Wednesday, May 13, 2015

Wallagga,Aanaa Waamaa Hagaloo Ganda Baadiyyaa Buttujjii Qassoo Jedhmu Keessatti Warraaqsi Bilisummaa Ka’e.

Gabaasa Qeerroo Waamaa Hagaloo Caamsaa 12,2015
DiddaaGuyyaa har’aa ona Waamaa Hagaloo ganda baadiyyaa Buttujji Qassoo jedhamu keessatti jiraatota gandaa fi dabballoota Wayyaanee maqaa filmaataan uummata goyyomsaa jiran jidduutti walitti bu’iinsi ta’een uummanni gamtaan ka’ee warraaqsa bilisummaa finiinsuun isaa beekame. Haalli kun diddaa uummataa daran hammeessee gaaffiin walii galaa mootummaan Wayyaaneen nu gahe kana booda bulchiinsa mataa keenyaa barbaadna, Oromoon waggaa hamma kana dhiittaa wayyaanee jalatti waan rakkatee tureef kana booda filmaataan nu goyyomsuu hin dandeessan jechuun dabballotaa Wayyaanee of irraa arihanii jiru. Ergamtooti  Poolisii naannoo Oromiyaa jedhaman gandichatti boba’uun ummata Oromoo nagaan jiraatan nama shan ganda Butujjii jedhamu keessaa qabanii na hidhaa Moxee jedhamutti gaaffamuu qeerroon gabaase.
  1. Taarikuu Dinagdee Ayyaanaa
  2. \Mootummaa Addunyaa Gammadaa
  3. Asaffaa Nagaasaa
  4. Alamuu Baatilee
  5. Taarikuu Dhugaasaa
    fi kanneen biroo akkasumaan mama hidhaa Moxeetti guuramanii jiraachuu gabaasi Qeerroo addeessa.

No comments:

Post a Comment