Friday, May 15, 2015

Humni Tika fi Loltuun Feederaala Wayyaanee Barattoota Oromoo Yuuniversitii Wallaggaa Hedduu Reebuu Saamaa Jira, Barattoota Afur Reebichaan Gara Malee Miidhe.

Gabaasa Qeerroo Caamsaa 15,2015 Naqamte
Suuraa ,Barattoota  Naqamte 2014 Reebaman.
Suuraa ,Barattoota Naqamte 2014 Reebaman.
Caamsaa 14,2015 galgala Barattooti Oromoo diddaa sirna Wayyaaneen kaasaniin wal qabatee loltootii fi tikoonni mootummaa abbaa irree EPRDF Wayyaaneef ergaman mooraa Yuuniverstitii seenuun barattoota Oromoo reebaa turan,barattooti hedduun haa reebaman malee kanneen keessaa afur haala hamaan miidhamanii akka jiran Qeerroon gabaase.
  1. Rabbumaa Badhaasaa economics Waggaa 3ffaa
  2. Darajjee Fayisaa accounting Waggaa 3ffaa
  3. Guddataa Waaqshumaa banking wagga 3ffaa
  4. Barataa Taammiraat
Kanneen jedhaman haalaan reebamuu fi qabeenyi isaaniin loltoota Federaalaan samamee jiraachuun beekame.
Kana malees aanaa Mettaa Roobii magaalaa Eelaa keessaa Oromoota nagaa FDG gaggeessuuf qindaawaa jirtu sabaaa jedhuun hidhaatti guuraa akka jiran gabaasi nu gahe addeessa,kanneen keessaa Oromoota mana hidhaa magaalaa Eelaa keessatti dararamaa jiran keessaa muraasni
  1. Shifarraa Nagarii
  2. Biraanuu Zawudee
  3. Giroo Guutamaa
  4. Abarraa Ayyalaa fi kanneen biroo maqaan hin qaqqabin dararama jiraachuun maddeen keenya gabaasan.

No comments:

Post a Comment