Abdii Boruutiin | Waxabajjii 28, 2013
Waan yeroo ammaa deemaa jiru yoo hubatne, Oromummaa fi qabsoo bilisummaa Oromoorratti karaalee adda addaatiin duulli godhamaa waan jiru fakkaata. Yoon akkana jedhu, hanga har’aatitti duulli hin godhamne jechuu kiyya otuu hin taane, wanti amma mumul’achaa jiru garuu haala adda ta’een argamaa waan jiru fakkaata jechuu kooti. Karaa tokkoon seenaa hanga har’aatti dhagayamee hin beekne barreessuudhaan; Oromoo fi Amaarri (Habashaan) akka sanyii tokko ta’an nutti himu. Akka waan Habshootni Oromoo hin gabroonfatiniitti ibsu. Asirraa ka’uudhaan bu’aalee fi injifannoolee QBOn hanga har’aatti galmeessellee gaafii keessa galchuudhaan; Qubee dhiisaa; alaabaa Itoophiyaa fudhadhaatii isa jalatti hiriiraa fi kkf barreessuudhaan uummata keenya afaanfaajjessuu barbaadu. Karaa biraatiin ammoo, Oromoon tokkoo miti; waluu hin fakkaatani; bifti isaaniillee adda adda; waan saboota biroo wajjin walitti makamaniif baay’ina lakkoofsaa himatu malee, Oromoo qulqulluu kan ta’an lakkoofsi isaaniituu baay’ee xiqqaa dha jechuudhaan saba guddaa fi uummata bal’aa kana xiqqeessuuf yaalii godhu.
Wanti yeroo ammaa deemaa jiru kana qofaa miti. Akkuma makmaaksi Oromoo “Kan humna qabu dhaaneeti (tumeeti) akka hin boonye dhoowwa (dhoorka)” jedhu, kan bar-dhibbee tokkoo ol nu gabroonfatani fi ammallee nu gabroonfataa jiran maaliif dubbattu? Maaliif dhugaa jiru fi seenaa dhugaa ta’e Addunyaatti himtu? Maaliif eenyummaa keessaniif dursa kennitu? Maaliif Itoophiyaadhaaf dursa hin kennine? jechuudhaan Sabboontota keenyarratti akka bokkaa abaarsa roobu. Wantin kana jedheef, dhiyoo kana TV Aaljaziiraarratti Sabboontota Oromoo sadi wajjin marii taasifame ilaalchisee waan Habshootni yookaanis tajaajiltuun isaanii barreessan hubachuurraa ka’eetani. Dhimmi fi qabiyyeen marii kanaa akkuma jirutti ta’ee; wanni diinotni QBO, marii kana keessaa cuunfanii baasani fi ajandaa godhatnii; sababa kanaan Sabboonota keenya qeeqan; kana birallee dabranii isaan abaaran, maaliif Oromummaadhaaf dursa kennituu dha. Maaliif Itoophiyaatu dursa hin jennee dha. Dhaadhannoon: “Itoophiyaan haa dursitu (Itiyoophiyaa tiqdam)” jedhu eessanuu akka isaan hin gayin waan hubatan hin fakkaatu.
Itoopiyaan haa dursitu; Itoophiyaa biyya haadha teenyaa yookaan du’a (Itiyoophiyaa innaat hagaraachin wayiim moot) jechaa otuu dhaadatanuu qabsoon uummata Eertiraa cimtee Itoophiyaa isaanii morma irraa kuttee hanbifte. Ammas oftuulummaa isaanii kana dhiisanii dhugaa jiru fudhachuu yoo didan, tarii gaaf tokko qabsoon uummata Oromoos cimee handhuura Itoophiyaa biyya haadha isaanii tana muree akka keessaa darbu shakkiin hin jiru. Gara marii TV Aaljaziiraatti deebi’uudhaaf, marii achirratti godhame fi dhugaa sabaa himaa Addunyaa kanarratti ibsame caalaa kan isaan gube, waan Sabboontichi Oromoo Obboo Jawaar jedhe dha. Namni maqaan isaa Tedla Asfaw jedhamu, akka komii isaa barreessetti, qabiyyee fi kaayyoon barreeffama isaa http://ecadforum.com/2013/06/26/jawar-mohamed-is-taken-away-by-the-stream/ Obboo Jawaar qeequu qofaatti waan xiyyeeffatu natti hin fakkaatu. Kaayyoon barreeffama isaa, carraa kanatti fayyadamee, uummatoota musiliimaa jiduutti shakkiin akka uumamu taasisuufi. Barreeffama isaa keessatti, Tedla Asfaw, dhimma musiliimota Itoophiyaa otuu hin taane, maaliif dhimma “musiliimota Oromootti” hin xiyyeeffatne? jedhee Obboo Jaawaariif gaafii dhiyeessa.
Oromummaa fi sochii musiliimota Itoophiyaa ilaalchisee, haasawa dhiyoo kana Obboo Jawaar godhe keessattis yoo ta’e, Obboo Jawaar hanga danda’ame kan ibsuu yaale, waayee walgargaarsa Oromummaa fi sochii musiliimota Oromoo ti malee, waayee Itoophiyummaa waan kaase natti hin fakkaatu. Musiliimota ykn uummatoota islaamaa kan yeroo ammaa sochii godhaa jiranis yoo ta’an, isaan keessaa harki caalaan (wayyabni) musiliimota Oromoo ti. Akkuma Obboo Jawaar, otuu isaanis gaafatamanii akkasuma Oromootu dursa akka jedhan waan nama mamsiisu natti hin fakkaatu. Namni tokko kan uumaadhaan argate, eenyummaa isaa dhiisee waan biraa waan himatu natti hin fakkaatu jechuu kooti. Sochii tokkorratti uummatoota biroo wajjin tumsa waliif ta’uun eenyummaa ofii akka hirraanfatan ykn dhiisan taasisa jedhanii fudhachuun rakkisaa dha jedheen yaada. Obboo Jawaar carraa argame hundatti fayyadamee; waayee uummata Oromoo fi qabsoo bilisummaa isaa hanga danda’ame ibsaa waan jiruuf Sabboonaa galata guddaa argachuu qabuu dha. Dhugaa dha, diinota QBO biratti namni akkanaa akka xiyyeeffannaa keessa galu waan nama mamsiisuu miti.
Ibsa ykn gaafii fi deebii TV Aljaziiraarratti godhame keessatti, gama Obboo Jawaariin wanti xinnoo natti haphate fi quubsaa hin ta’in yoo jiraate, deebii inni gaafii “Oromoon maaliif hidhamaa jira?” jedhuuf kenne dha. Obboo Jawaar sababoota gurguddoo dhiyeesse keessaa inni tokko Oromoon kan hidhamaa jiru waan miseenummaa jaarmayaa mootummaa Wayyaanee ta’uu didaniifi kan jedhu ture. Kun sababoota baay’ee keessaa isa tokko ta’uu mala ykn danda’a. Oromoon kan hidhamaa jiru garuu warra Oromummadhaan bilchaatanii fi Wayyaanee sodaachisanii dha jedheen amana. Miseensummaa diduun akka jumlaadhaan hidhaman waan taasisu natti hin fakkaatu. Fakkeenyaaf, Obboo Baqqalaa Garbaa fi Olbaanaa Leellisaa faa yoo fudhanne, isaan kun miseenummaa didanii otuu hin taane, waan Oromummaan isaanii guddate fi mirga uummata Oromootiif dubbataniif mana hidhaatti darbaman. Kan biraa ammoo, sababni “…Afaan Oromoo waan dubbataniifi…” jedhus quubsaa miti. Dur otuu ta’ee, kun amansiisaa ta’uu danda’a. Har’a Afaan Oromoo dubbachuun qofaa waan nama hiisisu natti hin fakkaatu; sababni biraa yoo duuba jiraate malee jechuu kooti. Ibsi akkanaa kun hawaasota addunyaa waan amansiisu natti hin fakkaatu jechuun barbaade.
Asirratti wanti hubatamuu qabu, Obboo Jawaar qeequuf otuu hin taane, Jawaar dhimma kana sirriitti ibsuuf beekumsa fi dandeettii akka qabu waanan itti amanuuf; garuu akkan eegetti waanan hin arginiif jecha malee, anas ta’ee abbaan fedheeyyuu bakkee sanatti; haala sana keessatti waan tokko sirriitti ibsuun rakkisaa akka ta’u naaf gala. Karaa biraatiin akka waliigalaatti yoo ilaalame garuu, yeroo gabaabaa fi dhiibbaa jiru keessatti daddaffiidhaan waayee uummata bal’aa fi qabsoo isaa ibsuun salphaa hin ta’u. Keessumaayuu ammoo, mariin akkanaa, kan sabaa-himaa Addunyaarratti yeroo duraatiif dhiyaate waan ta’eef, haala akkanaa kana keessatti dhimma tokko akka barbaadanitti ibsuun rakkisaa ta’a. Haa ta’u malee, carraa akkanaa kanatti fayyadamanii waayee uummata ofii ibsuu danda’uun calqaba gaarii fi injfannoo akka laayyootti hin ilaalamnee dha jedheen yaada. Kanaaf Sabboontotni keenya galata guddaa qabu. Gara fuulduraatti ittiqophaayamee haala gaariidhaan akka ibsamu abdiin qaba. Waayeen Oromoo dhimma laayyoo miti. Hamma danda’amu fi karaa danda’amu hundaan dhimma keenya hawaasota Addunyaatti beeksisuun barbaachisaa qofaa otuu hin taane murteessaa dhas.
Kan nama dinqu, namtichi Tedla Asfaw jedhamu kun barreeffama isaa keessatti waa hundaa kan isa xibaarsisu fi qabxii guddaa godhee keessaa cuunfee kan baase, Obboo Jawaar maaliif Oromoof dursa kennaa dha. Obboo Jawaar, Sabboonaa ilma Oromoo waan ta’eef, Oromoof dursa kennaas sochii musiliimota Itoophiyaa keessatti gahee guddaa taphachuu ni danda’a. Oromoof dursa kennuun sochii sana faallessuu miti. Sabboonaan kun akka jibbamu taasisuuf yoo ta’e malee, akkanatti dubbateef; dhugaa jiru himeef; wanti inni cunqurfamtoota Itophiyaatiif hin dubbanneef sababni hin jiru. Oromoo ta’eef, ani Oromoofan dursa kenna jedheef, carraa kamtu isa jalaa bade? Namtichi kun barreeffama isaa keessatti, “…Jaalalli inni (Jawaar) Oromoodhaaf qabu, akka inni sagalee musiliimota Itoophiyaa hin taane shakkii tokko malee kabaja isaa hir’isa…” jedha, Afaan Oromootti yoon hiikuu yaalu. Gaafiilee namtichi kun deebisuu qabu: Musiliimotni Itoophiyaa, akka Jawaar Oromoo ta’e hin beekne turanii? Moo Oromoofan dursa kenna waan jedheef, takkitumaan kabjini isaaf qaban hir’ata laata? Musiliimotni sun harki caalaan isaanii Oromoo mitii? Sababa kanaan yoo Jawaar jibban ofis jibbuu hin ta’uu?….
Kan caalaa nama dinqu fi namtichi kun ija dunuuffatee olola oofuun isaa kan beekamu, waan inni xumura barreeffama isaa keessatti jedhe dha. Oromoo beekaa fi gamni waayee kanatti (waan Jawaar jedhetti) hin gammadu jechuu isaa ti. Oromoo beekaa fi gamin eenyummaa ofiitiif dursa kenna malee waan biraatiif dursa hin kennu. Kanaafuu, yaa namtichoo Oromoodhaaf hin cinqamin. Qabsoon uummata Oromoo si cinqee fi si sodaachisee yoo jiraate, filannoo lama qofaa qabda. Inni tokko dhugaa jirutti amantee fudhachuu yookaanis kan biraa karaa si baasu barbaaddachuu dha malee qabsoon akka ibiddaa boba’aa jiru kun kan dura gubee barbadeessu diinota QBO kan akka keetii kana akka ta’u shakkiin hin jiru. Waan ati barreessitu kun abjuu fi hawwii kee ta’ullee, Oromoon garuu eenyummaa ofii dhiisee waan biraatiif dursa hin kennu. Siif liqmsamus liqimsamuu baatus dhugaan jiru kana dha.
Galatoomaa!
Abdii Boruu: aboruu@gmail.com