Monday, February 1, 2016

ochiin warraaqsaa FXG yeroo yeroon jabaacha osoo jiruu Mootummaan Wayyaanee yeroo ammaa kana maqaa Boqonnaa Semistera jedhuun manneen barnootaa kanneen duraan hafan iyyuu cufaa jira.

Guraandhala 1,2016 Sochiin warraaqsaa FXG yeroo yeroon jabaacha osoo jiruu Mootummaan Wayyaanee yeroo ammaa kana maqaa Boqonnaa Semistera jedhuun manneen barnootaa kanneen duraan hafan iyyuu cufaa jira.
Maqaaf boqonnaa Semisteraa haa jedhamu malee Oromiya keessatti sirni barnoota semistera duraa kana utuu hin gaggeeffamiin hafee jira. Godinalee Oromiyaa kanneen akka Lixa Shawaa, Kibbaa Lixa Shawaa(Walisoo), Wallagga Bahaa, Horroo Guduruu Wallaggaa fi Wallagga Lixaa keessatti sirni baruu fi barsiisuu warraaqsaa fi waraanaan goolamuun walqabatee guutummaatti hin aggeeffamne.
Godinaalee Baha Oromiyaa Harargee Lixaa, Harargee Bahaa, Arsii Lixaa, Baalee, Booranaa , Gujii fi Godina Kaaba Shaggar (Saalaalee)
keessattis haaluma walfakkatuun sirni barnoota ugguramee utuu jiruu maqaaf semisteera tokkoffaaf boqonnaa torbee lama kennuun cufamee jira
jechuun labsatani. Akkasumas kan dhaabbilee barnoota olaanoo fi Yuunivarsiitoota addaatti waraanaan waldhansoo ulfaataa keessa waan
jiraniifi barattootni hedduun durumaan iyyuu mooraa Yuunivarsiitii gadhiisuun gara maatii isaanitti deebi’anii waan jiraniif barnootni
hin gaggeeffamne.Amma semistera 2ffaa kanatti immoo murtii waliigalaa dabarfachuuf gamtaan Barattoota Oromoo marii guddaa gochaa jira.

No comments:

Post a Comment