Sunday, May 17, 2015

Barruun “Kanniisa” gaggeessuf qophaaye

utuuuWalaleessee  kan dubbisu—-Kumsaa dha

Kaayyon  isaa ————- Uummata Oromoo akka filmaata kanarratti “KFO/MAADIRAK” filatu, filmaata booda akka warri diinaa qabxii argame dhoksanii irraa hin fudhane akka bakka hundaatti eeggatan gorsuufi. Tokkummaan keenya akka jabaatufi.
Yaadannoon isaa——- Ilmaan Oromoo yeroo kan tokkummaa dhabuu keenyarraan kan ka’e rakkina nutti dhufe jalaa baqatanii biyyaa bayanii biyyoollessa biraatti rakkina hedduuf saaxilamaniifi.  Isaan  mana hidhaatti dararamaniifi.
Kabajamtootaa, waan danda’aniin wal gargaarun yeroo hundumaa barbaachisaadha. Biyya keessas tayee biyya Ormaa, bakka jirru hundatti akka lammii keenya cinaa dhaabannee, carraa argame hundatti fayyadamnee mirga keenyaf lolannu isi nin gaafadha.

Saturday, May 16, 2015

OPDO waayyannee umurii dheeresse

1173844_230908320393479_1447015231_n

OPDO waayyannee umurii dheeresse

Dhaabbaanni OPDO jedhamu Uummata oromoof bakka bu’een hojjedhaa kan jedhu maqaaf malee lubbuu hin qabu. Kana immoo uummatnii Oromoo ragaadha. Maqaa uummataan jiraacha uummataa Oromoofi lafa Oromoo waayyanneeti dabarsee gurguraachuun ofi garboomee Uummata oromoo garboomsuuf hojechaa jiraachuun isaa wal nama hin gaafachisu. Haa tahuu malee dhigaa barattoota Oromoo beektoota fi uummata Oromootif itti gaafatamummaa jala kan hin baanefi seenan kan isaa hin daganeedha. Biyya keenya keessati heerifi seeri jiru waraqaarra malee hojjiin kan hin jireedha. Waayyannees ta’ee OPDOn  ofi tufaani ofumaa kan arabaan! kana jechuun seerrii isaan baasani addunyaatti of beeksisaanif kan isaan ittin hojettaan wal hin argu. Garuu, uummaanni keenya hanga yoomitti gowwoonfama? Maalif sobamaa? Bu’aa xiqqoon  uummaanni keenya maalif midhamaa? Keessuma hojettootni OPDO Oromoo ta’aan maal ofiin jedhuu? Akkamitti of hubatuu? Kana of gaafachuun dirqamaa lamummaa isaani ba’uu qabu. Akka fakkeenyati yoo fudhaane dandiin uummataaf kan hojjettamuu yeroo filannoon ji’oota muraasati galtee? Ibsaan, bishaan dhugaati kan kana fakkaataan filannoo  yeroo filannoo qofaa? Kan namaa dhibuu mootummaan Itoophiyaa jecha da’immaa dubbatee. Anii “Dandiin Finfinnee gara wallagaa namaa geessuu tokko tahuufi magaalaa Amboo keessatti dandiin dhiphaa akkasi jiraachuun isaa anaafu haaraadha” jedhee. Hin fakkaataree? kun moo wal gowwomsudhaa? Kan kaleessa hin yaadamiin buufata xayyaara isiinif ijaara jedhee dhagaa ka’uun hoo? Akka kootis ta’ee dhugaan addunyaa kanarra jiru dheerina umuriifi sammichaa qabeenya uummaata oromoof kan kaayyeeffate fakkaata. Kanarraatti olaantuma gudda kan qabu ummata keenya. Uumurii waayyannee gabaabsuuf yeroo isa amma.
1173844_230908320393479_1447015231_nOPDO dhaabbaa ilmaan oromoof dhaabbatee osoo hin ta’iin dhaabbata ilmaan Oromoo gurguruf kaayyeeffatedha. Haaraa guyya gara guyyaati ilmaan Oromoo mootumma abbaa hireetin  hidhama, ajeefamafi reebama jiru. OPDOn erga uummataf dhaabbate maal eega jira? Maqaaf malee dubbachu danda’aa? Kan uummataa miti ofi isaanif dhimaa mirga isaani dubbachuu danda’uu? Erga hawaasa kana bulchuufi gaggeessu hin dandeenyee maalif waayyannee umurii dheeressu?
Dhimmoota kanaan wal qabatee yaadoota heddu kaasun hin danda’aama. Garuu, haaraa maaltu beektoota, barattootafi ummata keenyarra egamaa?
A) Beektoota ilmaan oromootif : Beektootni ilmaan oromoo ummata oromoof ijaadha yoo hawaasa keessanif quqamtaanif. Boruu seenan isiin gaafata yoo osoo beektani, argitaani lammiin keessan osoo mirgaasaf falmaatu hidhamu, ajeeffamufi biyyarra baqatee bineensaan nyaatamu. Kanaaf ogummaa qabdaanif waan gochuu dandeessanif ummata keessanif kallaatidhanis haa ta’u al kallattidhaan gargaraa. Ummaanni keenya human qabeenya qaba qindeessuun gahee keessan akka ta’ee beeka.
B) Barattoota Oromoof: Barattootni Oromoo abdii uummata Oromooti. Boruu biyyittin amma bilisummaa dhabdee akka bishaan gachaana raafamtu kun isiintu bulchaa. Akka haaraa dhitama ajeefamafi hidhaama jirtaan osoo hin taane aduun bilisummaa hin baati. Kun immoo yeroon ishee dhihoodha. Yeroo ishee gabaabsuuf immoo tokkummaan barattoota oromoo murteessadha. Kanaaf lafa jirtaanniti, hawaasa keessaan gorsuufi cimsuun akka eenyumma isaanitti boonan gochuun gahee keessani. Akkasumaas, isaa rafee damaqsa.
C)  Uummata Oromoof: yoo qabeenya keenyati gargaraamne abbaan hangoo hawaasa. Kanaa jechuun abbaa barbaadee filachuu kan isaaf hin taane fonqolchuuf mirga guutu qabu. Tolaanis, lolaan of buusuf olaantummaan kan uummataati. Uummanni keenya waan xiqqoof gowwoomfamu hin qabnu. Xiqqoof jenne gudda hin baalleessinu itti yaadu qabna. Uummata keenya keessa oromoon lama tahuun isaa yommiiyyu hin dagataamu. Maalif yoo jettaan tokko abbaa garaa inni biro abbaa sabaati. Ati kam akka taatee situ beeka. Keessumma warrii ergamtoota waayyaannee taatani saba keenya baasasuufi gurguruu, ajeessuu irratti argamtaan abba garaa ta’uu keessan nama hin shakkisisu. Kanaaf kabajoomtootni uummatni keenya dhimma isaaf ta’uu irratti xiyyeeffannoo kennu qaba. Yeroo filannoo qofa sobamuu hin qabu. Dhagaa ka’uun biqiltuu dhabuu miti. Dhagaatu dhagaa dhabaa! guddina kan hin fene.
Waluma galati filannoo bara kana uummaanni keenya eenyuu akka filaatu ni beeka. Yoo sagaleen isaa hatamees addunyaaf ibsu qaba. Ga’e keenya ba’uun mirga keenya kabaachifachuun nurra eegama.
Galatooma!
Boonsa Caalchisaa

Friday, May 15, 2015

Humni Tika fi Loltuun Feederaala Wayyaanee Barattoota Oromoo Yuuniversitii Wallaggaa Hedduu Reebuu Saamaa Jira, Barattoota Afur Reebichaan Gara Malee Miidhe.

Gabaasa Qeerroo Caamsaa 15,2015 Naqamte
Suuraa ,Barattoota  Naqamte 2014 Reebaman.
Suuraa ,Barattoota Naqamte 2014 Reebaman.
Caamsaa 14,2015 galgala Barattooti Oromoo diddaa sirna Wayyaaneen kaasaniin wal qabatee loltootii fi tikoonni mootummaa abbaa irree EPRDF Wayyaaneef ergaman mooraa Yuuniverstitii seenuun barattoota Oromoo reebaa turan,barattooti hedduun haa reebaman malee kanneen keessaa afur haala hamaan miidhamanii akka jiran Qeerroon gabaase.
  1. Rabbumaa Badhaasaa economics Waggaa 3ffaa
  2. Darajjee Fayisaa accounting Waggaa 3ffaa
  3. Guddataa Waaqshumaa banking wagga 3ffaa
  4. Barataa Taammiraat
Kanneen jedhaman haalaan reebamuu fi qabeenyi isaaniin loltoota Federaalaan samamee jiraachuun beekame.
Kana malees aanaa Mettaa Roobii magaalaa Eelaa keessaa Oromoota nagaa FDG gaggeessuuf qindaawaa jirtu sabaaa jedhuun hidhaatti guuraa akka jiran gabaasi nu gahe addeessa,kanneen keessaa Oromoota mana hidhaa magaalaa Eelaa keessatti dararamaa jiran keessaa muraasni
  1. Shifarraa Nagarii
  2. Biraanuu Zawudee
  3. Giroo Guutamaa
  4. Abarraa Ayyalaa fi kanneen biroo maqaan hin qaqqabin dararama jiraachuun maddeen keenya gabaasan.

Thursday, May 14, 2015

Waamicha Lammummaa fi Fincila Diddaa Gabrummaa.


Waamicha Lammummaa fi Fincila Diddaa Gabrummaa.

Hojjettoota Mootummaa Wayyaanee,Secterootaa fi sadarkaa garaagaraa irratti argamtanii Sirna Wayyaanee Kanneen Tajaajilaa Jirtan Akkasumas  Wayyaaneen EPRDF/TPLF Umurii Bittaa Isaa Dheerreffachuuf  Jecha Warreen Isin Bobbaase Hundaaf, Waamica Lammummaa fi FDG Qeerroo Bilisummaa Oromoo.
Yeroon mootummaa garboomsaa Wayyaanee EPRDF/TPLF ergamtuu ta’anii uummata guddaa gaanfa Afrikaa waanjoo garbummaa jalatti tiksan dhaabbachuu qaba. Oromoon akka baay’ina isaatti, guddina qabeenyaa isaatii fi baldhina lafa isaatti qooddannaan aangoo inni sirna EPRDF keessatti qabu qanfachiisaa fi salphina guddaa dha. Halli kun Oromoo mitii alagaaf illee ifaadha. Ilmaan Oromoo hundi Saba irraa dhalatan waanjoo garbummaa jalatti tiksuu fi mootummaa garboonfattuu Wayyaanee cina dhaabbatani Oromoo hidhuu, ajjeesisuun, mirga dimookiraasii, mirga namummaa irraa sarbisiisuu fi qabeenyaa uummata Oromoo dachee albuudan gabbataa saamsisaa, Oromoo qee’ee fi qabeenyaa irraa buqqisiisaa, maqaa babaldhina magaalaa Finfinnee fi Misooma magaalaa Finfinnee jedhuun Oromoo qee’ee irraa buqqisiisaa, aadaa, afaanii,seenaa uummata Oromoo mancaasaa fi Maappii Oromiyaa adeemsa bakka lamatti qooduun caccabsanii bituuf karoorfachaa jiraachuu mootummaa EPRDF/TPLF  taa’anii ilaaluun gabrummaa,Wallaalummaa,  fafa fi doofummaa ta’uu jabeessinee  hubachiisuun, Ilmaan Oromoo sirna Mootummaa abbaa irree Wayyaanee kana keessatti ogummaa fi haala garaagaraan ramadamtanii Wayyaaneef hojjechaa jirtanii fi roorroo uummata keenyarratti fe’amee jiru kana teessanii ilaaluun yakkaa guddadha, seenaa keessatti itti gaafatama guddaa jala kan isin galchuu ta’uu ni hubachiifna. Keessaattuu ilma Oromoo taatanii kanneen sadarkaa garaagaraa irratti  itti gaafatamummaa Wayyaanee irraa fudhattanii Wayyaanee EPRDF/TPLF jiraachisuuf hojjettan addatti itti gaafatama seenaa fi Seeraa jalaa of baasuuf yeroon gamtaan uummata ofii waliin falmatan amma ta’uu jabeessinee waamicha gochuun, akka waliigalaatti ilmaan Oromoo secterootaa fi sadarkaa gita hojii garaagaraa keessatti kanneen argamtan hundaaf Qeerroo Bilisummaa Oromoo waamichaa lammummaa fi FDG akka armaan gadii kanatti gadi jabeessuun isiniif dabarse.Guutuu Ibsa Kanaa:- Waamicha Lammummaa fi FDG Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Wednesday, May 13, 2015

Ethiopia: Opposition claims harassment ahead of elections

election-2015ADDIS ABABA, Ethiopia (AP) — Ethiopian opposition groups are accusing the government of harassing their members and carrying out illegal detentions ahead of the May 24 elections.
Yonathan Tesfaye, spokesman for the Blue Party, told The Associated Press Wednesday that some party members are being beaten, especially in the southern region. He said his party may boycott the elections.
Chane Kebede, leader of the Ethiopian Democratic Party, also complained of a climate of fear.
Desta Tesfaw, a spokesman for the ruling party, dismissed the allegations and accused opposition parties groups of trying to discredit the elections.
In 2010, Ethiopia’s ruling coalition won 99.6 percent of all parliamentary seats — a victory that Human Rights Watch said was “the culmination of the government’s five-year strategy of systematically closing down space for political dissent and independent criticism.”

Wallagga,Aanaa Waamaa Hagaloo Ganda Baadiyyaa Buttujjii Qassoo Jedhmu Keessatti Warraaqsi Bilisummaa Ka’e.

Gabaasa Qeerroo Waamaa Hagaloo Caamsaa 12,2015
DiddaaGuyyaa har’aa ona Waamaa Hagaloo ganda baadiyyaa Buttujji Qassoo jedhamu keessatti jiraatota gandaa fi dabballoota Wayyaanee maqaa filmaataan uummata goyyomsaa jiran jidduutti walitti bu’iinsi ta’een uummanni gamtaan ka’ee warraaqsa bilisummaa finiinsuun isaa beekame. Haalli kun diddaa uummataa daran hammeessee gaaffiin walii galaa mootummaan Wayyaaneen nu gahe kana booda bulchiinsa mataa keenyaa barbaadna, Oromoon waggaa hamma kana dhiittaa wayyaanee jalatti waan rakkatee tureef kana booda filmaataan nu goyyomsuu hin dandeessan jechuun dabballotaa Wayyaanee of irraa arihanii jiru. Ergamtooti  Poolisii naannoo Oromiyaa jedhaman gandichatti boba’uun ummata Oromoo nagaan jiraatan nama shan ganda Butujjii jedhamu keessaa qabanii na hidhaa Moxee jedhamutti gaaffamuu qeerroon gabaase.
  1. Taarikuu Dinagdee Ayyaanaa
  2. \Mootummaa Addunyaa Gammadaa
  3. Asaffaa Nagaasaa
  4. Alamuu Baatilee
  5. Taarikuu Dhugaasaa
    fi kanneen biroo akkasumaan mama hidhaa Moxeetti guuramanii jiraachuu gabaasi Qeerroo addeessa.

Tuesday, May 12, 2015

Aangawoonni Tika Mootummaa Wayyaanee(TPLF) Magaalaa Naqamtee Keessatti Walgahuun Akkaataa Uummata Oromoo Shiraan Miidhan Irratti Marihachuun Isaanii Saaxilame.

Caamsaa 11,2015 Gabaasa Qeerroo Naqamte
IMG_20150509_060148Wayyaaneen filmaata sobaa dhufutti uummati Oromoo narratti ka’a sodaa jedhuun kan baarage guyyaa har’aa Caamsaa 11,2015 sa’aatii saddeetii hanga kudhaniitti barattoonni Yuunivarsiitii Wallaggaa FDG narratti qindeessu sodaa jedhuun deeppoo magaalaa Naqamteetti argamu keessatti wal ga’ii caasaa basaastotaa geggeesse.
Qaamni Qeerroo caasaa mootummaa keessaa fi kan magaalaa Naqamtee icciitii fi ijoo marii tikoota Wayyaanee kana akka saaxiletti, namooti lama man maqaan isaanii Yohaannis Abebee fi  Beekkataa fi akkasumas barattoota keessaa basaasaa beekamaan Yuunibarsiitii Wallaggaa nama Tsaggaa Ashaabbir jedhamu ta’anii namooti shan waltajjicha kan geggeessan yeroo ta’u, walgahicha irratti kan akeekamee fi irratti mariyatamee kan murtaaye  ukkamsitooti fi humni federaalaa uuffata sivilii uffatee uummata basaasus magaalaa Naqamtee fi Yuuniversitiilee irra akka tamsa’u irratti ta’uu Qeerroon saaxilee jira.
Kanuma waliin kaayyoon ijoon biro naannoo Yuunivarsiitichatti walga’uus barattoota Mootummaa Wayyaanee TPLF irratti FDG kaasan ykn  falmaniin akkaataa itti adamsanii uummati Oromoo utuu hin dhaga’in barattoota ukkamsanii fi kanneen jajjaboon hawaasa magaalaatiin qunnamtii qaban hidhamuu qaban,kana malees yaada barattootaa qoranii ilaaluu fi FDG(Gaaffii Mirgaa) yeroo hunda tasgabbeessuu dadhabameef kallatti maddichaa qoranii ilaaluuf akka mariirra turaniif dhumarratti eegumsa guddaa naannoo dhaabbilee barnootaatti akka taasisan irratti waliigaluu waltajji kana Warren hirmaatan ibsaniiru