Thursday, September 10, 2015

Duula hidhaa fi master planii Finfinnee

Mootummaan abbaa irree wayyaanee maaster  pilaanii  Finfinnee bara haaraa Habashootaatti hojiirran olcha jedhee dhaadataa jiruun dura Barattoota Oromoo ummata  narratti  kakaasuuf  jiran jedhee shakku    hidhaattii naqaa jira.
hidhaaMaaster pilaanii Finfinnee Oromiyaa cicciruu fi ummata Oromoo qe’ee isaa irraa buqqaasuuf mootummaa wayyaaneen karoorfame bara haaraa Habashootatti hojii irra akka olfamu sirnichaan dhaadatamuun wal qabatee mormiin ummata Oromoo irraa yeroo lammaffaaf akka ka’aa jiru bal’inaan mul’achaa wayta jiru kanatti, mootummichi sabboontota Oromoo ummataa fi barattoota qindeessanii na irratti kakaasaa jiru kan jedhuun hidhaattii naqaa akka jiru maddeen SBO mirkaneessaniiru.
Akka maddeen SBO ifa godhanitti, bara haaraa Habashootaatti maastar pilaaniin magaalaa Finfinnee hojii irra olfamuun dura, mootummaan abbaa irree wayyaanee Oromiyaa bakkoota adda addaatii ilmaan Oromoo ummataa fi Qeerroo dargaggoota barattoota Oromoo narratti kakaasuu dandahan jedhee shakku isin hojii ABO fudhattanii jeequmsaaf deemaa jirtu jechuun dharaan yakkee hidhaatti  guuruu eegaleera.Akka kanaan barattooti Oromoo 9 ol tahan Ona Horroo Jimmaa Gannatii, magaalaa Amboo fi magaalaa Finfinnee naannoo Sabbataa irraa maqaa isin ABO waliin taatanii ummata nurratti kakaasuun akeeka maaster pilaanii Finfinnee jeequmsaan fashalsuuf jirtu ittiin jechuun hidhaatti darbanii dararaa akka jiranii dha maddeen keenya kan ifa godhan.Haaluma kanaan Ona Horroo Jimmaa Gannatii irraa Fulbaana 03,2015 barattooti Oromoo shan Nugusee Biraanuu, Iyyaasuu Tashoomaa, Miimmii Guddataa, Namee Dhadhaloo fi Garramuu Fayyeeraa jedhaman waajjira poolisii Onichaatti, magaalaa Amboo irraa barattooti Oromoo Tarreessaa Nagarii fi Firoomsaa jedhaman gaafa Fulbaana 05,2015 waajjira poolisii magaalaa Ambootti akkasumas magaalaa Finfinnee naannoo Sabbataa irraa barattooti Oromoo Taayyee Harqinaa fi Mangistuu Sarbeessaa jedhaman Fulbaana 08,2015 mana hidhaa magaalaa Finfinnee “Sostanyaa poolis Xaabiyaa” jedhamutti hidhamuun kanneen dararamaa jiran keessatti akka argaman beekameera.Duula hidhaa kanas Oromiyaa bakkoota gara garaatti jabeessee itti fufuun maaster pilaanii Oromiyaa bakka adda addaatti kukutuu fi Oromoo lafa dhable taasisee aadaa, seenaa fi eenyummaa isaa dhabamsiisuuf akeekkate kana sirnichi humnaan hojii irra oolfachuuf dhaadatus, ummatni Oromoo akkuma bara 2014 dirreetti bahee biyyaa fi mirga isaaf wareegama baasee fashalse, ammas diddaa isaa jabinaan itti kan fufuu fi dura dhaabbatu ta’uu sabboontotni Oromoo hubachiisaniiru. Wareegama baafametti firii gochuuf ummatni Oromoo biyya abbaa isaa fi mirga isaa waliigalaa harka isaatti galfachuuf diddaa Master Pilaanii Finfinnee hojii irra oolfamuuf dhadatamaa jiru kana dura keessaa fi alaan gamtaan akka dhaabbatu Qeerroon Bilisummaa Oromoo yaamicha lammummaa ummata Oromoof dabarsuunis kan yaadatamuu dha.

No comments:

Post a Comment