Wednesday, September 30, 2015

Barattooti Oromoo Wallagga, Aanaa Saasiggaa fi Magaalaa Naqamtee Gaaffiilee Warraaqsaan Dabballoota Wayyaanee Sardaa Akka Jiran Qeerroon Gabaase

Gabaasa Qeerroo Fulbaana 30,2015 Naqamte
db4234bfGabaasaan Qeerroo Wallagga aanaa Saasiggaa akka ibsutti tarsimoo misooma Wayyaanee ilaalchisee mana barumsaa qophaa’inaa Saasiggaarra  ibsitti, leenjiin barsiisotaa fi barattootaaf kennamaa jiru dabballoota Wayyaanee itti gaaffii abbaa biyyummaa fi hiree ofii murteeffachuu jedhu maaliif hin mirkanaawu kan jedhu ijoo dubbii guddaa ta’ee barsiisoti fooricuu fi sagalee jabaan dabballoota kijiba mishoomaa barsiisan irratti iyyaa turan.
Addattis waayee mishoomaa wayita kaasan irratti akka fakkeenya mishooma kijibaatti kan ka’e keessaa tokkoo barattoota bara kana Yuuniversitii galan keessaa shamarri tokko qofti gara Yuunivarsiitii itti darbuun mallattoo fi ibsituu misooma keessan sobaati jedhchuun OPDO afaan qabachiisa
Oduudhuma walfakkaatuun barattoota mana barumsaa qophaa’inaa Naqamtee,biiftuu Naqamtee,biqiltuu leeqaa Naqamtee fi B/saa Daaloo Naqamtetti gaaffiin walfakkaataan Qeerroo barattootaan gaafatamuun Wayyaanee rifachiuseera gaaffilee walii galaa maaster pilaanii finfinnee tii qabee erga gaafatamee boodas rakkoon bulchiinsa fi dararaan Wayyaanee Naqamtee keessatti adeemsifamus gaafatameera
Akka fakkeenyaattis,
  1. Marfata konkolaataa Naqamteerratti ijaarsi siidaa Jawwee fakkeeffamee ijaarame diigamee siidan gootota Leeqaa kan akka Dr Hayilee Fidaa Kumaa,Geendaa Buushanii fi Ilmasaa Galataa ,Dhugumaa Jaldeessoo,Amalawarqi Bulii,Jireenyaa Ayyaanaa haadhaabbatu jechuun gaafatan.
  2. Maqaa Istaadiyoomii Wallaggaatiin uummati magaalaa Naqamtee fi uummati Oromoo Waliigalatti kan baasii guddaaf saaxilamee fi yeroo duraaf istaadiyoomii n wallaggaa akka baha Afirkaatti isa jalqabaati jechuun uummata keenya waan saamtaniifi sobdan kanaaf wayyaaneen seeraan gaafatamuu qaba.
  3. Maqaa misoomaan utuu nusobdanii wayyaaneen qabxii ittiin gulantaa itti aanutti darban akka malee ta’e jedhee dabaluun barattooti Oromoo naannoo kanirraa maqaa naannoo mijataa jedhuun akka hafan kan taasifame kun haqamuu qaba
  4. Mana diiggaa fi green erea jechuun mana dhibbaaf digdamaa magaalaa naqamtee keessaa diiguuf karoorse hanbisuu qaba jechuun jabeessanii kan gaafataniifi guyyaa leenjichi itti xumuramu kaleessan ta’ullee yaada isaanii jijjiiruu qabna maqaa jedhuun ganama har’aa kanatti barattooti magaalaa Naqamtee waamamuu Qeerroon hubachiiseera.

No comments:

Post a Comment