2014 goototni baratootni Oromoo lukkeewwaan ilmaan Amahaara yakka baratoota Oromoo irratti rawwatan kana dura dhaabbachuun barattooti Oromoo tokkummaan kan’uun walitti bu’iinsi guddaan ka’uu gabaasi naannicha irraa nu gahe addeessa.
Haalli kun hammaachuu irraan kan ka’e  Mootummaan Wayyaanee baratootni Oromoo jeequmsaa narraatti kaasaan jechuun humna poolisaa fi federaalaa mooraa Yuunivarsiitii Mattuutti ol galchuun baratootaa Oromoo irratti dhukaasa banuun Mooraan Yuunivarsiitii Mattuu dirree waraanaa fakkaattee kan jirtu ta’uu ibsame jira.Guyyaadhuma walfakkataa kanatti Barataan Oromoo
Koolleejjii barsiisota Mattuu irraa baratuu 2 baraataa Waakshuumaa jedhamu hojii guyyaa Mooraa yuunivarsiitii Mattuu keessaa hojjetee barnoota galgalaa koolleejjii barsiisota irra barachaa jiru poolisiin mooraa Yuunivarsiitii mattuu keessa jiru tokkoo ulee feernoo sibiila ittin gamoon ijaaramuun akka malee yeroo reebu dirmanna baratootni Oromoo Yuunivarsiitii Mattuu godhaniifiin yeroo amma hospitalaa mAttuu galee du’aaf jireenya gidduutti argama. Baratootni Oromoo gochaa kanatti akka malee aaruun Fincila poolisota mooraa irraatti yeroo kaachisan, poolisonni poolisii yakka barataa Oromoo irratti rawwaate kana qabanii seeraatti dhiyeessuun hafee, baratootaa Oromoo irraatti waraanaa bobbaasuun dhukaasaa baratoota irraatti banuun gabaafamera.Barataan Oromoo Yuunivarsiitii Mattuu irra baracha jiru kan maqaan isaa Barataa Sooressaa jedhamu rasasa poolisota irraa itti dhukaafameen madeeffame hospitala mattuu galee jiraachuun gabaafamera.
Fincila guddaa Yuunivarsiitii Mattuu kanaan walqabatee Uummaanni Oromoo jiraattotni Magaalaa Mattuu halkaan guutuu Waajjira poolissa marsuun yakkamtootni ijoollee keenya daraara jiran seeraatti haa dhiyaatan jechuun sagalee isanii dhageesisuun guutumma magaalaa Mattu goolan. Haaluma kanaan mootuummaan wayyaanee humna waraana isa Magaalaa mattuu fi Yuunivarsiitii mattuutti bobbaasuun baratoota Oromoo fi uummaata Oromoo goolaa jiraachuu gabaasaan nu qaqqabee jiru ibsee jira.
Guyyaa Har’adhaas ittuma fufuun Yuunivarsiitii Mattuu keessatti baratootni Oromoo nyaataa fi barnootaa dhaabuun mirgii keenyaa eegamuu qaba. Yakkamtootni seeraatti dhiyaachuu qabu jechuun sagalee mormii jabaa dhageesisan, sabaaba kanaan wal qabatee galgala kana Mootummaan Abbaa irree Wayyaanee humna Waraanaa isaa Mooraa Yuunivarsiitii Mattuutti ol galchuun baratoota Oromoo reebsisa jiraachuu irra kan ka’ee baratootni Oromoo Mooraa Yuunivarsiitii Mattuu gadhiisuun Magaalaa gara uummataatti gadi baqaachaa jiraachuu barattootni Oromoo ibsatanii jiru.

No comments:

Post a Comment