Friday, March 25, 2016

Polisiin Fedaraalaa Dhalootaan Oromoo Ta’an ABOf Hojjettu Sababaa Jedhuun Yakka Adda Addaa Irratti Banuun Hojii Irraa Arihuu fi Dararaa Jabaan Mootummaa TPLFdhaan Irra Ga’aa Jira

Bitootessa 25,2016
Ukkamsaaf ajjeechaan obsa kan fixacachiise Uummata Oromoo rog,arfaniin diddaa jabaa dhageessisee Waayyaanee hirriba dhowurra darbee abdii kutannaa guddaa keessa galcheera.Akkasuma ajjeechaan waan duuba deebisu ukkamsaan waan abdii kutachiisu itti fakkachuun Waayyanonni Oromoo ukkamsuurratti fullefatanis mormiin daran babal’achuun lammii Oromoo kan ta’ee hunda sochoosaa jira Tibba kanas Folisoota Fedaraalaa kan magaalaa Finfinnee keessaa hojjetan dhalootaan Oromoo waan ta’aniif Qofa dararaan irra gahaa jiraachuu icciitiin achii baate ifa taasifti.Akkasuma sakatta’insa moobayilaaf Suuraa,Video,dabalatee hojiirraa ari’uuf dhoksaan ukkamsuun yaaddoo jiruu keessa nu galchaa jiraa jedhu Folisoonni hiriyoota danuu of biraa dhaban kunnin.Kanumaan wal qabatee amma ammaatti Foolisoota 23 ,nu biraa ukkamsanii bakki geessamaan hin baramne kanneen hafanimmoo carraan kun nu mudachuun dura jechuun tarkaanfii hojii dhaabuu Folisoota 34 hojii lakkisanii ba’ani Folisoota 56 ammoo hamma ammaatti hidhamanii jiru ,Ta’uyyuu kan yaaddoof muddama keessa nu galchee jiru Folisoota 23,sana ajjeesanii dhoksaan ka jedhutti shaakkaa jirraa.Walumaa gala kan Ukkamfaman,kan hidhaman,kan hojii lakkisa garee tokko qofaa keessa 113 ga’ee jira ta’us nu warra hafe gammoojjii Bilaatee jedhamtu keessatti nu ittisaa jiru akkasuma Nun Foolisoota dhalotaan Oromoo taanerraa Hidhata hikkatanii jiru jedha odeessi icciitiidhaan Foolisoota Fefaaralaarraa ba’ee Qeerroo dhaqabe.

No comments:

Post a Comment