Wednesday, November 25, 2015

Godina Lixa Wallagga Ijoolleen Oromoo ukkaamfaman

Godina Lixa Wallagga Ona Ganjii irraa dargaggootni Oromoo barreessaa kitaaba UDDEELLAA, Galataa Caalaa Baayisaa akkasumas obboleessa isaa Qadiidaa Caalaa Baay’isaa fi Takkaalliny Bantii Baay’isaa jedhaman humnoota tikaa wayyaaneen ukkaamfamuun eessa buuteen isaanii dhabame.
caalaa(SBO – SADAASA 25, 2015) Dargaggoo Galataa Caalaa Baayisaa Sadaasa 21/2015 galgala keessaa sa’a 10:00 irratti magaala Ganjiitii qabamee waajira poolisii Ona Ganjiitti geeffamee ergasii bakka buuteen isaa dhabamuun gabaafamee jira. Obboleessi isaa Qadiidaa Caalaa Baay’isaa fi Takkaalliny Bantii Baay’isaas guyyuma kana isa faana qabamuun bakka buuteen isaanii dhabamee jira.
Barataa leenjii barsiisota Naqamtee w0aggaa 3ffaakan ta’e dargaggoo sabboonaa Galataa Caalaa, dhiheenya kitaaba mata dureen isaa UDDEELLAA jedhu barreessee gabaa irra kan jiru ta’uunis beekameera.
Dargaggootni sabboontotni Oromoo kunniin badii dalagan qabaatanii kan ukkaamfaman osoo hin taane, Oromummaa isaaniif ejjennaa qabantu akka ukkaamfaman isaan taasise.
Dargaggootni Oromoo Galataa Caalaa Baayisaa, Qadiidaa Caalaa Baay’isaa fi Takkaalliny Bantii Baay’isaa yeroo ammaa kana bakki isaan buufaman haga ammaatti hin baramin jira.
Yeroo ammaa kana mootummaan wayyaanee Sochii FDG barattoota, dargaggoota ykn Qeerroo Oromoon finiinaa jiruu fi sirna isaa raasaa jiru dhaabuuf dargaggoota barattoota qaroo fi jajjaboo ta’an dhaabbilee barnootaa fi hawaasa keessaa funaanee hidhuu fi ajjeesuu bal’inaan geggeessaa jira.
Barattootni/Qeerroo fi dargaggootni akkasumas sabboontotni Oromoo gama isaaniitiin hidhaa fi ajjechaan gaaffii mirga abbaa biyyummaa fi falmaa bilisummaa irraa nu hin deebisu jechuun FDG jalqaban finiinsuu irratti argaman.

No comments:

Post a Comment