Friday, September 18, 2015

AYYAANNI IRREESSAA/IRREECHAA BARA 2015,


KAN MILKII ISNIIF HAA TA’U !!!!!!!!
SEENAA Y.G(2005)
Bilisummaa Oromiyaa fi Bilisummaa Ummata Oromoo boriif bu’ura kan ta’an keessaa, waan Afur Injifannoon xumurachuu keenyattan amana.
1ffaa. Kaayyoo Addi Bilisummaa Oromoo dhaabbatee fi dhaabni kun    Ummata keessa waggaa 2f jiraachuuf carraa argachuu isaa,
2ffaa.Daangaa Oromiyaa jedhamu kaartaa addunyaa keessa seenuu isaa,
3ffaa. Afaan Oromoo Qooqa/Afaan saba guddaa, Qooqa ittiin Hojjachuu fi barachuu danda’amu mirkanaa’uu isaa,
4ffaa. IRREECHII ykn IRREESSI Aadaa fi seenaa Oromoo boruu Ummatichaan dagaaganiif bu’ura ta’uu, Ummatichi aadaa fi Amantii mataa isaa qabaachuu, Ummatichis duudhaa isaa kana deeffachuu akka barbaadu jabiina Ummatichaan diinnis firris hubachuudha.
Qabxiileen kunneen salphaa fakkaatan. Garuu bu’ura Bilisummaa keenyaati. Yoo akkasuma jabaannee irratti hojjanne, inuma deeffanna. Nuuti jabaachuu dhabnaan, bakka isaanitti deebi’uuf carraa bal’aa qaban. Har’a qabsoon keenya bifa isaa bal’ifachuu qaba. miseensummaan ykn nama siyaasaa ta’uu fi dhiisuu, ykn ajajaa fi hogganamuu odoo hin eeggannee, waan ofiin hojjachuu dandeenyu balbala keenya jiraachuu beeku qabna. Kan goonfannee kana jabeessuuf tattaafachuu, beekumtii addunyaa irratti argachuu ka qabu, sadarkaa dhuunfaa eegallee irratti hojjachuu, Waan nu ibsan kan biraa addunyaatti baasuuf gonkumaa ajaja eeggachuu hin qabnu.
Daangaa Oromiyaa kana beekisfachuu eegalee, obbolaa keenya halgatti makamanii jiraachaa jiran hanga ofitti deebisutti hojjachuun dirqama Oromummaa malee , kan dhaabni nu ajajuu miti. hojiin dhaabaa fi hojiin sabummaa bakkuma isaanii jiran. Sabummaaf hojjachuun dhaabaaf hojajchuudha. Dhaabaaf hojajchuun, sabummaaf hojjachuudha. Bilchinni qalbii keenyaa fi adeemsi qabsoo keenyaa tarkaanfi tokko dabalauu qaba. wal gurmeessuuf bara baraan dhaaba eegu hin qabnu. Fakkeenya dansaa kaasuu dandeenya.
Ayyaanni irreessaa/irreechaa har’a sadarkaa kana ga’ee jiru, dhaabni bu’ura haa ta’uu malee caalaatti jabeessee kan asiin ga’ee qooda fudhannaa ummataati. Dhaabni Oromoon kana qabaachuu biraan ga’ee jira. Ummati ammoo harkaa fuudhee bakka irra jiruun ga’eera. kana caalaa akka jabaatu taasisuun qooda dhala Oromooti. Waan biraas akkasuma gochuutu nu irraa eegama. Bara 2014 Fincila Biyya keessatti qabsiifameen ijoolleen keenya hedduun wareegamuun seenaadha. Wareegama kana kabajuu fi yakka kana kan raawwate seeratti akka dhihaatuuf, Ummati Biyya keessaa fi alaa , Abbootiin Amantii adda addaa bifa addaan , mormii kana irratti argamnii sagalee isaanii dhageesisuun seenaa keessatti kan dagatamuu miti. Irreecha Baranaa irrattis, Abbootiin Amantii Oromoo argamanii deeggarsa isaanii kana argisisuun duuba, hiikkaa guddaa akka qabaatu beeku qaban. Miidiyaaleen Oromoo bakka jiranii , Ayyaana Irreechaa kana caalaatti qulqulluu fi maqaa adda addaa baroota 130 oliif irra tuulamee irraa haquuf, Abbootii Amantii fi Aadaa dhiheessanii dhugaa baasisuutu irraa eegama.
Jechi Irreessa/Irreecha fi jechi WAAQEFFANNAA jedhu, Hiikkaa Amantii kamiinu akka wal hin xuqine, Islaamummaa fi kiristaanummaattis hiikkaa akka hin qabne, jecha afaan Oromoo akka ta’ee fi qulqulluu akka Bishaan lagaa ta’uu isaa Abbootiin Amantii qalbii qaban ragaa ba’uu akka qaban, addatti Namoonni Amntii adda addaa keessa jiran, diina faallaa irreechaa jiru balaaleffachuu fi mormiin diinaa kun maal irraa akka ta’ee beekisisuun dansaa ta’aa. Uffata aadaa uffachuun, Amantii waliin maaliin walitti bu’a ? caalaa fi abdii ta’anii Amantii biraa hordofuun hin danda’amuu ? kkf kaasanii Abbootii Amantii adda addaa hasofsiisuun kan atu hin beekiin wallalummaa irraa , warra kaan waliin Ayyaana Irreessaa balaaleffatu xiqqeessuu danda’a.
Kanaaf gama hundaan Ayyaana irreessaa caalaatti jabaa fi qulqulluu, waldaa Amantii kamuu keessatti mata duree balaaleffannaa fi Afura badaa jedhamee abaaramu akka hin qabnee wal barsiisuun haa jabeeffannu. Kana irratti miidiyaaleen kun qooda mataa isaanii taphachu danda’u jedheen amana. Ayyaaneffachuu ykn kan ayyaaneeffatu baayyachuu qofaa odoo hin taanee, kan ilaalcha badaa qabus of irraa xiqqeessuuf hojjachuun dansaadha. Waan nu irraa eegamu gama hundaan hojjannee waan goonfannee jabeeffachaa kan nu hafetti haa tarkaanfannu. AYYAANA GAARII .

No comments:

Post a Comment