Monday, July 15, 2013

Beeksisa Dargaggoota fi Shamarroota ilaallata


Syaasa Biyya kee keessatti hirmaachuu feetaa laata?
Dhaabilleen yeroo amma Oromo Fedaralist Congress(OFC) jedhamu walitti dhufeenyaOromootaan kan ijaarame yeroo ta'u isaan jalattis qabsaa'onni Oromoo hiriiranii jiru.
Sochiin qabsoo gabrumma wal-faana ykn wal-bukkee dhaabachuu dargaggootaa barbaashisaadha kan jedhani dura ta'aan OFC.
Itti gaafatamtoonni Paartilee kana Dargaggoota fi Shamarroota Oromoo Muuxannoo horachiisnee gara fuulduraatti bakka bu'oota keenya akka ta'an barbaanna jedhu.Kanaaf, qabsoo jiru daran cimsuuf dargaggoonni fi shamarronni Oromoo hundi gumaacha keessan ciminaan akka nuuf gootan,nu faana dhaabattanii akka nu jajjabeessitan jechuun dhaamsa isaanii dabarsu.
Haa ta'uyyuu malee ammayyuu dargaggootni baay'ee nu barbaachisu jedhu Paartiin OFC. Keessumma Shamarroota Oromoof muuxannoo kenninee baasuuf baay'ee barbaanna jedhu.Akkasuma Qaama paarlaama keessatti bakka bu'uu kan qaban Dargaggoota Oromoo hedduun muuxannoo qabdan koottaa nu faana hiriiraa jedhu.
Dargaggoonni Wal-faana haa dhaabannu. Dhimma Siyaasatiif dursa bakka haa laatnu.Maaltu beeka boru sumati biyyittii bulcha.
Gara kuteessaan haa iyyanuufin jedha.
Dursi Dubartootaa jagna gar-kuteeyyii ta'aniif keennama.
Anis egaa dulloomaan jira garuu yoo xiqqaate dargagoo shaniifi Shamarra Shaniif muuxannoo horachiisuun dirqama lammummaakooti.

Yaa Darggaggootaa Ka'aa qaama siyasaa biyyaa keessatti hirmaadhaa.
Kootaa naanno Biiroo 'Siddist kilo' .Anis achitti argamee sin simachuuf qophaa'aadha

No comments:

Post a Comment