Saturday, January 16, 2016

HUMNI, XUMURA GABRUMMAA HIN MIRKANEESSINEE, BILISUMMAA HIN GOONFATU !!!!!

SEENAA Y.G(2005) kutaa 1ffaa
fxmWaaqayyoon gaditti Galanni Gootoota keenyaaf haa ta’uuti, Gabrummaatti xumura gochuuf, malaa fi yaada wal gaafachuu irra geenyee jirra. Har’a akka kaleessaa Abbootiin keenya goota turan jennee of ceepha’uu irraa baanee, dhaloota Gootummaa ija keenya duratti galmeessisu argu irra geenye jirra. Dhaloota seenaa qofaa odeessu irra tarkaanfannee, dhaloota Gootummaa Akaakilee isaa wareegamaan haaromsuu danda’e irra geenyerra. Dhalooti Bilisummaa dhiigaan argachuuf muratee, Seenaa Qabsoo waggoota dheeraa geeddaree, Addunyaan akka dhimma isaa kaaftee fala soqixuuf taasisuu irra geenyee jirra. Dhalooti qubee wareegama baasaa jiru kanaan boonuu qofaa osoo hin taanee, Angafoonni fi abbootiin isaanii gaaffii of gaafachuu qaban hedduun akka jiru nu akeeku isaanii qalbifatu qabna. Wareegama isaanitti firii xumuraa gochuuf birmannaan isaanii fardii ta’uu caalaatti qalbifatanii , sochii Fincila Xumura gabrummaa kanatti makamuuf qophaa’uu fi sochii eegaluun akka irraa eegamuu beekuutu nurraa eegama. Gootummaa akaakilee fi abbootii keenyaa Afaan irraa atu nu hin bu’iin, Gootummaa ijoollee keenyaa dubbachuuf ga’uun eebba ta’uus, Gootummaa ofii osoo hin dubbatatiin dabruun qaaniidha jennee of qopheessuun gamnummaadha.

No comments:

Post a Comment