Friday, January 29, 2016

Gambeela Anyuuwaakii fi Nuwweer Woyyaane irratti dammaqaniru !

12644903_1718756598337876_5303120633286763506_n
Warraaqsii Biyyoolessaa Oromiyaa FXG Hawwannaa fi Dirmannaa Saboota Cunqurfamoo Biyyatti argachaa jiraachuun Sabootni Cunqurfamoon Abbaa Irree Wayyaanee Irratti Warraaqsaa gaaggeessa Jiraachuun Deeggarsa isaanii Ifa godhan.
1. Naannoo Uummata Gambeellaa Godina Anyuuwaki tti Barattootni Yuunibarsiitii Gambeellaa dabee saayinsii Fayyaa kan dhalootaan Anyuuwaki fi nuwwer ta’a Walitti dhufuun sirna EPRDF/TPLF balaaleffachuun Warraaqsaatti makamuu sagalee Mormii dhagesisuun ibsatan. Mootummaan Abbaa irree Wayyaanee akkuma amala isaa saboota walitti buusuun Umrii bittaa isaa asiin ga’atee jiruu Saboota Anyuuwakii fi Nuwwer Walitti buusuuf, Wal diddaa namoota dhuunfaa saboota lameen gidduu jiruu babaldhisuun barattootni kun deebi’anii akka walitti bu’aniif shira guddaa xaxaa jiraachuun ibsamee jira. Qeerroon Bilisummaa Oromoo sabootni Cunqurfamoon biyyaatti abbaa irree wayyaaneen mirga namummaa fi Dimookiraasii mulqamtanii jirtan, Shira mootummaa wayyaaneen xaxamu kamuu irratti dammaquun Waldhibdee gosaa fi namoota dhuunfaa karaa nagaa fi jaarsolii naannoon akka furattan, Yeroon yeroo gamtaan wal tumsinee abbaa irree aangoo irraa maqsuun hiree saba keenyaa murteessinudha jechuun kachachala mootummaa wayyaanee irratti dammaquun saboota Anyuuwaakii fi Nuwweeriif damsaa dabarsee jira.
2. Naannoo Uummattoota Kibbaatti Barruuleen Warraaqsaa kanneen mirga Saboota Cunqurfamoof falmituu fi kabajamuu Mirga ilma namaa fi Dimookiraasii of irraa qabduu Saboota Cunqurfamoo uummattootaa Kibbaa: Sidaamaa, Kafaa, Shakkoo Magenger, Walayittaa, Hadiyyaa Ka’aa Mirga keenyaafi Bilisummaa keenyaaf Falmannaa jechuun Barreelee warraaqsaan Uummataaf Waamichaa FDG gochaa jiraachuun Walqabatee Mootummaan Wayyaanee Gara Godinootaa Naannoo kibbaa kanneen akka Miizaan Teeppii fi Yuunibarsiitii Miizaan Teeppii Dabalatee waamicha gochaa jiraachuun Mootummaa wayyaanee dura dhaabbachuuf qophii irra kan jiran ta’uu ibsachuun Walqabatee mootummaan wayyaanee waan qabee gadhiisu dhabuun gara kanattis Humna poolisii Federaalaa fi agaazii bobbaasaa jiraachuun ibsame jira.

No comments:

Post a Comment