Sunday, September 20, 2015

Obboo Ibsaa Darasuu, Mootummaa Wayyaanee Lagatanii Biyya Alaatti Hafan

Jila Qondaalota OPDO Waliin Gara Biyya Neezarlaandis Kan Deeman Hoji-gaggeessaan Dhaabbata Tajaajila Bishaan Dhugaatii Magaalaa Bushooftuu, Obboo Ibsaa Darasuu, Mootummaa Wayyaanee Lagatanii Biyya Alaatti Hafuudhan Qabsoo Bilisummaa Oromoo Keessatti Qooda Lammummaa Bahachuuf Murteessuu Beeksisan.
sbo_logoJila ergamtoota wayyaanee hogganoota kaabinee OPDO sadarkaa Naannoo, kantiibota magaalotaa fi hoji-gaggeessitoota dhaabbata Bishaan dhugaatii of keessaa qabu waliin, Kaampaanii bishaanii biyya Neezarlaandis keessa jiru daawwachuu kan jedhuu fi ergama biraa dhoksaan qabatee Fulbaana 1 bara 2015 gara Neezarlaandis imale waliin deemuu isaanii Obboo Ibsaa Darasuu yaada Sagalee Bilisummaa Oromoo (SBO)f kennaniin addeessan.
Hoji-gaggeessaan Dhaabbata Bishaan Tajaajila Dhugaatii Magaalaa Bushooftuu Obboo Ibsaa Darasuu, biyya keessatti dhiibbaan mootummaa wayyaanee fi qondaalota OPDOtiin irra gahu itti hammaachuu, gochaa farra-ummataa tahe wayyaaneen akka hojjetaniif isaan dirqitutti amanuu dhabuun diduu irraa fi dhiibbaan ummata Oromoorra geessifamaa jiru balaaleffachuudhaan akka Neezarlaanditti hafuuf murteessan yaada Fulbaana 19,2015 SBOf laataniin ifa godhan.
Jilli hogganaa sadarkaa naannoo kan miseensa Kaabinee Obboo Mootummaa Maqaasaa, Kantiibaa magaalaa Bushooftuu fi Kantiibaa magaalaa Adaamaa,  hoji-gaggeessaa dhaabbata tajaajila bishaan dhugaatii magaalaa Adaamaa akka of keessaa qabu Obboo Ibsaan himaniiru.
Oromiyaa keessatti namni tokko hojii argachuudhaafis tahee hojjechuudhaaf miseensa OPDO tahuun dirqama taasifamuu kan dubbatan Obboo Ibsaan, namni amanee ykn jaalatee siyaasaa Wayyaanee-OPDO fudhata odoo hin taane, dirqamee ti jedhan.
Hojjettoonni waajjiraalee adda addaa fi gaggeessitoonni hojii ajaja TPLF kennu dirqamaan fudhatanii hojiirra akka oolchaniif ergamtuu sirnichaa OPDOdhaan akka dhiibbaa fi doorsisni irra gahu himan. “Ani ajajaa fi hojii kallattii akkasiitiin wayyaaneerraa kennamu fudhadhee itti deemuuf fedhii waan hin qabaannee fi dhiibbaa sirnichi akka tahe jennee ummata keenya miinuuf nurraan gahu jalaa bahuu waanan fedheef jila kanarraa hafe.” jedhan Obboo Ibsaan yaada SBOf laatan keessatti.
Qondaalotni OPDO yeroo adda addaatti akka ajaja TPLF/Wayyaanee gaaffii fi mormii tokko malee fudhatanii hojiirra oolchaniif akka isaan doorsisaa bahan kan himan Hoji-gaggeessaan dhaabbata Tajaajila Bishaan Dhugaatii magaalaa Bushooftuu, faayidaa bubuutuudhaan gowwoomsuufis tattaafatamaa turuu saaxilan. Warreen ajaja farrummaa wayyaaneerraa kenname kana fudhachuu didanii fi gowwoomsaa lukkeeleef hin jilbeenfannu jedhan ifatti waajjira OPDOtti waamanuudhaan akka doorsisni irra gahu ifa godhan. Kanaafis Kaabinee bulchiinsa magaalaa Bushooftuu fi Waajjira OPDOtti doorsisa irra gahe eeran.
Yeroo ammaa kana ummata Oromoo, barattootaa fi hojjettota mootummaa sobaan yakkuudhaan hidhuu, hiraarsuu fi miidhaa adda addaaf afeeraa jira kan jedhan Obboo Ibsaan, ani gama kootiin gochaa cubbamaa kana raawwachuus tahe yoo raawwatamu callisee ilaaluu sammuun koo waan hin eeyyamneef tarkaanfii kana fudhadhe jedhan.
Gara biyyaatti yoonan deebi’e fedhii fi amantaa kiyyaan alatti ajaja wayyaanee-OPDOn akkan ummataa fi biyya koorratti yakka raawwadhuuf dirqamuun koo waan hin oolleef, yoonan dide ammoo miidhaan narra gahu ulfaataa waan taheef, jila diinaa waliin dhufne kanarraa adda bahee asitti hafuu murteesse jedhan. Itti dabaluunis carraadhuma kanaanis Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti yeroo naaf hafte keessatti waan xiqqoollee gumaachuudhaan bilisummaa sammuu argachuun barbaachisaa waan taheefan jila kana biraa hafuu danda’e jedhan.
Haala wayta ammaa kana Oromiyaa keessa jiru irratti yaada SBOf kennaniin, ummanni diddaa garbummaa jabeessee itti fufee jiraachuu addeessaniiru. Mootummaan wayyaanee yeroo kamiyyuu caalaa wayta ammaa kana ummatarraa abdii kutatee tarkaanfii abbaa irrummaa isaa ifatti saaxilu fudhataa jiraachuus ibsan.
Keessumaa diddaa Maastar Pilaanii Finfinneen walqabatee ummanni, barataan, barsiisaan, hojjetaan mootummaa fi qaamoleen adda addaa  mootummaa abbaa irree wayyaanee fi ergamtuu isaa OPDO irratti mormii cimaa dhageessasaa jiraachuu dubbataniiru.
Mootummaan wayyaanee gaaffii mirgaa fi mormii ummata Oromoo kana humnaan ukkaamsudhaaf dhiibbaa adda addaa geessisaa jiraachuu yaada SBOf kennaniin kan tuqan Obboo Ibsaan, qondaalonni OPDO, amanamummaa wayyaaneef qaban mirkaneessuuf jecha yeroo kamiyyuu caalaa ummata Oromoo dararaa jiru jedhan.
Jilli ergamtoota wayyaanee Kaabinee OPDO ti jedhamanii fi kantiibota magaalaalee akkasumas hoji-gaggeessitoota dhaabbata Tajaajila Bishaan dhugaatii of keessaa qabu kun golgaa kaampaanii bishaanii daawwachuu jedhuun haa imalu malee, ergama farrummaa dhoksaadhaan wayyaanonni itti kennan akka qaban dubatu Obboo Ibsaan. Wayta ammaa kanas jilli kun daawwannaa sana booda akeeka dhoksaa diinni itti kenne galiin gahuuf gariin gara Jarmanii kuun gara bakkoota biroo sosso’uu fi kaan ammoo biyyatti deebi’uu isaanii Obboo Ibsaa Darasuu yaada SBOf laataniin ifa godhaniiru.

No comments:

Post a Comment