Friday, September 11, 2015

Manni Barumsaa Moxee Godina Wallagga bahaa Waamaa Hagaloo Barattoota Saddeet Barnootaaf hin Galmeessu jechuun mana Barumsaarraa Dhorke

Fulbaana 9,2015
Ijoon dhorkamuu Barattoota kanaa FDG magaalaa qassoo fi uggaa hordaatti qideessitan,walaloo kabiinoota arrabsu dalagdan kan jedhu yeroo ta’u manni barumsichaas akeekkachiisa kana qaama OPDO tiin akka ajajame ifa godheera jedha gabaasaan qeerroo Moxee Barattooti Oromoo kaan baratanii qonnumatti kan deebi’an yommuu ta’u kanneen sabboonymmaa uummataa gegfeessan immoo barumsaarraa ari”amaa jiraachuun beekamaadha Jiraattoti aanaa waamaa hagaloo akka jedhanitti impaayera biyyatti keessatti mirgi dhala namaa waakkannaa tokko malee aanaa waamaa hagaloo tti akka dhiitamus dubbataniiru.
Filmaata sobaa wayyaanee booda kanneen hidhaman birmatnaa siyaasa tokkollee hin arganne jedhu Fulbaana darbee hanga fulbaana ammaatti jechuun Waggaa tokkoof ibsaan aanicharraa bade miidiyaalee idil addunyaa kamiinuu deeggarsa siyaasaa hin arganne

No comments:

Post a Comment