Friday, July 12, 2013

Barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Arbaminc gamtaan saaminsa lafa Oromiyaa dura dhaabbatan

Adoolessa 10,2013 Arbaminc

Mootummaan wayyanee lafa ilmaan oromoo ilmaan habashaa fi alagootaatti gurguraa kan ture yeroo ammaa daran jabeessuuf kan akeekkate lafa naannawa Finfinnee irratti argaman mootummaa federaalaa jala galchuuf kan kaaa jiru miseensota DH.D.U.O yuunivarsiitii Arbamincdhaan dura dhaabbatame.Mootummaan wayyaanee yeroo dheeraaf ilmaan oromoo miseensa DH.D.U.O gochuun kan ilmaan oromoo itti miidhaa turte gahe jechuun barattootni oromoo Yuunivarsiitii Arbaminc gamtaan lafa keenya hin kenninu jechuun dura dhaabbatanii jiran.Wal gahii wayyaaneen miseensota DH.D.U.O waamte irrattis miseensotni gaaffiilee
1. Lafti keenya maaliif gurgurma
2. Ijoolleen oromoo ijoollee biro irraa adda bahanii maaliif ariiamu,hidhamu
3. Qabeenyi oromoo daangaa malee maaliif saamama
Kanneen jedhan kaasuun kaabinoota gaaffiin mataa naannessanii haamileedhaan wal jajjabeessaa mormii gaggeessanii jiran.Mootummaan wayyaanees gamtaa kanaan kan baarage itti gaafatamaa DH.D.U.O kan tahe barataa Huseen Jundii situ kana qaba jechuun qorannoon rakkisaa jiran.Barattootni oromoo gamtaan mirga gaafachuu irratti argaman.

No comments:

Post a Comment