Thursday, March 10, 2016

Hariiroo Dhaabotni Oromoo keessaa fi alatti qabaachuu malan ilaalchisee – Ejjennoo Qeerroo Bilisummaa.

cropped-qeerroo-edit.jpg

Hariiroo Dhaabotni Oromoo keessaa fi alatti qabaachuu malan ilaalchisee –   Ejjennoo Qeerroo Bilisummaa.

Bitootessa 9,2016
Ummatni Oromoo qabsoo hadhooftu gootowwan ilmaa isaa biyya isaanii keessatti gegeessaa jiraniin qarqara Bilisummaa isaa ga’ee jira. Har’a mirgi abbaa-biyyuummaa ummata keenya sadarkaa haalamuu hindandeenyerra ga’ee jira yoo jenne soba hinta’u. Wareegamni gootummaa ilmaan isaa gumaachaa jiran, mootummaa Wayyanee rommisiiseera, of-irrummaa ishees addunyaa guutummaaf saaxileera.
Yeroo akkaan murteessaa sabni keenya keessa jiru kanatti, gaheen dhaaboota siyaasaa Oromoo ulfaataa ta’uun waan wal nama gaafachiisu miti. Dhaabotni Oromoo wal-qoodmaa tokko malee Qeerroo isaanii cinaa hiriiranii Mootummaa TPLF, kan gar-malee ummata keenya dararaa fi biyyaa keenya Oromiyaa ammoo diinummaan saamaa jirtu kana of irraa fonqolchuun, gabrummaa jaarraa tokko oliif Saba keenyatti fe’amee jiru kanatti xumura gochuun yeroon isaa amma.
Dirqama seenaa kana raawwachuuf, waan hundaa dura Dhaabotni Oromoo humnoota alaas ta’e keessaa Hiree Murteeffannaa Sabootaa morman waliin hariiroo bifa kamiyyuu gochuu irraa of eegachuun waajiba ta’a. Hariiroon humnoota akkasii waliin godhamu qabsoo gootowwan keenya wareegama lubbuu isaaniitiin nu dhalchisan sharafuu waan ta’eef, dhaabotni Oromoo gaafatamni itti dhagahamu marti sochii isaanii keessatti of-eegannoo cimaa akka godhatan cimisinee beeksifina. Keessattuu, yeroo ammaa kana humnoota mooraa Oromoo gargar-baasuun qabsoo sabicha dadhabisiisanii angoo siysaa fudhachuu kanneen abbalan waliin hiriiruun badii seenaan dhiifama hingoone dalaguu waliin wal-gituu isaa hubatanii, dhaabotni keenya gochaa bifa kana irraa akka of-eeggatan Qeerroon dhaamsa qabsoo dabarsaaf.
Galmee seena irraa akka hubanutti, diinonni keenya qabsoo saba keenya faffacaasuun milkawaa as gahan. Ammas toftaa adda-addaatti dhimma bahanii humna keenya facaasuu irraa of duuba deebu jenne yaaduun muuxannoo keenya kaleessaa irraa barnoota gaha argachuu dhabuu keenya agarsiisa. Kanafuu, humnoota toftaadhaan tokkummaa qabsoo saba keenya diiguuf imaammatan, keessattuu kanneen Hiree Murteeffannaa saboota dura dhaabbatan waliin hariiroo siyaasaa tolfachuun ammatti bu’aa inni fidu caalaa badiin isaa guddaa ta’uun beekamuu qaba jenna. Humnoota bifa sana waliin yeroo qabsoo keenyaa qisaasuu irra, dhaabotni keenya walii isaanii jidduutti waliigaltee jabeeffachuun, Sochii Qeerroo kan mootumicha yaaddessuu bira taree wal nyaachisaa jiru kana daddaffiin gama injifannoo maayiitti tarkaanfachiisuu irratti gahee isaan irraa eegamu akka gumaachan gaafatna.

No comments:

Post a Comment