Wednesday, July 10, 2013

Oduu gammachiisaa !!

Dilbata Darbe Paartiin “Oromo Federal Congress” Jedhamu Magaalaa Adaamaa Keessatti Walgahii guddaa Uummata gidduutti gageesse. Beeksisa Uummataaf Magaala keessatti godhameen OPDOn Galma walgahii dhorkituyyuu, Galma kan biraa free argachuun walgahii guddaa Dargaggoofi shamarroota waliin gaggeesse jira. Walgahii kanarratti Dargaggootni muuxannoo guddaa horatanne jedhu.
Walgahiin guddaan kun Tokkoomsuu fi Muuxannoo Horachiisuu Dargaggoota Oromoo irratti Xiyyeffate Kun Magaaalota Oromiyaa hunda keessatti kan godhamu ta'uusaa Dr Mararaan dubbatan.
Kanaafuu Lammiin Oromoo kamiyyuu dargageessa, shamarra,jaarsa,jaartii,Daldala,Qotee bulaa,barataafi Hojjetaa hundi akka irratta argamana labsii haa dabarsinu jedhu
Akkasumas, barumsaafi Muxannoo uummataaf kennamu kanarratti nu duukaa akka dhaabattan jedhu.
Wal haa qarqaarru; Hojjetaan,daldaalaan fi kanneen biroos qabeenyaan, humnaan fi konkolaata ergisuun waan hundaan duukaa haa dhaabannu. Kanneen biroo immoo uummataaf beeksisa haa dabarsinu.
Koottaa keessaaf alaan hundi Walduukaa haa dhaabannu, Wal haa jajjabeessinu.

No comments:

Post a Comment