Tuesday, September 1, 2015

Wallagga Aanaa Anfilloo Irraa ABO Deggertuun Barattooti Boqonnaaf Galan Hidhamaa Jiru,Naannoo Kibbaa Godina Oomoo Aanaa Hamaritti Ammoo Gaaffiin Mirgaa Itti Fufe.

Gabaasa Qeerroo Hagayya 31,2015 

Because I am OromoQellem Wallaggaa aanaa Anfilloo irratti barattoota boqonnaaf galan yeroo boqonna isaanii maatii gargaaruu cinatti jireenya dhuunfaa fi
galaa mana barumsaaf hojii daldalaa irratti bobbahan hojii Kotorobaandii hojjettuu fi humna biraas bosona keessa qallabaa jirtu
jechuun daldala naannoo Gambeelatti deddeebiidhaan daldalan qabuudhaan humni waraana wayyaanee saamicha ijoollee barattoota oromoo Qellem Wallagaa aanaa Anfilloo gandoota garagaraa keessaa daldalatan harka qullaatti hambisuun saamicha gaggeessuun Qeeroo gabaasee jira.
Hanga ammaatti aanaa Anfilloo keessaa barattoota saamichi irratti rawwatee fi kanneen ABO qallabdan jedhamun hidhaman keessaa:-
  1. Abshaalaa Sanyiifan
  2. Geetachoo Nagarii
  3. Waayyuu Indaaluu
  4. Barakat Kafiyaalehu
  5. Mangashaa Abdii
Kanneen jedhaman keessatti argamu. Qabeenya gurgurtaaf daldala qabatanii deeman waraana wayyaanee naannoo gaara SS fi daangaa Gambeela irra jiruun saamamaa jiraachuu maddeen oduu Qeerroo ibsa.
Gama biraan naannoo Kibbaatti godina Oomoo aanaa Hamaritti kan argaman gandoota kanneen akka Waroo, Shaanqoo, Kufarii fi Dagaaxajaa keessa humni waraana Wayyaanee bittinneessaan uummata irratti tarkaanfii fudhachuuf gandoota kana keessa qubatee jiru gaaffii uummata kibbaa dura dhaabbachuuf qabsiifame uummanni gandoota kana irraa walitti kurfaa’ee waraanni nu keessaa haa bahu mootummaan wayyaanee aangoo fi humnattai fayadamee nu bulchuun haa dhaabatu kan kun hin dhaabbanneetti qabsoon keenya itti fufa jechuun sochii duraan jirutti dachaa dabalanii Hagayya 25,2015 irraa kaasuunis haala jabaadhaan diddaa kaasaanii jiru.
Haalonni kana fakkaatanis naannolee oromiyaa godinoota hoongeen rukutamaa jiran keessatti fincilli ka’ee jira.Beelaan miidhanillee
uummanni mootummaa wayyaanee balaaleffachuu irratti jabeessee akka jiru Qeerroon gabaasaa jira.

No comments:

Post a Comment