Tuesday, January 19, 2016

Iyyaa iyya dabarsaa kan hin dhagahin iyya dhagesisaa

Kan qophesee: Dhaaye Dida fi Abdii Badhaadhaa

Iyyaa iyya dabarsaa
kan hin dhagahin iyya dhagesisaa
Sadaasaa baatii goota Gincirra jalqabee
Kasee wal-kakaasee waltti lallabee
Alaabaa Oromiyaa Gulisoo irra dhabee.
Qaanqeen Gincii ka’e baldhatee boba’ee
Ittii fuuffa jira kan hin dhaamne ta’ee (2)
Qawwee tokko malee ummani ol ka’ee
Walii wagiin dhabatee humna walii ta’ee
Qabsoon itti fuufa jedhe manaa ba’ee (2)
Iyyaa iyya dabarsaa
kan hin dhagahin iyya dhagesisaa
Ollaadha ollaatti dhihoorra fagoorra
Walitti birmatee qollatee walii-rra
Mancaasee balleessuf diina biyya isaa irra
Qabsaawaan ni kufa Qabsoon itti fufa
Dukkaanawee hin hafuu bari’ee nuufi ifaa (2)
Dhamiisa goottawwannii kan dhamanii darban
Alaabaa Oromoo kan diigan gad dhaaban
Dhaloonni hubatee dhamiisa isaan dhaaman
Kasee bakaan gahuuf kan isaan hanqatan.
Iyyaa iyya dabarsaa
kan hin dhagahin iyya dhagesisaa
Eeynutuu harree ta’ee eeynutuu Waraabeessa?
Oromoon ka’eerra yoom walirra dhessaa
Hardhasii kutataadha akkumma kalleessaa (2).
Namni rorron kaase essatti dhabbataa?
Kan diinni kufse kaasetu awwalataa
Bakka humni dhibe walitti birimmattaa
Gumaa lammii ofii lammitu bafata
Dangaa dinnii cabse dhigan ijarrata.(2)
Otto nuti jiruu abbaa nutti tatii?
Otto harka qabnuu qonxortee nuu laatii? (2).
Iyaa iyya dabarsaa
kan hin dhagahin iyya dhagesisaa
Oromoon tokkummaan yoo jabaate lolee
Kayyoo galman gahuf waadaa walii galee
Kan hardhaaf kan boruuf malla walii malee
Diina jalaa ba’ee mata ishee irra ollee
Dhalataan guddatee bobba’een ofkalee
Biyya isaa bulfata diina irra qalee (2).
Hadha goota dachee ayyoo oromotaa
Otto nuti jiruu halagaan sii nyaataa?
qabeenya kee dhabdee ati quulla tataa?
Bosona kee gubee uffata umamaa
Sii irra barbadessuf umma kee ganamaa
Eeynutuu siif yaada, eeynutti himamaa
Mee eeynutu qaba ittigafatama
Otto nuti jiruu enyutu waamamaa? (2).
Iyyaa iyya dabarsaa
kan hin dhagahin iyya dhagesisaa
Oromoo laammi koo xiqqaa guddaan hunduu
Ayyoon bohaa jirti maalif jalaa didduu? (2)
Dhaamsa dhageeffadha ayyootuu dhamataa
Tokkoof lamaa miti nuu hunda laalata (2)
Haali yeroo ammaa yeroo nuuf hinkennu (2)
Of duuba hin ilaalna fuula- duratti haa deemnu.
Agaazii jedhanii maqaa itti baasanii
Kan waan isaa hin beekkamne nutti bobbaasan
Kan gaafii gaafate itti rasaassan tumaan
Barataa fi jirataa jireeynaa dhoorkani
Balbala issarratti dhiiga lolaasanii (2)
Iyyaa iyyya dabarsaa
kan hin dhagahin iyya dhagesisaa
waan godhu walaale umanni rorra’ee
biyya qabaachuun isaa dukkannawaa ta’ee
Dirree Incinii, Jaldoo, Gulisoo fi Amboo irra ka’ee
Gimbi, Dambi, Dolloo, fi Naqamten naana’ee
Holotaa, Burayuu, Walisoo fi Baale waliigalee ka’ee
Kachisii, Kuyuu, Dagam, Cancon fi sulultattii ba’ee
Haroo Mayyaa ka’ee Jarsotti wal ga’ee
Suchii itti fufee hundi manaa ba’e
Qabsoon itti fufee Oromiyaa waliin ga’ee (2)
Artiistoon fi median gahee gudda qabuu
dabarsaati jiru waantta darbuu qabu
waan seenan barbaadu kan hardhaa fi kan boru
waan bekamuu qabu kan dhalootaf toluu
lubbuun yaa dheeratan isaanf yaa toluu (2).
Rorroofi garbumaan nu hunda lallataa
Barataa fi barsisaa, daldala fi qotataa
Tokkoo fi lamaa miti nuu hundatuu baata
Dhaloonni boruu hoo malitti dhalataa?
Rorron hardha kun essati dhabataa? (2)
Asitti hin dhaabatu qabsoon itti fufaa
Kan ee yaa kaffalluu baasii ba’uu cufaa
Yoo nu jabane garbumaan dhabata
Beekaan keenya bulee dhalataan gudataa
Daldalan daldale barataan barataa
Abba biyaa taane biyyi nuu gudataa
Otto ollee hinbulle ifni nuu muldhata (2).
Iyyaa iyya dabarsaa
kan hin dhagahin iyya dhagesisaa
biyya isaa eegachuf waardiiyyaa dhabatee
Kaaba fi kibba irra baha fi dhiha irraa iyyee wal wammatee
Dhabamuu biyya isaa sirritti hubatee
Dhiira fi dubartiin xiqqaani fi gudan waliffii birmatee
Dahoo walii ta’ee wal-cinaa dhabbatee
Lafeedha fii dhiigan daalla ijarratee
Nutti hin seentuu diinni ulaa argatee (2).
Iyyaa iyya dabarsaa
kan hin dhagahin iyya dhagesisaa
Isa durirrayyuu kan amma hamaate
Habashan finfinnee balessuf kutate
Kaartaa Oromiyaa kan balleessuuf kaate
Plaani dha jettee kan kayyoo kawwatee
Qabiyyee Oromoo aduynaa dhaf laate
Lammiwaan oromoo karaa irraitti gatee
Saynii oromoo biyyee isaarra kasuu
Ummata oromo lakofsan xiqqessuu
Karaa iraa qaban Tigrrayitti geessuu
Kaan ajesanii reeffa isaan dhoskuu. (2)
Hadhootin Oromoo kan ilmaan Isaan dhabaan(2)
Lubuu isaan jibaan rasasaatti of qabaan
Qabsoo bilisummaffii fakkenya kan taa’aan.
Ijoolleen oromoo biyya alattillee
Garaan yoo ittiynatan hinuma naana’a dugda dubattilee
Kotaa isinniin jette wayyanen isiin yaamtee
Lafa fudhaa jettii ummata iraa kastee
Afaanin isiin sobaa qarshii keessan nyaate
Ummata oromoo karaarratti gatee.
Ijoolleen oromoo biyya alaa jirtan
Oromummaa caalaa maliif qarshii laaltan
Diina oromoof maa gargaarssa taatan
Foon lammii oromoo maaf murtanii nyattan
Yoo oromoon deegu maalittii gammaddan
Ayyaanni oromoo waadaan isin qabnee
Waadaan isin haa ga’uu akka lammii hin nyannee
Garaadhaa jeettani akka lammii hin ganee
Waqaa fi lafaa jedhaa Raabbiin isin kadhannee (2)

No comments:

Post a Comment