Saturday, January 23, 2016

Humni Addaa WBO Godina Kibba Bahaa Hidhattoota Wayyaanee haleele



Mooraa WBO
(SBO) – AMAJJII 23,2016) Humni Addaa WBO Godina Kibba Bahaa Hidhattoota Wayyaanee Maqaa Faxinoon Ijaaramanii FXG Godina Baalee Keessatti Geggeeffamaa Jiru Dura Dhaabbachuu fi Ummata Irratti Duuluuf Sagantaa Baafatan Adabee Jira. Meeshaalee Adda Addaas Irraa Booji’e.
Humni Addaa WBO Godina Kibba Bahaa miliishota wayyaanee Fooq-Umar/Sheekistaa jedhaman irraa ijaaramuun loltoota wayyaanee waliin ta’anii ummata Oromoo Godina Baalee Onoota Raayituu fi Daawwee Sarar irratti lola geggeessuu fi sochii FXG naannicha keessatti geggeeffamaa jiru dura dhaabbachuuf sochii irra turan Amajjii 11,2016 galgala keessaa sa’aa 9:00 irratti Godina Baalee Ona Eelkarree bakka Gola Hurrii jedhamutti haleeluun hidhattoota 4 irraa ajjeesee garii isaanii madeessuu Ajaji WBO Godina Kibba Bahaa hubachiisee jira.
Tarkaanfii haxii kanaan Humni Addaa WBO Godina Kibba Bahaa AKM 4 hidhannoo guutuu waliin, Rasaasa AKM -47 5000 ol, Uniformii waraanaa 150, Birrii Itophiyaa 120,000 fi mi’oota biroo gaalota sadiin fe’amanii deemaa turan guututti booji’uun qabsoo bilisummaa Oromoof akka oolche Ajaji WBO Godina Kibba Bahaa ifa godheera.
Hidhattootni/faxinoon wayyaanee kun kan haleelaman haxxeedhaan oggaa ta’u, humni kunis gaala sadiin rasaasota adda addaa, uffannaa waraanaa/uniformii fi mi’oota gara garaa fe’uun qaama murna miliishota kanaa naannoo qubsuma Fooq-Umar bakka Dhiboo jedhamu qubatee jiruuf geessuuf sochii irra akka tures gabaafameera.

No comments:

Post a Comment