Wednesday, September 9, 2015

Waraanni Bilisummaa Oromoo Godina Bahaa Tarkaanfii Humna Qubattuu Diinaa Irratti Fudhateen Loltoota Wayyaanee 42 Ol Hojiin Ala Taasise

September 9, 2015 Oromia

olaAjaji WBO Godina Bahaa akka beeksisetti Abdii fi Gaachanni Ummata Oromoo WBOn kan Godina Bahaa keessa sossohu Fulbaana 03 fi 6, 2015 gidduutti Bahaa fi Dhiha Harargee bakkoota adda addaa keessatti tarkaanfii waraana wayyaanee irratti fudhateen 20 yeroo ajjeesu, 22 ol ammoo madoo taasisuun konkolaataa waraanaa tokkos daaressee jira.
Haaluma kanaan Fulbaana 04, 2015 Dhiha Harargee Ona Gammachiis keessaa bakka Gola-Buubaa jedhamutti WBOn waraana wayyaanee kan konkolaataa waraanaan sossohaa ture haxiidhaan haleeluun 5 yeroo irraa ajjeesu, 3 ammoo madeessee jira. Konkolaataan loltootni wayyaanee ittiin socho’aa turan kun kan daareffame oggaa ta’u, waytuma kana qawween AK-47 jedhamu 4 diina irraa hiikkatameera.
Waraanni Bilisummaa Oromoo Godina Bahaa tarkaanfii isaa itti fufuun Fulbaana 06,2015ttis Baha Harargee Fadis Ona Miidhagaa keessaa bakka Dhagaa-Gaachanaa jedhamutti waraana wayyaanee hojii ummata gooluutti bobba’ee fi sochii WBO danquuf ramadame haleeluun loltoota 9 irraa ajjeesee, 12 ol madeessuun meeshaalee adda addaa diina irraa booji’uu Ajaji WBO Godina Bahaa dabalee beeksiseera.
Fulbaana 03,2015ttis Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO)n Dhiha Harargee Ona Hawwii Guddinaa bakka Sakattee jedhamutti waraana diinaa sakattaaf bobbaa irra ture irratti tarkaanfii haleellaa fudhateen 6 ajjeesuun, 7 ol ammoo madeessuu Ajaji WBO Godina Bahaa mirkaneessee jira. Lola kanaan qawween AK-47 3 fi meeshaaleen adda addaa booji’amuunis gabaafameera.
Walumaagalatti WBOn Godina Bahaa Fulbaana 03, 04 fi 06, 2015 Bahaa fi Lixa Harargee Onoota Gammachiis, Miidhagaa fi Hawwii Guddinaa keessatti tarkaanfii waraana diinaa irratti fudhateen loltoota 20 yeroo ajjeesu, 22 ol madeessuu, konkolaataa waraanaa tokko barbadeessuu fi qawwee AK-47 7 diina irraa booji’uun dantaa QBOf oolchuu Ajaji WBO Godina Bahaa beeksisee jira.

No comments:

Post a Comment