Taammanaa Bitimaa irraa | Amajjii 4, 2014
DURADUBBII
Dubbiftoota barreeffata kanaa jaalatamoo fi kabajamoo, mee dursee barri haaraan kun bara nagaa fi bara badhaadhinaa, bara milkii gaarii fi bara tokkummaan Oromoo sonaan jabaatu isiniif haa tahu! Ilaa, amma waayee mataduree kanaa olitti kaayamee irrattan waa isiniif dhiyeessaa mee na hoofkalchaa!
Duula dhuma bara dabree isa muummiyyeewwanii (iliitonnii) warra Amaaraa: uummata Oromoo, saba Oromoo fi Biyya Oromoo irratti adeemsisan duradhaabannoo fi ofirraa-qolannaan dhalawwan Oromoo alaa-manaa agarsiisan kan hedduu nama gammachiisu. Amma irraantii tokko tokkollee arganneeti jirra. Hubaddhaa nuti Oromoonni biyya namaa deemnee: laga Abbayyaa, laga Barreessaa fi laga Bashiloo ceenee biyya Habashaa qabannee, mirga warra Habashaa irra ijjanneetii mitii! Isaan garuu biyya keenya humna qawwee fi humna gargaarsa Faranjiitiin qabatanii: harma aayyolee cicciranii, harka aabbolee mummuranii, ijaa-funyaan dargaggeeyyii fi shamarranii buqqifatanii, lafa lafee Oromoo sarbatanii, gabbaarii fi gabra nu taasifatanii waggaalee hedduu qaxxaamuruun as gayani. Kana hundaa kan jalqabee fiixaan-isaaniif baase, isa qaamaan namaa garaanimmoo bineensaa san kan Minilik jedhamu. 
Minilik kun wanneen inni uummata Oromoo, uummatoota: Waalayitaa, Kafichoo, Dimmee, Gimiraa fi kanneen biroo irratti adeemsise wanneen Hitler, naazichi uummata Yuudaa irratti adeemsee gadii miti. Ammoo, warri isaa iliitonni Amaaraa “kana irraanfaddhaatii akka jagnaatti isaa fudhaddhaa” nuun jechaa jiru. Hardha uummannii fi mootummaan Biyya Jarmanii nama waayee Hitler kaasee faarsu, waayee isaa xiqqoo ishiillee akka gaariitti ilaalu mana seeraa geessuun adabsiisu. Isaan “keenyaa” nama harma harmeewwan teenyaa mummure faarsaa akka gootaatti akka fudhannuuf nu dirqisiisu! Abadan lafa irraayyi ammas nu duguugu malee, kun dachee Oromoo irratti hin tahu!
Egaa, fiixaan-bayiinsi waayee asmaarii sanii isa Minilik faarsuu fi faabrikaa Baddallee irratti gonfanne kun, gara qabsoo isa kana fakkaatuutti nu ceesisuu dha qaba! Akkamitti, eessatti, maal maal faa irratti isa jedhamu kanaa gaditti wajjumaan ilaalla. Ilaallees, humnaa fi onnee tokkoomeen wajjumaan ol-jenna!
SEENASA
Amma gareen warra Amaaraa kan “Garee Cuquliisaa – Blue Party” jedhamu, duula hamaa Afaan Oromoo irratti banee jira. “Engineer Gizachew of Blue Party said, “Afaan Oromoo was a rural language and will stay as such and it will never able to get modernised therefore we are forced to keep using Geez”/ obboo Bariisoo irraayyi/. Yaa Oromoo koo, yaa saba Gadaa namtichi kun kana jechuun duula fi waraana: Afaan Oromoo, uummata Oromoo fi saba Oromoo irratti ifumatti kan labse Shaggar, handhuura Oromiyaa, qeyee jagnicha Oromoo qeyee Tufaa Munaa keessatti. Ee, Shaggar dachee Oromoo Kurnan Gullallee isaan erga qawwee ibiddaatiin, waraanaa Minilikiin moyamanii, isaan dhuumatii irraa hafan qawween buqqifamanii, quwween oofamanii naannoo Arsiitti hariyamanii saniitti. Wanni kun Oromoota bakka jiran maratti, alaa-manaa ilkaan ciniinnachisetoo kan isaan tokkoomsuun olkaasu tahuu qaba! Dabrees, Gareen Cuquliisaa kun biyyattis, biyyoota alaattis oggaa walgayii isaan waamame banu: dursee sirba Minilik faashisticha faarsu tokko dhageessisuuni.
Raaji Waaqa, safuu namaa nuti afaan isaanii, afaan qawween nutti dhufuun marcuma afaan keenyaa qabate kana baranna! Isaan garuu afaan keenya irratti, biyyuma keenya irratti duula banaa jiru. Kanaafuu, tarkaanfiiwwan lama gara fuulduraatti tarkaanfachuun: AFAAN KEENYAAF AFAAN KEENYAAN HAA-KAANU! Kun waamicha saba Oromoo fi waamichaa harmee Oromiyaa ti!
AFAAN OROMOO
Warri eeboo fi fardaan cabseetoo biyya keenya seene, gocha hamaa fi hammeenyaa inni adeemsise keessaa inni tokko isa Afaan Oromoo irratti tahe. Hamma yeroo dhiyoo, bara 1991-tti Afaan Oromoo akka bakka balaqqeessa tahe kan akka: yaa’ii, paarlamaa, bataskaanaa, mana barumsaa, mana seeraa fi waajjirootatti ittiin hin hojjatamneef seeraan dhoowwamee ture. Gaazexoonni, kitaabeewwanii fi barrooleen marti isaan baafamuun dhoorkaa ture. Kan biraa hafee Barroo Qulqulluu kan biyyoota Oroppaatti afaan keenyaan barreeffamanii dhoksaan karaa Sudaanii fi Keeniyaa faa biyya seenan guursisuun, mootummaan Habashaa inni Kiristaana ofiin jedhu gubsiisee jira. Kana bira kutee olola jibbaa fi jibbisiisaa afaan Biyya Gadaa kana irratti oofsisaa ture.
Garuu, kun cufti fiixaan isaaf bawuu hin dandeenye. Afaan qawwee, Afaan Amaaraa bakka maraa fi akka maraatti iddoo Afaan Oromoo buufamuuf humnii fi horoon irratti dhangalawullee afaan isaa kun boongoowwan isaa, jechuun magaalaawwan bira dabruun gandeen Oromoo hulluuqee seenuu hin dandeenye. Sirumaa Afaan Oromoo keenya dhiibbaa gurmee wayii malee, babaldhachaa, guddachaa kunoo Dhaloota Qubee daggala-raasaa fi gabrumfataa hollachiisaa dhaqqabee jira.
Afaan Oromoo biyyoota Gaafa Afrikaa sadii keessatti akka afaan dhalootaatti (afaan haadhaa-abbaatti) dubbatama. Kunis: Impaayera Toopphiyaa, Biyya Keeniyaa fi Somaliyaa Kibbaa keessatti. Baddaa Raayyaa, hara Ashangee irraa hamma Maanya Hindiitti (“Indian Ocean“-tti), Muggii fi Beegii duubaan daangaa Sudaan irraa hamma Magaalaa Jijjigaa cinaatti dubbatama. Akka afaan dhalootaatti uummata kitila 46-tu, akka afaan lammaffaa yookaan sadaffaatti immoo uummata kitila 12-tu, walumatti uummata kitila 58-tu isaan dhimma-baya. Ardii Afrikaa keessatti akka afaan dhalootaatti Afaan Arabaa fi Afaan Hawusaatti aanee sadarkaa 3-ffaa irratti argama.
Afaan Oromoo afaan daran sooressa tahee fi afaan hedduu, hedduu miidhagina isaatiin raajeffatamu. Heddumminni jechoota isaa, bareedumni afaanii yaa’inni sagalee isaa kan nama maalalu. Akkuman walooloo kiyya tokko keessatti ibsuuf yaale, inni “afaan nadhii dammaa” ti. Kan biraa hafee, waggaalee 130 seeraan dhoowwameeyyuu, hardha hanqina jechoota ammayyaa kan afaanota Addunyaa Sadaffaa hunda keessatti argamu sanillee karaa qabachiifatee jira. Oromoonni hundi alaa-manaa, fiixaan-baanee jirra jechuun otoo haara wayiituu hin baafatin dagaaginaa fi misooma afaan keenyaa irratti hojjachuu qabna!
WANNEEN HOJIIRRA OOLUU QABAN
Egaa amma, waraana fi duula ginni-bittee Amaaraa fi mummiyyeewwan Amaaraa afaan keenya irratti banan kana ofirraa faccisuuf, maal maal faa gochuun akka nu irraa eegamanin armaan gaditti baldhinaan tarreessa. Baldhinaanis jala-harriqa.
1) Oromiyaa keessatti afaan biyyaa Afaan Oromoo tahuu eenyumtuu beekuu qaba. Ijoolleen Oromoo manneen barumsaa kam keessattuu, yoo mabbawwanii (unibasiitotaa) fi kolleejota Afaan Ingiliziitiin barsiisan tahe malee, afaan ofiitiin barachuu qabdi. Ammaan tana ijoolleen Oromoo afaan qawween nutti dhufee qawweenis nutti fe’ame kana, Afaan Amaaraa wanni barattuuf sababni wayiitu hin jiru. Gayeen gayee dhaa afaan qawwee kun nu irraayyis, marcuma Afaan Oromoo irraayyis bu’uu qaba! San bira dabreeyyuu namoonni Oromiyaa keessa akkaa waaraatti jiraatan afaan biyya keessa jiraatanii kana, Afaan Oromoo barachuutu isaan baasa. Kun mee seera biyyoota addunyaatii! San irratti ijoollee Amaaraas tahee, kan warreen biroo bakka tuuta-tuutaan jiraatanitti afaan ofiitiinis barachuun seeruma. Kana irratti warri amma “Oromiyaa nutu bulchaa jira” nuun jedhan, warri OPDO miila isaanii lamaanin dhaabachuun isa jedhame kana hojii irra oolchuutu isaan baasa. Jalakaattummaan Afaan Amaaraas, jalakaattummaan warra Wayyaanees inni isaan adeemsisaa jiran kun eessumaanuu isaan hin gawu! Uummata isaanii, uummata Oromoo galaana Abbayyaa kana gaachana taasifachuun oljechuu qabu!
Yaa Oromticha, yaa Oromtittii, yaa qeerransoota Qubee dhageessuu! Gayeen gayee dhaa, amma irraa kaasee Oromiyaa guutuu keessatti ennaa barsiisaan Afaan Amaaraa isin barsiisu, yookaan inni wanneen biroo Afaaan Amaaratiin isin barsiisu olseenu isinimmoo akkuma jirtaniitti kutaa sana gadhiisuun gadi-baatu! Hubaddhaa kun seenaa keenya keessatti bara 1969 keessa dachee Oromoo Afran Qalloo irratti magaalaa Dirre Dhaawaatti tahee ture! Bara Dargii, ee bara mootummaan Habashaa ilmoo namaa qalee karaa irratti darbatu san dachee Oromoo Sadan Liiban magaalaa Amboo fi magaalaa Walisootti tahee ture! Bara dukkanaa san keessa kan ijoolleen Oromoo sun hojii raajeffatamaa kana goote, isin hardha bara ifaa, bardhibbee 21-ffaa keessa gochuu hin daddhabdani! Oromoonni addunyaa tana mara keessatti argaman hundumtuu karaa hundumaan isin cinaa jiruwoo!
2) Dira Shaggar keessattis Afaan Oromoo Afaan Amaaraa cinaatti afaan ballaqqeessa (“official language“) tahuu qaba. Ijoolleen Shaggar akkuma ijoollee dira Biruusel isa magaalmataa Biyya Beeljigii sanaa afaan lamaan kutaa tokkoffaa irraa kaasanii Afaan Oromoo fi Afaan Amaaratiin barachuu dha qabu!
3) Oromiyaa guutuu keessatti Afaan Amaaraa afaan balaqqeessaa tahuun isaa hatattamaan dhaabachuu qaba! Horoo fi horiin: bunni, sabbuu, diggaa fi hoomishinni warshaalee Oromiyaa keessaa isaan amma Afaan Amaaratii oolaa jiran dhaabachuun, Afaan Oromootiif ooluu qabu! Waajjiroonni mootummaa Toopphiyaa isaan Oromiyaa keessatti argaman Afaan Oromootiin hojjachuun dirqama!
4) Manneen amantii hundumtuu Biyya Oromoo keessa jiran Afaan Oromootiin hojjachuu, Afaan Oromootiin uummata tajaajiluutu isaan irraa eegama. Oromiyaa keessatti yoo isaan kana gochuu baatan, Waaqa tokkichaa fi guddicha san akka rifachiisan beekuu qabu!
5) Namoonni Biyya Habashaa irraa dhufuun manneen daldalaa fi seedataa banatan Afaan Oromootiin hojjachuu qabu. Oromtichi tokko, Oromtittiin takka Oromiyaa keessatti: gabaattis, manneen bunaatti, manneen nyaataa fayittis afaan ofiitiin tajaajilamuu qaba, qabdi! Yoo kun tahuu baate Oromoonni warreen kana irraa waa bituu fi waa itti-gurguruu, akkanuma irraa bitatanii dhuguu fi nyaachuu dhaabuu qabu!
6) Oromiyaa mara keessatti nama uummata Oromoo fi saba Oromoo arrabsu irraa waa bituu fi waa itti-gurguruun dhaabachuu qaba! Nama akkanaa kanatti dubbachuun, gaafa rakkoon itti-dhufte hamma inni ifumatti dhiifama hin gaafatinitti isaaf birmachuun hin jiru.
7) “Gareen Cuquliisaa” inni amma Afaan Oromoo irratti waraana fi duula bane kun, hatattamaan uummataa fi saba Oromoo dhiifama gaafachuu qaba. Tahuu baannan, gareen kun dachee Oromoo irratti, wiirtuu Oromiyaa dira Shaggar irratti hojii isaa adeemsisuu hin qabu!
8) Namnoonni Amaaraa isaan Oromiyaa keessatti gaazexoota faa baasuun: “Gaallaa Gadaay” isaanii oofaa jiran ifumatti uummata Oromoo dhiifama gaafachuu qabu! Tahuu baannan, jarreen kun dachee Oromoo irratti, wiirtuu Oromiyaa dira Shaggar irratti hojii isaanii adeemsisuu hin qabani!
9) Oromoonni Oromiyaa keessatti bakka kamittuu afaan ofiitiin dhimma-bawuu qabu. Ijoolleen Oromoo warri miseensota Dhaloota Qubee tahan, namoota alagaa isaan Afaan Oromoo barachuu barbaadan tolumaan barsiisuu qabu. Warri OPDO immoo bakka itti-baratamuu fi wanneen ittiin-baratamu ijoollee tanaaf dhiyeessuun dirqama! Warri OPDO kun faajjii Afaan Oromoo olqabanii akka tarkaanfataniif, karaa garagaraatiin dhiibbaan adeemsifamuutu karaa qajeelaa taha.
XUMURA-DUBBII
Yaa Oromoo yaa uummata koo, nuti Oromoonni aadaa fi duudhaa uummata keenyaa irraanfachuu hin qabnu. Namni kamuu, Amaarris, Tigreenis eenyu fi eenyu faa marti nagaa fi kabajaan nutti dhufnaan akkuma aadaa keenyaa boonsisaa saniitti simanna! Isa afaanii fi billaa qaratee nutti dhufu guruu, tokkummaan dura dhaabanneetoo ofirraa deebifna! Uummanni Habashaa: warri Amaaraas, warri Tigrees uummata ollaa keenyaa waan tahaniif nageenya fi ollummaan isaan waliin qabnu kana ololli warra Garee Cuuqulisaa fi kan warreen faarsituu Minilik naazichaa faa booressuu hin qabu. Faashisota Amaaraa isaan kaleessa fi isaan hardhaatii obsa tokkollee horachuu hin qabnu! Ammoo, baaqaa-callaa addaan-baafachuun aadaa Oromooti. Ilaa gayeen gayee dhaa, fashistoonni fi sanyiitti-amantoonni Habashaa nurraa bu’uu qabu! Mirgaa fi haqa uumamaan qabnuuf sochowuun, bilisummaa fi walabummaa keenyaaf tarkaanfachuun mirgaa fi haqa uummata Habashaa: kan warra Amaaraas, kan warra Tigreess kan miidhu akka hin taane, eenyumtuu beekuu qaba!
Akkuma mammaaksi Oromoo tokko: “abbaan iyyu malee, ollaan namaa hin birmatu” jedhu san, nuti karaa maraan of ijaarree, karaa maraan hidhannee yoo kaane malee, kan nuuf maluu hin jiru. “Ilma yartuu haatiyyuu hin jaalattu” jedha Oromoon. Kanaaf, nuti hundumtuu: AFAAN KEENYAAF AFAAN KEENYAAN HAA-KAANU!
==============    //    ==============