Sunday, March 6, 2016

Oromiyaan bulchiinsa waraanaa saddeet jalatti hiramtee haa jiraattu malee FXGn akka itti fufetti jira!

Gaabaasi Qeerroo  giddu gala Oromiyaa Adaamaafi magaalaa guddittii lixa Oromiyaa Naqamtee irraa nuun ga’an akka ibsutti,fincilli sirna garboomfattootaa irratti taasisamu akka itti fufee jiru hubachiisa. Torban darbee kaasee hojjeettoonni mana murtii Oromiyaa waltajjii leenjii Wayyaaneetiif adaamaatti kan walitti qabanii jiran yeroo ta’u,waltajjii kana irratti Abbootii seeraa,abbootii alangaafi abukaatotatu hirmaachaa jira Waltajjii jimaata darbe geggeessame irratti madaalliin manneen murtii godinoota sadii kan geggeeffame yeroo ta’u,godinoonni kunis,Shaggar lixaa,Harargee bahaa fi Wallaggaa lixaa ta’uun ta’uun beekameera Ergamtoonni Wayyaanee godinoota kana sadan keessatti tarkaanfiin manneen murtii fudhatan laafadha yeroo jedhatti abbootiin seeraa fi hojjeettoonni mana murtii Oromiyaa irraa hojjetan marti akka dheekkaman beekameera, Akka fakkeenyaattis poolisiin Malkaamuu Mitikkuu kan Wallaggaa lixaa Najjootti nama ajjeesee gara bakka dhalootasaa utuu deemuu ajjeefameef mootummaan itti gaafatamuu qaba jedhan “nami lubbuu namaa seeraan ala baase kun to’annaa jala ooluu dhabuun wal ajjeechaa biraa kan fidu fi godinoota akka fakkenyaatti manneen murtii tarkaanfii uummatarratti fudhachuu dhabaniif komataman kun dhiibbaa siyaasaaf hojiisaa hojjechuu akka hin danda’in itti amanna silaa warri uummata nagaa irratti dhukaase yoona to’annaa seeraa jala jira”jechuun ammaa jalqabee poolisas ta’e nami dhuunfaa nami namni lubbuu namaa baasee seeratti dhiyaachuu dhabee uummata keessa jiruun hanqina bulchiinsa gaarii keessaa isa tokko jechuun komii isaanii haala wayyaanee afaan qabachiiseen dhiyeessuun isaanii beekameera.
Hirmaattonni wal tajjichaa yeroo dhiyootti komishiniin dhimma kana adda baasee namoota ajjeechaa seeraan alaa kana raawwatan seeratti akka dhiyaachuu qaban taasisu hundeeffamuu akka qabu gaafachuun,loogii siyaasaatiin namni lubbuu namaa baasee seeratti hin dhiyaanneef uummatichi tarkaanfii “gumaa baasuu”aadaadhaan qabu yoo irratti fudhateef seerri wabii lubbuu namaa deebisuu hinjiru kanaaf namoota kana seeratti dhiyeessuun furmaata filmaata biraa hin qabne jechuun akeekkachiisa jabaadhaan kaabinoota wayyaanee akka rifaasisan beekameera Waltajjiin qaamota manneen murtii Adaamaatti ta’amaa jiranii kun jimaata dhufu xumurama Gara dhiha Oromiyaa Naqamteetti yeroo ceenu,magaalaan Naqamatee ji’oota afrna darbanii kaastee jeeqxota kaabaatiin erga jeeqamutti kaatee ooltee bubbulaa akka jirtuufi kunis jiruufi jireenya oromiyaa guutuu akka ta’ee jiru beekamaadha Magaalattiitti halkan guutuu qaama hin beekamneen dhukaasi wal irraa hin cinne adeemsifamaa kan bulu yeroo ta’u guyyoota muraasa darbanii kaasee tajaajilli geejjibaa magaalattiitti akka addaan cite jirus beekamaadha Galgala kana geejjiba kan hin qabne Naqamteen sagaleen dhukaasaa akka irraa dhaga’amaa jirus madden baasaniiru.

No comments:

Post a Comment