Saturday, March 5, 2016

Godina Lixa Shaggar Aanaa Midaa Qanyiitti diddaan Uummataa dhaabsiisuuf mootummaan abbaa irree Wayyaanee uummata irratti waraana bane jabeessuun Uummatarratti dhukaasaa jira, uummatnis mormii isaa itti jabaate jira.‏

Bitootessa 5,2016 ,Godina Lixa Shaggar Aanaa Midaa Qanyiitti Diddaan Uummataa Dhaabsiisuuf mootummaan abbaa irree Wayyaanee uummata irratti waraana bane jabeessuun Uummatarratti dhukaasaa jira.loltootni Wayyaanee afaan hin beeknee Magaalaa Baallaammii irra qubsiifamuun Qonnaan bultootaa fi sabboontoota Qeerroo dargaggoota Oromoo irratti tarkaanfii reebichaa fi humnaan ukkamsuun hidhaatti darba jiru, kanneen rukutamanii madeeffaman illee gara mana yaalaa utuun hin geeffamiin waraanaan dirqisifamani hidhaatti darbama jiran keessa
kanneen maqaan nu qaqqabee jiru:
1. Barataa Taarikuu Gusoo reebamee midhaa guddaan kan irra ga’e,
2. Barataa Eebbisaa Nagaasaa barataa 10ffaa waraanaan rebamee midhaa guddaan kan irra ga’ee jiruu fi mana yaalaa dhorkatame jiru.
3. Barataa Abdii Taarikuu reebichaa humna olii warananni abbaa isaa waliin irratti raawwate.
4. Obboo Taarikuu Baayisaa waraanaa wayyaaneen reebamee du’aa fi jireenya gidduu jira.
5. Barataa Gurmeessaa Cimdii waraanaan reebamee milla isaa irra akka malee madeeffamee kan jiru.
6. Barataa Sisay Lammeessa
7. Barataa Muldhisaa Taakkalaa
8. Barataa Geetuu Taakkalaa obbolaa laman
9. Barataa Iddoosaa Xuurii
10. Barataa Baay’ataa Mirreessaa kanneen jedhaman dabalatee yeroo amma kana ilmaan Oromoo 40 Aanaa Midaa Qanyii Magaalaa Baallaammii Wajjiraa Poolisii fi Buufata Waraanni Wayyaanee keessa qubatee jiru keessatti hidhamuun dararaan ulfaataan irra ga’aa jiraachuun madden keenya gabaasan.
YAADACHISA: Sirni gaggeessaa Sabboonaa daldalaa Oromoo dheengadda Waraana Wayyaanee uummatarratti banameen wareegamee Obboo Birhaanuu Xaafaa Baqqalaa abbaa ijoollee lama har’a Bakka dhaloota isaa Ganda Guddataa Gabaa Lagatti rawwata uummatni hedduminaan gara gaggeessa isatti socho’aa jira, Waraanni wayyaanee immoo ganamuma kanaan dhukaasa dhageesisuu egalanii jiru. Olmaa isaan walitti deebina.
Aanaa Midaa Qanyii gandoota akka Goosuu Wangee ,Baaroo Bidaaruu fi Guddataa Gabaa Lagaa dirree waraanaa fakkatee jira. Qonnaan bultootni
hedduun waraana wayyaaneen shoroorkeeffamaa jiru. Sagaalee dhukaasaa utuu wal irraa hin citiin waraanaa wayyaanee irraa guyyaa sadii dhukaafamaa jira.

No comments:

Post a Comment