Tuesday, May 12, 2015

Aangawoonni Tika Mootummaa Wayyaanee(TPLF) Magaalaa Naqamtee Keessatti Walgahuun Akkaataa Uummata Oromoo Shiraan Miidhan Irratti Marihachuun Isaanii Saaxilame.

Caamsaa 11,2015 Gabaasa Qeerroo Naqamte
IMG_20150509_060148Wayyaaneen filmaata sobaa dhufutti uummati Oromoo narratti ka’a sodaa jedhuun kan baarage guyyaa har’aa Caamsaa 11,2015 sa’aatii saddeetii hanga kudhaniitti barattoonni Yuunivarsiitii Wallaggaa FDG narratti qindeessu sodaa jedhuun deeppoo magaalaa Naqamteetti argamu keessatti wal ga’ii caasaa basaastotaa geggeesse.
Qaamni Qeerroo caasaa mootummaa keessaa fi kan magaalaa Naqamtee icciitii fi ijoo marii tikoota Wayyaanee kana akka saaxiletti, namooti lama man maqaan isaanii Yohaannis Abebee fi  Beekkataa fi akkasumas barattoota keessaa basaasaa beekamaan Yuunibarsiitii Wallaggaa nama Tsaggaa Ashaabbir jedhamu ta’anii namooti shan waltajjicha kan geggeessan yeroo ta’u, walgahicha irratti kan akeekamee fi irratti mariyatamee kan murtaaye  ukkamsitooti fi humni federaalaa uuffata sivilii uffatee uummata basaasus magaalaa Naqamtee fi Yuuniversitiilee irra akka tamsa’u irratti ta’uu Qeerroon saaxilee jira.
Kanuma waliin kaayyoon ijoon biro naannoo Yuunivarsiitichatti walga’uus barattoota Mootummaa Wayyaanee TPLF irratti FDG kaasan ykn  falmaniin akkaataa itti adamsanii uummati Oromoo utuu hin dhaga’in barattoota ukkamsanii fi kanneen jajjaboon hawaasa magaalaatiin qunnamtii qaban hidhamuu qaban,kana malees yaada barattootaa qoranii ilaaluu fi FDG(Gaaffii Mirgaa) yeroo hunda tasgabbeessuu dadhabameef kallatti maddichaa qoranii ilaaluuf akka mariirra turaniif dhumarratti eegumsa guddaa naannoo dhaabbilee barnootaatti akka taasisan irratti waliigaluu waltajji kana Warren hirmaatan ibsaniiru

No comments:

Post a Comment